1 Ergaa Yohaannis 1:3 - Waadaa Haarawa3 Nu'uun woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka arginee fi ka dhageenne'llee isinitti'llee ni himnna. Tokkummaan keenna'llee Waaqa Abba'aa fi Ilma isaa Yesus Kristosiin woliin. Gade chapit laWAADAA LAMMATAA3 Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka argineef ka dhageenne isinitti himna, tokkummaan keenna Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin. Gade chapit laKitaaba Woyyuu3 Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka arginee fi ka dhageenne isinitti himna; tokkummaan keenna Aabba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin. Gade chapit la |
Bulchitoonni isaanii tajaajiltoota worri ta'an Gooftaa Yesusiin obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin, gonkumaa tajaajila isaanii irraa worri faayiddaa argatan, bulchitoota isaanii ka amanttoota ta'anii fi obboleeyyan isaanii ka jaalataman waan ta'aniif, waan duraanii caala'atti isaan haa tajaajilan. Ati'llee barsiisu'uu fi gorssuu ka qabddu kana.
Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.