Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Maarqoos 8 - WAADAA LAMMATAA


Yesuus Namoota Kuma Afurii Nyaachise
( Mat. 15:32-39 )

1 Hennaa san gumiin guddaan Yesuusiin biratti wolgayan. Sababaa isaan waan nyaatan dhabaniif Yesuus darasoota gara ufii waamee,

2 «Baniin kun na woliin guyyaa sadihii waan turaniiraniif; waan nyaatan waan hin qabneef garaa na nyaatan.

3 Isaan keessaa gari gariin lafa fago'oo waan dhufaniiraniif uduu isaan waa hin nyaachifne gara manaa deema'aa galaa yoo jenne, karaa irratti laafanii kufan» jedheen.

4 Darasoonni isaa deebisanii, «Lafa gammoojjii akkanaatitti nyaata namoota haganaatii gayu eessaa fuuna» jedhaniin.

5 Innillee, «Xoroshoo hagam qabdan?» jedhe isaan gaafannaan, «Xoroshoo torba» jedhaniin.

6 Inni gumii saniin, «Lafa taa'aa'a» jedhee, xoroshoo torbaa san fuudhee, Rabbiin galateeffateeti, caccabsee, gumi'ii akka qoodan darasoota ufiititti kenne; isaanillee gumii taa'e sanii qoodan.

7 Akkasuma isaan qurxummii didiqqoo hagoo qaban; Yesuus qurxummii saniifillee Rabbiin galateeffatee, akka gumi'ii qoodan darasoota ufiititti kenne.

8-9 Gumiin namoota kuma afurii sun haga nyaatee quufeen maayessa, hambaa hafe gindoo gugurdaa torba guutuu isaan jalaa kaasan. Yesuus akkuma gumii ufirraa galcheen,

10 darasoota woliin gara aanaa Dalmaanuta'aa dhaqe.


Worri Fariisotaa Malkata Gaafatan
( Mat. 16:1-4 )

11 Fariisonni qoru'uuf bayanii malkata samii irraa akka itti mudhisu isarraa barbaadanii isaan wol mormuu jalqaban.

12 Inni hafuura guddaa baafatee, «Dhaloonni kun maaf malkata barbaadan? Dhuga'aan isiniin jedha, dhaloota kanaaf malkanni hin kennamuuf» jedhe.

13 Achiin maayessa, inni achumatti isaan dhiisee yabala keessa seenee gama ceeye.


Raacitii Fariisotaatii Fi Heroodisii
( Mat. 16:5-12 )

14 Darasoonni dhalee qabachuu waan irraanfataniif xoroshoo tokkottii malee yabala keessaa womaa hin qaban.

15 Yesuus isaaniin, «Laalladhaa'a! raacitii Fariisotaatii fi Heroodiisii irraa uf-eeggadhaa'a» jedhee isaan seere.

16 Isaan, «Waan nu dhalee hin qabneef akkana nuun jedha» jedhanii woliin qaaqan.

17 Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Maaf waan dhalee dhabuu keessanii woliin qaaxxan? Isin Haga ammaa hin beennee yookiin hin hubannee? Qalbiin teessan duuda'a?

18 Ija uduu qabdan hin argitanii? Gurra uduu qabdan hin dhageettanii? hin qaabattanii?

19 Hennaa ani xoroshoo shanii namoota kuma shaniif caccabse, hambaa hafe gindoo hagamii kaaftan?» isaanillee «Kudha lama» jedhanii deebisaniif.

20 Yesuus itti aansee, «Xoroshoo torba namoota kuma afuriif hennaa caccabse, hambaa hafe Gindoo hagam guutuu kaaftan?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Torba» jedhaniin.

21 Inni, «Isin haga ammaallee hin hubannee?» isaaniin jedhe.


Yesuus Nama Ballaa tokko Fayyise

22 Yesuusii fi darasoonni isaa gara Beetasaayidaa dhufan. Jarri tokko namicha ballaa tokko gara isaa fidanii akka inni harkaan qaqqabu kadhatan.

23 Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee ganda san keessaa baasee, ija isaatitti tufee, harka ufii irra kaayee, «Waa arga'aartaa?» jedhee gaafate.

24 Namichi ol jedhee laalee, «Ee, namoota arga'aara; haata'uu ammoo akka muka deemuu na fakkaatan» jedhe.

25 Yesuus ammallee harka ufii ija namichaa irra kaaye. Hennaa san namichi guuttatee laale. Ijji isaa fayyitee waa maraa midhaassee arge.

26 Achiin maayessa Yesuus, «Ganda keessa hin deddeemn, eennuttillee hin himin» jedhee namicha gara mana isaa erge.


Pheexroos Yesuus Eennuun akka ta'e Hime
( Mat. 16:13-20 ; Luq. 9:18-21 ; Yoh. 6:66-71 )

27 Yesuusii fi darasoonni isaa gara ganda Filiphoos Qeesaariya'aa bayanii, inni uduu deema'aaran karaa irratti «Namoonni naan eennu jedhan?» jedhee darasoota gaafate.

28 Isaanillee, «Gariin Yohaannisii cuupha'a, gariin Eeliyaas, kuuwwan ammoo raattota keessaa tokko siin jedhan» jedhanii deebisaniif.

29 Yesuus, «Isin hoo eennu naan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroosillee, «Ati Kiristoos» jedhee deebise.

30 Waan isaa eennuttillee akka hin himne isaan seere.


Yesuus Waan Rakkinaa Fi Du'a Ufii Dubbate
( Mat. 16:21-28 ; Luq. 9:22-27 )

31 Achiin maayii Yesuus, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddisee rakkata. Inni hin jibbama, hin ajjeefama; guyyaa sadihiin maayii hin ka'a» jedhee isaan barsiisuu jalqabe.

32 Inni waan kana ibsee dubbate. Pheexroos Yesuusiin ufitti sissee isa teedeffatuu jalqabe.

33 Inni ammoo garagalee darasoota laalee, Pheexroosiin, «Seexana nana, na biraa fagaadhu; Ati waan namaa malee, ka Rabbii hin yaaddu» jedhee teedeffate.

34 Achiin maayii Yesuus gumii'ii fi darasoota ufitti waamee, «Namni na faanaa deemuu barbaadu yoo jiraate, uf haa waakkatuu; fannoo ufiillee baadhatee na faana haa deemuu.

35 Namni lubbuu ufii hambifachuu barbaadu maruu hin balleeffata; waan kiyyaa fi waan Oduu Nagayaatiif lubbuu ufii ka balleeffatu maruu ammoo hin oolfata.

36 Namni waan adunyaa tanaa maraa qabaatee, lubbuu ufii yoo dhabe ammoo maal isaa godha?

37 Namni bikka lubbuu ufii maal kennuu danda'a?

38 Namni kamuu dhaloota seebaruu fi cubbamaa kana keessatti, naa fi dubbii kiyyatti yoo saalfate, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ufiitii fi maleekkota Woyyuu woliin hennaa dhufu isatti saalfata» jedhe.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Swiv nou:



Piblisite