Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 2:2 - Waadaa Haarawa

2 Inni'llee cubbamoota ni dhabamisiisa, cubbuu keenna qofa uduu hin ta'in, cubbuun biyya lafaa maraa ka dhabamisiifamu isaan.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Inni woreega gumaa cubbuu keennaati. Kunillee nuu calla'aaf uduu hin ta'in cubbuu biyya lafaa maraaf.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Inni woreega gumaa cubbuu keennaati. Kunillee nuu calla'aaf uduu hin ta'in cubbuu biyya lafaa maraaf.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 2:2
17 Referans Kwoze  

Waaqinni Abbaan Faayyisaa biyya lafaa taasisee Ilma akka ergeen arginee jirra, ragaa ni baanalle'e.


Kristos'llee mataan isaatuu gara Waaqaa titti akka nu dhiyeessuuf inni qulqullaawomaa ta'ee uduu jiru, qulqullaawoma ka hin qabnne nu'u sababa cubbuu keennaatiin, haala irra deebii hin qabnneen yeroo tokko rakkinna fudhachu'uun du'ee jira, inni fooniin ni du'e, hafuuraan garuu jiraataa ni ta'e.


Jaalala jechuun akkana, nu'u waan Waaqa jaalanneef uduu hin ta'in, inni waan nu jaalatee fi cubbuun keenna'llee akka nuuf dhabamisiifamuuf, Ilma isaa waan nuuf ergeef.


Guyyaa itti aanutti'llee Yohaannis gara isaa yoo dhufu argee akkana ni jedhe, «Kunoo, cubbuu biyya lafaa ka dhabamsiisu Hoolaan Waaqaa kana!


Cubbuu irraa fooyaminnee qulqullumma'aan akka jiraannuuf, inni mataan isaatuu foon isaatiin cubbuu keenna fannoo irratti ni baadhate, madaa isaatiin isin fayyitanii jirttan.


Dubarttiin'llee, «Ammaa achitti isa ka amannuun dubbii ati nutti himtte qofaan uduu hin ta'in, nu mataan keennaa waan isa dheeeffannee fi dhugamaanuu inni Fayyisaa biyya lafaa akka ta'e waan beekinneef» isi'iin jedhan.


Garuu inni ifa keessa akka jiru nu'llee ifa keessa uduu jiraannee, ufii keenna tokkummaa ni qabaanna. Deebi'ee'llee dhiiginni Ilma isaa Yesus Kristosii, cubbuu mara irraayyuu nu ni qulqulleessa.


ani'llee arddii irraa gara olii titti yeroo ol fudhatametti, nama maraa gara kiyya ni harkisa.»


Nu ka Waaqaa ta'uu keenna ni beekinna. Biyyi lafaa garuu marri isaatuu bitamaa sheexanaa ta'anii jiran.


Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.


Kanaaf waan maraanuu akkuma obboleeyyan isaa ta'uu qaba ture, bifa kanaan cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf jedhee, Waaqa tajaajilu'uuf amanama'aa fi itti gaafatamaa qeesotaa ni ta'e.


Kristos cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf akka mulidhatee fi inni'llee cubbuu akka hin qabnne, ni beekittan.


«Tajaajilaan'llee deebi'ee dhufeeti Gooftaa isaatiin, ‹yaa Gooftaa! Kunoo waan ana ajaje maraa raawwadhee jira, haa ta'u malee amma'llee bakki duwwaan ni jira› jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite