Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Yohaannis 5 - WAADAA LAMMATAA


Yesuus Nama Laamshayaa Tokko Fayyise

1 Kanaan maayii, Yesuus ayyaana Yihuudotaatii fi gara Yerusaaleemii ol baye.

2 Yerusaaleemiin keessa karra hoolotaa bira haroon afaan Ibiraayiisxiitiin «Beetasayidaa» jedhamtu takkatu jira, isiin karaa ittiin seenan shan qabdi.

3 Kanniin keessatti baniin hedduu worri dhibame, balloonni, worri naafate, worri nafti isaanii laamshaye, socho'uu bisaanii eega'aa achi ciisan.

4 Hennaa gari garii Maleekkaan Rabbii bu'ee bisaan waan sochoosuuf. Haga bisaan socho'een maayessa, hennaa san namni firrisee bisaan keessa seene dhibee maraa irraa hin fayya.

5 Hulee san namicha woggaa soddomii saddeetaaf dhibame tokkotu jira.

6 Yesuus namicha kana uduu inni achi ciisu argee, bara hedduu haala akkasii keessa akka ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedheen.

7 Dhibamaan sun, «Gooftaa kiyya, hennaa bisaan socho'u nama achi keessa na buusu hin qabu, yoo ani buu'uuf tattaafadhu ka biraatitu na firisee keessa bu'a» jedhee deebiseef.

8 Yesuus, «Ka'i, itillee irra ciiftu baadhadhuu deemi» jedheen.

9 Namichillee yoosuu fayyee itillee ufii baadhatee deeme. Guyyaan sun Sambata diqqa'a.

10 Kanaafuu Yihuudonni namicha fayye saniin, «Guyyaan Sambata waan ta'eef, itillee irra ciiftu baadhattee akka deemtu seerri sii hin kennu» jedhaniin.

11 Inni ammoo, «Namicha na fayyise santu, ‹Itillee tee baadhadhu deemi!› naan jedhe» jedhee isaanii deebise.

12 Isaanillee namichi itillee tee baadhadhuu deemi siin jedhe eennuu? Jedhanii gaafataniin.

13 Haata'uu ammoo hulee san baniin heddu waan tureef, Yesuus achii siqee waan tureef; namichi isa fayyise eenuun akka ta'e hin beene.

14 Achiin maayii Yesuus mana woyyuu keessatti isa argeenii, «Kunoo fayyiteerta; wonti kana caalu akka sirra hin geenne, ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.

15 Namichillee deemee ka isa fayyise Yesuusiin akka ta'e Yihuudotatti hime.

16 Guyyaa Sambataatiin waan kana waan godheef Yihuudonni Yesuusiin reebanii ajjeesu'uuf soqa'aa turan.

17 Yesuus ammoo, «Abbaan kiyya haga adhaa hin hojjata; anillee akkasuma hin hojjadha» isaaniin jedhe.

18 Eeganaa Sambata waan diigee calla'aafii miti, akkasuma Rabbi abbaa kiyya jedhee Rabbiin waan uf qixxeesseef, Yihuudonni isa ajjeesu'uuf guddisanii soqaniin.


Baallii Ilma Rabbii

19 Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf.

20 Aabba Ilma waan jaalatuuf, waan godhu maraa itti mudhisa, akka isin maalalfattaniif hujii kana caalu isatti mudhisa.

21 Akkuma Aabba, worra du'an kaasee jireenna isaanii kennu, akkasuma ilmillee worra jaalatuuf jireenna kenna.

22-23 Namoonni maruu akkuma Abbaan kabajjan Ilmallee akka kabajjanii fi murtii maraa Ilmaa kenne malee, Aabba nama tokkichattillee hin murteessu. Ka ilma hin kabajjine, Abbaa isa ergellee hin kabajju.

24 Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka dubbii kiyya dhagayu, ka na ergettillee ka amanu jireenna bara baraa qaba; du'aa gara jireennaatitti ceeyeera; gara murtii du'aa hin dhufu.

25 Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, worri du'an laagaa Ilma Rabbii hennaan dhagayan hin dhufa. Innillee ammuma. Worri dhagayanillee lubbu'uun jiraatan.

26 Akkuma Aabba ufitti jireenna qabu, Ilmillee akkasuma ufitti jireenna akka qabaatuuf isaa waan kenneeruuf,

27 Ilma namaa waan ta'eef, akka murtii kennuuf baallii kenneef.

28-29 Worri awwaala keessa jiran martuu sa'aatiin laagaa isaa dhagayan hin dhufa. Worri waan mishaa hojjatan jireennaaf ka'an. Worri dhara hojjatan murti'iif waan ol bayaniif kana hin maalalfatinaa'a.


Namoota Waan Yesuusii Ragaa Bayan

30 «Ani baallii kiyyaan womaa godhuu hin danda'u. Akkuma dhagayetti murteessa. Murtiin kiyyallee qajeela'a. Fedha ka na ergee malee fedha kiyya hin barbaadu.

31 Ani waan kiyya waan mataa kiyyaa yoo rage, ragaan kiyya dhuga'aa miti.

32 Ka waan kiyya ragu ka biraati, ragaan inni waan kiyya ragu akka dhugaa ta'e hin beeka.

33 Isin gara Yohaannisii namoota ergitaniirtan innillee dhuga'aaf rageera.

34 Ani ammoo nama irraa ragaa hin fuudhu. Akka isin fayyitaniif kana jedha malee.

35 Inni ibsoo bobayuu fi ifu. Isinillee bara diqqo'oof ifa sanitti gammaduu barbaaddan.

36 Ani ammoo ragaa ragaa Yohaannisii caalu qaba. Aabba akka raawwaadhuuf hujjii naa kenne. Hujjiin hojjata'aaru kun, Aabba akka na erge waan kiyya waan raguuf.

37 Aabbaan na ergellee waan kiyya rageera. Isin laagaa isaa womaa hin dhageenne. Bifa isaallee hin argine.

38 Isin ka inni ergetti waan hin amanneef, dubbii isin woliin jiraatu hin qabdan.

39 Isin kitaabbilee woyyootaan waan jireenna bara baraa qabdan waan isinitti fakkaatuuf, isaan qortan. Isaan garuu waan kiyya ragan!

40 Haata'uu ammoo jireenna argatu'uuf gara kiyya dhufuu hin feetan.

41-42 «Ani nama irraa ulfinna hin fudhu. Haata'uu ammoo isin jaalala Rabbii akka uf keessaa hin qabne hin beeka.

43 Ani maqaa abbaa kiyyaatiin dhufeera. Isin garuu na hin simanne ka biraa uduu maqaa ufiitiin dhufee, isa ammoo hin simattan.

44 Isin ka wolii ulfinna kennitan ulfinna Rabbii tokkicharraa dhufu worri hin barbaanne attamitti amanuu dandeettan?

45 Ani Abbaa kiyya biratti waan isin himadhu isinitti hin fakkaatin. Ka isin himatu hin jira jedhe; innillee ka isin abdii godhattan Muuse'e.

46 Silaa uduu Muuse'ettuu amantanii jiraattanii, nattillee hin amantan. Inni waan kiyya waan barreesseeruuf.

47 Isin ammoo kitaabota yoo hin amanne dubbii kiyya attamitti amanuu dandeettan?

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Swiv nou:



Piblisite