Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Maarqoos 5 - WAADAA LAMMATAA


Yesuus Nama Jinniin Dhaye Fayyise
( Mat. 8:28-34 ; Luq. 8:26-39 )

1 Yesuusii fi darasoonni isaa gara galaana gama gara biyya Gergessooni dhaqan.

2 Hennaa Yesuus yabala keessaa baye, namichi ayyaanni battiin dhayeeru tokko awwaallan jiddu'uu bayee gara isaa dhufe.

3 Namichi kunillee bakka awwaalaa jiraata'aa ture; eennulle sansalaataan isa hidhuu hin dandeenne.

4 Hennaa hedduu sansalaataa fi gaadii sibiilaatiin hidhama'aa ture. Haata'uu ammoo sansalaata ufirraa kukkuta'aa, gaadii sibiilaallee caccabsa'aa ture. Namni danda'ee isa gad qabu tokkolle hin jiru.

5 Hennaa maraa halkanii fi guyyaa awwaallan jiddu'uu fi gaarran irra naannaya'aa iyya'aa, nafa ufiillee dhaka'aan duguuga'aa ture.

6 Inni hennaa Yesuusiin fago'otti arge gara isaa fiigee, jilbiiffatee sagadeefii,

7 laagaa gudda'aan iyyee, «Yesuus, Ilma Rabbii Ol'aana'aa! Maal narraa qabda? ani Rabbiin si wogee na hin rakkisin» jedheen.

8 Yesuus, «Ayyaana battii, nama kana keessaa bayi» waan isaan jedheeruuf.

9 Yesuus, «Maqaan kee eennu?» jedhee isa gaafate. Inni, «Nu heddu waan taaneef maqaan kiyya duula» jedhee isaa deebise.

10 Biyya san keessaa akka isaan hin baafneef inni jabeessee isa kadhate.

11 Ededa gaara achi jiruu irra gobbuun booyye'ee heddu bobbayanii waan turaniif,

12 «Gara booyyotaa akka gallu nu ergi» jedhanii kadhatan.

13 Yesuusillee, «Maarre» isaaniin jedhe. Ayyaanonni battiin sunniinillee namicha keessaa bayanii gara booyyotaa galan. Gobbuun booyye'ee ka haga kuma lamaa gayan, afaan qilee irraa gara galaanaa gadi gugatanii liqimfaman.

14 Jarri tisse'eellee dheessanii, waan ta'e san qacha'aa fi baadiyyaa keessatti odeessan. Namoonnillee, waan ta'e san laalu'uuf dhufan.

15 Hennaa Yesuusiin bira gayan, namichi duula jinni'iitiin dhayamee ture sun, uffata uffatee, qalbiinillee deebiteefii ka taa'eeru arganii sodaatan.

16 Namoonni isa argan sun, waan namichi jinniin dhaye sun ta'ee fi waan booyyotaa bani'itti odeessan.

17 Achiin maayii akka Yesuus biyya isaanii dhiisee deemu Isa kadhatan.

18 Hennaa Yeuus achii deemu'uuf yabala yaabbata'aaru namichi jinniin dhaye sun, «Ani si woliin deema» jedhee isa kadhate.

19 Yesuus ammoo didee, «Gara mana keetii deebi'ii galii, waan guddaa attamii akka Gooftaan sii godhee fi attamitti akka inni siif garaa nyaattaye worra keetitti himi!» jedheen.

20 Namichillee deemee, waan guddaa attamii akka Yesuus isaa godhe biyya qachoota kudhan jedhamu maratti odeesse. Baniin dhagaye maruu hin maalalfate.


Mucattii Duutee Fi Dubartii Uffata Yesuusii Tuxxe
( Mat. 9:18-26 ; Luq. 8:40-56 )

21 Yesuus galaana gama yabalaan haga ceeyeen maayii namoonni heddu wolgayanii gara isaa dhufan. Innillee qarqara galaanaa ture.

22 Iyaayiroosi namni jedhamu itti gaafatamaan Mana sagada Yihuudotaa tokko dhufee, hennaa Yesuusiin arge luka isaa jalatti kufee,

23 «Mucattiin tiyya diqqoon dhibamtee afaan du'aa jala waan jirtuuf, akka fayyitee lubbu'uun jiraattu, koottuu harka kee isii irra kaayi» jedhee jabeessee kadhate.

24 Achiin maayii Yesuus isa woliin deeme; namoonni hedduullee isa faanaa deemanii gara maraan isa hucuucan.

25 Dubartiin dhiinni isi'ii woggaa kudha lamaaf jigu'uun rakkattu takka achi turte.

26 Isiin ogeeyyii qorichaa biratti yaalama'aa birrii ufii fixattullee, dhibeen itti jabaate malee, womaa isi'ii hin cabne.

27 Isiin hennaa gurra Yesuusii dhageette, isa duubaan gumii jiddu'uun dhuftee uffata isaa tuxxe.

28 Isiin, «Ani uffata isaa yoo tuqe hin fayya» jettee garaa ufiititti yaaddee turte.

29 Yomasan dhiinni isi'ii jiguu dhiisee, isiinillee dhibee ufii irraa akka fayyite ufirratti beette.

30 Yesuusillee yoosuu hunniti fayyumsaa isa irraa akka baye beekee, gumii jiddu'utti ufirra garagalee, «Uffata kiyya eentu tuqe?» jedhe.

31 Barattoonnillee, «Uduu akka gumiin si dhidhiiba'aaru argitu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» jedhaniin.

32 Yesuus ammoo nama isa tuqe argu'uuf ufirra garagalee laale.

33 Dubartittiin ammoo waan isi'ii godhame beettee sodaata'aa, hollata'aa, dhuftee luka isaa jalatti kuftee, dhugaa maraa itti himte.

34 Innillee, «Intala tiyya, amantaan kee si fayyiseera; nagayaan deem; dhibee kee irraallee fayyi» isi'iin jedhe.

35 Innillee uduma dubbata'aaru namoonni tokko tokko mana Iyaayiroosii bulchaa Mana sagada Yihuudotaatii dhufanii, «Intalti tee duuteertii, maaf barsiisaa dadhabsiifta?» jedhaniin.

36 Yesuus ammoo waan isaan jedhan san nafaan didee, bulchaa Mana sagada Yihuudotaatiin, «Amani malee, hin sodaatin!» jedheen.

37 Yesuus: Pheexroosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaannisii achi, eennullee akka isa faanaa deemu hin barbaanne.

38 Hennaa mana bulcha'aa san bira gayan, Yesuus namoonni iyya'aa, woca'aa, uduu booyan arge.

39 Inni mana seenee, «Maaf woca'aa boottan? Mucattiin hin rafteerti malee, hin duune» isaaniin jedhe.

40 Isaan ammoo itti kolfan. Achiin maayii inni isaan maraa manaa baasee, abba'aa fi haadha mucatti'ii, darasoota isa woliin jiranillee qabatee gara gola reeffi mucatti'ii jiru san seene.

41 Harka mucati'iillee qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen. Hiikkaanillee, «Mucattii diqqoo'o! Ol ka'i!» jechu'u.

42 Mucattiinnillee yoosuu kaatee dhaabattee deddeemte. Isiin nama woggaa kudha lamaati. Waan ta'e san guddisanii maalalfatan.

43 Yesuus waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne jabeessee isaan seere; waan nyaattullee akka isi'ii kennan itti hime.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Swiv nou:



Piblisite