Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Maatewos 14 - WAADAA LAMMATAA


Du'uu Yohaannisii Cuupha'aa
( Mar. 6:14-29 ; Luq. 9:7-9 )

1 Bara san bulchaan kutaa arfaffa'aa Heroodis seenaa Yesuusii dhagayee,

2 Hojjattoota ufiitiin, «Kun Yohaannisii cuupha'atu du'aa ka'eera. Kanaaf hujiin maalaleen kun isaan hojjatamte» jedhe.

3 Heroodis sababaa Heroodiyaadaa haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosiitiif jedhee, Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisisee ture.

4 Yohaannis Heroodisiin «Haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun seeraa miti» jedheenii ture.

5 Heroodiis, Yohaannisiin ajjeesisuu barbaade, gumiin ammoo akka raagaatitti waan isa laalaniif sodaate.

6 Haata'uu ammoo guyyaa ayyaana dhaloota Heroodiisii mucattiin Heroodiyaada'aa isaan jiddu'utti sirbiteeti, Heroodiisiin guddiftee gammachiifte.

7 Kanaafuu Heroodiis waan isiin isa kadhatte maraa kennu'uufiif kaku'uun waadaa galeef.

8 Isiinillee haadhaan gorfamtee, «Ammuma mataa Yohaannisii cuupha'aa qorii keessa kaayii naa kenni» jette.

9 Mootiinillee hin gadde; Haata'uu ammoo waan dura kakatee fi namoota isa woliin jiraniif jedhee, mataa Yohaannisii muranii akka isi'ii kennan ajaje.

10 Innillee nama gara mana hidha'aatitti ergee, mataa Yohaannisii mursiise.

11 Mataa isaallee muranii Qorii keessa kaayanii fidanii mucatti'ii kennan; Isiinillee fuutee gara haadha ufii fidde.

12 Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa dhaqanii, reeffa isaa fidanii awwaalanii deebi'anii Yesuusitti odeessan.

13 Yesuusillee du'a Yohaannisii hennaa dhagaye, hulee sanii ka'ee hojja ufii yabalaan gara lafa udume'ee dhaqe.

14 Baniinillee akka inni deeme hennaa dhagayan, qachaa keessaa bayanii miilaan isa faanaa deeman. Yesuus yabala keessaa bayee banii heddu argee, isaaniif gaddee dhibamtoota isaaniillee fayyise.

15 Hennaa lafti dhiite, darasoonni gara isaa dhiyaatanii, «Lafti udume'e, laftillee dhiiteerti kanaaf gara gandootaa dhaqanii waan nyaatan akka bitatan gumii kana gad dhiisi» jedhaniin.

16 Yesuus ammoo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu, isinuu waan nyaatan kenna'aaf!» isaaniin jedhe.

17 Isaanillee deebisanii, «Nu xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa malee, asii womaa hin qabnu» jedhaniin.

18 Yesuus, «Sanuma as fidaa'a!» jedhe.

19 Achiin maayessa inni gumiin marga irra akka taa'an ajaje. Xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa fuudhee, gara sami'ii ol laalee, galateeffatee xoroshoo caccabsee, darasootatti kenne; darasoonnillee gumi'iif kennan.

20 Gumiin martinuu nyaatanii quufanii; hambaa irraa hafe, xoroshoo gindoo kudha lama guutuu fuudhan.

21 Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen uduu hin laakkayamin, dhiirti callaan kuma shan.


Yesuus Bisaan Irra deeme
( Mar. 6:45-52 ; Yoh. 6:15-21 )

22 Yesuus uduu gumii geegessa'aaru darasoonni isaa yabala keessa seenanii gara gamaa akka isa firrisanii bayan isaanitti hime.

23 Yesuus gumii haga geegesseen maayii, faateeffachu'uuf hojjuma ufii gara gaaraa ol baye. Hennaa galgaloofte, inni hojjuma ufii achi ture.

24 Hennaa san yaballi ammoo, galaana edduu uduu deema'aartu bubbeen waan gara afo'ootiin bubbisa'aa tureef, dambali'iin asii fi achi raafamte.

25 Halkan keessa gara iyya lukkuu lammaffa'aa Yesuus galaana irra deema'aa gara isaanii dhufe.

26 Darasoonni isaa uduu inni galaana irra deemu arganii, bararraaqanii, «Kun ekera'a» jedhanii sodaatanii iyyan.

27 Hennama san Yesuus ammoo, «Jabaadhaa'a! anaa, hin sodaatinaa'a!» jedhee dubbate.

28 Pheexroosillee deebisee, «Gooftaa'a, yoo si taate, gara kee bisaan irra akka dhufu na ajaji» jedheen.

29 Yesuus deebisee, «Koottu!» jedheen. Maarre Pheexroos yabala keessaa bu'ee gara Yesuusii dhaqu'uuf, bisaan irra deeme.

30 Haata'uu ammoo, hunna bubbe'ee hennaa arge, sodaatee liqimfamuu jalqabee jennaan, «Gooftaa'a, na oolchi.» jedha'aa iyye.

31 Yesuus yoma san harka ufii hiixatee, isa qabee, «Ati bada nama amantaa dhidhu'uu! Maaf mamte?» jedheen.

32 Hennaa Yesuusii fi Pheexroos yabala keessa seenan qilleensi cadhise.

33 Worri yabala keessa turan, «Dhugamaan ati Ilma Rabbiiti» jedhanii sagadaniif.


Yesuus Genesaarexitti Worra Dhibame Fayyise
( Mar. 6:53-56 )

34 Yesuusii fi darasoonni isaa hennaa gama ceeyan, lafa Genesaarexi jedhamtu gayan.

35 Worri hulee san jiran Yesuusiin ta'uu haga beekan, gara biyya naannaya isaanii jiran marattuu erganii, dhukkubsattoota maraa gara isaa fidan.

36 Qaccema uffata isaa callaa tuqanii fayyu'uuf isa kadhatan. Worri isa tuqe maruu hin fayye.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Swiv nou:



Piblisite