Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




1 Ergaa Yohaannis 1:10 - Waadaa Haarawa

10 Cubbuu hin hojjanne yoo jenne Waaqa sobaa ni taasfnnaan, dubbiin isaa'llee nu keessa hin jiru.

Gade chapit la Kopi

WAADAA LAMMATAA

10 Cubbuu hin hunye yoo jenne, Rabbiin sobaa goonna; dubbiin isaallee nu keessa hin jiru.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Cubbuu hin hunye yoo jenne, Rabbiin sobaa goona; dubbiin isaallee nu keessa hin jiru.

Gade chapit la Kopi




1 Ergaa Yohaannis 1:10
12 Referans Kwoze  

Cubbuu hin qabnnu yoo jenne mataa keenna ni sobinna. Dhugaan'llee nu keessa hin jiru.


Ka Ilma Waaqaa titti amanu ragummaan kun onnee isaa keessa ni jira, Waaqatti ka hin amanne garuu ragummaa Waaqinni waayee ilma isaatiif kenne amanuu dhabuu isaatiin, ka dharaa isaa taasisee jira.


«Waaqa ni beeka» jedha'aa ajaja isaa ka hin raawwanne yoo jiraate inni sobddicha, dhugaan'llee isa keessa hin jiru.


dhugaan kun'llee ka nu jidduu jiruu fi ufi durana'llee, bara baraaf ka nu woliin jiraatu.


Yaa ijoolle, Waaqa Abbaa waan beekittaniif isinii ni barreessa. Yaa abbootii, jalqabumaayyuu ka ture waan beekitaniiniif, isiniif barreessee jira. Yaa dargaggoota, jajaboota waan taatanii fi dubbiin Waaqaa'llee onnee teessan keessa waan jiraatuuf, sheexana'llee waan injifattaniif isiniif barreessee jira.


Dubbiin Kristosii guutumma'aan onnee teessan keessa haa jiraatu, ogummaa maraan ufii keessan wol irraa baradhaa, mari'adhaa, faaru'uu fi galataan, qooniqqa hafuuraya'aan'llee, Waaqa onne'een galateeffata'aa faarssaa.


Yaa ijoolle! isin ka Waaqaati, Hafuurri isin keessa jiru biyya lafaa keessa hafuura jiru ni caala. Kanaaf nabiyyoota dharaa injifattanii jirttan.


Ragummaa isaa ka fudhatu garuu, Waaqinni dhugaalessa ta'uu isaa ni mirkaneessa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite