Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Maarqoos 16 - WAADAA LAMMATAA


Yesuus Du'aa Ka'e
( Mat. 28:1-8 ; Luq. 24:1-12 ; Yoh. 20:1-10 )

1 Sambanni haga lufeen maayii Maariyaamiin Maqidalaa, Maariyaamiin haati Yaaqoobiitii fi Saloomeen nafa Yesuusiitiif Urgoodibu'uuf bitan.

2 Torbaan keessa guyyaa Sambata gudda'aa obboroo haga aduun baate gara awwaalaa dhufan.

3 Isaan kara'atti, «Dhagaa afaan awwaalaa irraa eentu nuu gangalcha?» Woliin jedha'aa turan.

4 Waan dhagaan guddisee guddaa tureef, itti siiqanii hennaa laalan dhagaan balbala awwaalaatii ka garagalfameeru argan.

5 Gara awwaalaa hennaa seenan ka'ima uffata adii uffatee, cinaa mirgaa tiin taa'eeru arganii nayan.

6 Inni ammoo, «Hin nayinaa'a; Yesuusii Naazireetii ka fannifame soqa'aartanii? Inni ka'eera arma hin jiru; kunoo huleen isa kaayan.

7 Haata'uu ammoo deema'aatii, darasoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isin firrisee Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin argitan› jedha'aatii himaa'a!» isaaniin jedhe.

8 Isaan naasu'uun bararraaqanii, achi keessaa bayanii awwaala biraa baqatan; sodaatanii waan turaniif eennuttillee womaa hin dubbanne. Isaan waan inni isaan ajaje maraa Pheexroosii fi worra isa woliin jiranitti gabaabsanii himan. Kanaan maayessa Yesuus Innumti Oduu Nagayaa ka fayyinna bara baraatiif ta'e Woyyuun hin jijjiiramne, baya biiftu'uutii haga dhiyaa isaan harka kaayee erge.


Yesuus Maariyaamii Qachaa Magdala'aatitti Mudhate
( Mat. 28:9-10 ; Yoh. 20:11-18 )

9 Yesuus jalqaba torbaanii, [guyyaa Sambata gudda'aa] ganama barii hennaa du'aa ka'e, dura Maariyaamii qachaa Magidala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseetti mudhate.

10 Isiin gara worra duri isa woliin jiranii, ka guddisanii gaddanii booya'aa jiranii dhaxxee, waan kana isaanitti himte.

11 Isaan ammoo akka inni jiraataa ta'ee fi akka isiin isa argitellee hennaa dhagayan hin amanne.


Yesuus Darasoota Lamaanitti Mudhate
( Luq. 24:13-35 )

12 Achiin maayessa isaan keessaa nama lamaa ka gara baadiya'aa deeman argee, karaa irratti bifa biraatiin isaanitti mudhate.

13 Isaanillee deemanii ka biraatitti odeessan. Isaan sunillee isaan hin amanne.


Yesuus darasoota Kudha Tokkotti Mudhate
( Mat. 28:16-20 ; Luq. 24:36-49 ; Yoh. 20:19-23 ; Hu. Er. 1:6-8 )

14 Achiin maayessa uduu isaan hurbaataa nyaachu'uuf ta'aniiran kudha tokkotuu mudhate; ka'ee sababa isaan garaa jabaatanii amanuu dhabaniif isaan tuffate.

15 Inni, «Gara biyya lafaa maraa dhaqaa'a! Uumama maratti Oduu Nagayaalallabaa'a!

16 Ka amane; ka cuuphamellee hin fayya; ka hin amanne ammoo itti murteeffama.

17 Worri natti amane, maalalee akka hojjatan hunni hin kennamaaf, isaan maqaa kiyyaan jinnii baasan, afaan haarawaanillee hin dubbatan.

18 Bofa yoo harkaan qaban, yookiin yoo waan nama ajjeesullee dhugaan isaan hin miidhu; harka ufiillee worra dhibamtoota irra yoo kaayan isaan hin fayyan» isaaniin jedhe.


Yesuus Gara sami'ii Ol Deebi'e
( Luq. 24:50-53 ; Hu. Er. 1:9-11 )

19 Gooftaan Yesuusillee isaan woliin haga kana dubbateen maayii gara sami'ii ol deebi'ee mirga Rabbii taa'e.

20 Isaanillee bayanii, naannoo maraa dhaqa'aa, Oduu Nagayaa lallaban. Gooftaanillee isaan woliin hojjata'aa ture. Maalalee hojjataniin lallaba isaanii isaanii mirkaneesse.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Swiv nou:



Piblisite