Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 1:2 - Waadaa Haarawa

2 Jireenni kun mulidhatee jira, nu'llee argineenii jirra, ragaa ni baana'lle'e. Waaqa Abbaa bira ka turee fi nu'utti'llee ka mulidhate, jireenna bara baraa ni dubbanna.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

2 Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e, jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e; jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 1:2
37 Referans Kwoze  

Ilmi Waaqaa akka dhufee fi Waaqa dhuga'aa'llee akka beekinnuuf, onnee hubattuu akka nuuf kennee ni beekinna, karaa Ilma isaa Yesus Kristositiin, isa Waaqa dhuga'aa woliin tokkummaa ni qabnna. Yesus Kristos Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Isaa keessa'llee jireennatu ture, jireenni kun'llee ifa namootaa ni ture.


Dhossaan amantii keennaa shakkii malee ol aana'aa, inni'llee Waaqinni, «Nama ta'ee ni muldhate, dhugaa ta'uun isaa'llee hafuuraan ni beekkame, maleyikkootatti ni muldhate, ummatoota maraaf ni lallabame, namoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu itti ni amanan, ulfinnaan gara sami'ii ol ni deebi'e» ka jedhu.


Jireenni bara baraa'llee si qofa, ati qoftti Waaqa dhuga'aatii fi Yesus Kristosii ergite'llee, beeku'u.


Ragummaan isaa'llee Waaqinni jireenna bara baraa akka kennee fi jireenni kun'llee Ilma isaatiin akka jiru, ka ragaa bayu.


Sheexanni jalqabumaayyuu kaasee cubbuu waan hojjatuuf, cubbuu ka hojjatu marrinuu worra sheexanaati. Ilmi Waaqaa ka muldhateef'llee hujii sheexanaa diigu'uuf.


Amantiin kun'llee abddii dubbii jireenna bara baraa irratti ka hunddaaye, Waaqinni hin sobinne jireenna kana kennu'uuf barootaan duranatti, waadaa nuuf ni aseene.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Kara'aa fi dhugaan, jireenni'llee ana, karaa kiyyaan yoo ta'e malee eennu'llee gara Waaqa Abba'aa ka dhufu, hin jiru.


Kristos cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf akka mulidhatee fi inni'llee cubbuu akka hin qabnne, ni beekittan.


Kennaan bilisaa kun'llee fayyisaan keenna Yesus Kristosii dhufuu isaatiin, amma ni muldhate. Inni'llee huminna du'aa dhabamisiisee karaa wongeelaatiin duuti ka keessa hin jirre, jireenna bara baraa nu'utti ni muldhise.


Garuu barri murttaaye yeroo gayetti Waaqinni Ilma isaa nuuf ni erge, Inni dubarttii irraa ni dhalate, seeraaf'llee ajajamaa ni ta'e.


Isin'llee jalqaba irraa kaasee anaan woliin waan turttaniif, ragaa ni baatan» jedhe.


Jireenna kennaa ka ta'e ni ajjeefttaniin, Waaqinni garuu du'aa ni kaaseen, waayee kanaaf nu'u ragoota.


Eegaa ani isaaniin woliin jaarssa woldaya amantii ka ta'e, rakkinna Kristosii'llee ragaa ka ta'e, akkuma kana ulfinna ufi durana mulidhatuu'llee qoodamaa ka ta'u, jidduu keessan ka jiran jaarssotii woldayaa amanti'ii ni gorssa.


Dadhabinna amala ilma namaa irraa ka ka'een, seerri raawwachu'uuf waan hin danda'in Waaqinni taasisee jira, ilma ufii'llee fakkeennummaa foon cubbama'aatiin sababaa cubbu'uutiin ergee, foon isaatiin cubbuu murti'iin ni dhabamisiise.


Ka muldhate'llee durssee ragoota Waaqaan filatamaniif malee, ummata maraafii miti, inni du'aa eega ka'een duubatti nu worrinuu isaan woliin ka nyaannee fi ka dhuginne ragoota,


waan kanaaf nu ragootaa, Hafuurri Qulqulluun Waaqinni worra ajajamu maraaf kenne'llee, raga'a.»


Yesusii kana'llee Waaqinni du'aa ni kaaseen, nu marri keennaa waan kanaaf ragoota.


akkuma kana cuuphaa Yohaannisiitii jala qabee, haga guyyaa Gooftaan Yesus gara samii ol deebi'ee titti, namoota woliin turan kanniin keessaa tokko, nu'u woliin ragaa du'aa ka'iinssaa isaa akka ta'u, ni barbaachisa.


Yesus du'aa eega ka'een asitti barattoonni isaa isa yoo argan, kun yeroo sadaffaatiif ture.


Yaa Abbaa! biyyi lafaa uduu hin uumaminiin duranatti, ulfinna si woliin ni qaba tureen, amma'llee ufi biratti ana kabaji.»


Waaqa Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufee jira, deebi'ee'llee biyya lafaa kana dhiisee, gara Waaqa Abba'aa ni deema.»


Ani waan Abbaa kiyya irraa arge ni dubbadha, isin garuu waan abbaa keessan irraa argitan, ni raawwattan.»


Ani garuu isa biraa waan dhufee fi inni'llee waan ana ergeef, ni beekaan.»


Sami'ii ka bu'e Ilma Namaa malee, gara sami'ii ka baye eennu'llee hin jiru.»


Waaqa ka argeen gonkumaa eennu'llee hin jiru, haa ta'u malee Waaqa Abbaa bira ka jiru, Ilmi isaa tokkochi qoftti ni ibiseen.


Jalqabumaayyuu ka ture waayee dubbii jireennaa isiniif ni barreessina, kun dubbii jireenna ka dhageennee fi ija teennaan ka argineen, ka laalee fi harka keennaan'llee ka qaqabnneen.


Ani jireenna bara baraa isaaniif ni kenna, kanaaf gonkumaa hin badan, harka kiyyaa eennu'llee butee isaan hin fudhatu.


Kana ka arge, isin akka amanttaniif raagaa ni baye, ragummaan isaa'llee dhuga'a, wonitti dubbatu'llee dhugaa akka ta'e, inni ni beeka.


Kun'llee abddii Kristos nuuf kenne, jireenna bara baraati.


Hafuura Waaqaa addaan baafittanii ka beekittan kanaan, Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa hafuurri amanu marrinuu, Hafuura Waaqati.


Waaqinni Abbaan Faayyisaa biyya lafaa taasisee Ilma akka ergeen arginee jirra, ragaa ni baanalle'e.


Isin worri maqaa Ilma Waaqaa titti amanttan marrinuu, jireenna bara baraa ka qabddan ta'uu akka beekittaniif, kana maraa isiniif barreessee jira.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite