Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Maarqoos 15 - WAADAA LAMMATAA


Yesuusiin Philaaxoosiin Afoo Dhiyeessan
( Mat. 27:1-2 , 11-14 ; Luq. 23:1-5 ; Yoh. 18:28-38 )

1 Akkuma lafti bariiteen obboroo bulchoonni gadootaa, manguddoonni, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Yaa'iin murti'ii maruu woliin mari'atan. Achiin maayessa Yesuusiin hidhanii fuudhanii Philaaxoositti dabarsanii kennan.

2 Philaaxoosillee, «Ati Mootii Yihuudi'iitii?» jedhee gaafate. «Maarre atuu jette» jedhee deebise.

3 Mootonni gadootaallee waan hedduun isa himatan. Inni ammoo womaa isaanii hin deebifne.

4 Philaaxoosi ammoo, ammallee «Womaa hin deebiftuu? Kunoo waan meeqaan si himata'aaran?» jedhee gaafate.

5 Yesuusillee ammoo deebii biraa tokkollee hin deebifneef; Philaaxoos waan kana hin baaseeffate.


Yesuusitti Du'a Murteessan
( Mat. 27:15-26 ; Luq. 23:13-25 ; Yoh. 18:39—19:16 )

6 Hennaa ayyaana Faasika'aa Philaaxoos worra hidhaman keessaa nama tokko ka baniin gaafate isaanii hiiku'uuf aadaa qaban.

7 Hennaa san worra shiftanii lola kaasa'aa nama ajjeesanii hidhaman keessaa namicha Baarbaan jedhamu tokkotu ture.

8 Baniinillee bayanii akkuma baratame akka aadaa isaanii akka isaanii godhuuf Philaaxoosiin kadhatan.

9 Philaaxoosillee Mootii Yihuudii akka isinii hiiku barbaaddanii? isaaniin jedhe.

10 Inni akka bulchaa gadootaa hinaaffa'aan dabarsanii Yesuusiin isatti kennan beekeera.

11 Bulchoonni gadootaa, Philaaxoos bikka isaa Baarbaaniin akka isaanii baasuuf Banii kakkaasan.

12 Philaaxoos deebisee, «Eegasuu mootii Yihuudii ka jettan maal akka godhu barbaaddan ree?» isaaniin jedhe.

13 Isaaniilee, «Isa fannisi!» jedha'aa iyyan.

14 Philaaxoosillee, «Wonti hamaan inni godhe maali'i?» isaaniin jedhe. Isaan ammoo «Fannisi» jedhanii guddisanii iyyan.

15 Philaaxoos yaa'ii gammachiisu'uuf jedhee Baarbaaniin isaaniif hiike. Achiin maayessa Philaaxoos Yesuusiin shabbeenaan dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.

16 Loltoonni Yesuusiin gara dallawa galma mooti'ii keessa geessanii loltoota sanniin keessaa worra hafanillee waamanii wolitti qaban.

17 Isaan uffata diimaa dhiilgee itti uwwisanii qoree dhaddoo dhayanii mataa isaa irra kaayan.

18 Achiin maayessa isaan, «Mootii Yihuudi'ii nageenni siif haata'u» jedha'aa harka itti kaasuu jalqaban.

19 Isaan mataa isaallee ule'een dhaya'aa, itti tufa'aa, itti balda'aa afoo isaatitti jilbiiffatanii isaa sagadan.

20 Haga isatti baldaniin maayii uffata diimaa san irraa mulqanii, uffata isaa deebisanii itti uwwisanii fannisu'uuf achi geessan.


Yesuus Fannifame
( Mat. 27:32-44 ; Luq. 23:26-43 ; Yoh. 19:17-27 )

21 Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu abbaa Iskindiroosiitiif Ruufoosii, maasa'aa gara qacha'aa uduu dhufu, qabaniinii fannoo Yesuusii akka baatu hunnaan taasisan.

22 Isaan lafa golgootaa jedhamtutti Yesuusiin geessan; «Golgootaa» jechuun lafa «Buqee mata'aa» jechu'u.

23 Jarrillee inni daadhii woyini'ii ka qumbi'iin wolitti makame akka dhuguuf kennaniif. Inni ammoo dhuguu dide.

24 Achiin maayessa isa fannisan; uffata isaallee eennuun fa'a akka gayu beeku'uuf hixaa buusanii qoodaman.

25 Hennaa isa fannisan ganama keessaa sa'aatii sadihi.

26 Barreeffamni yakkaa ka inni ittiin himatame, «Mootii Yihuudotaa» jedha.

27 Isa woliinillee shiftoota lamaa tokko mirgaan tokko bita'aan fannisan.

28 Akka kanaan barreeffamni Woyyuun inni seera cabsitoota woliin laakayame jedhu sun raawwatame.

29 Worri achi biraan lufanillee mataa ufii raasa'aa akka malee isa arrabsa'aa, «Hay! Ati namni mana woyyuu diiddee guyyaa sadihitti deebiftee ijaartu,

30 Mee fannoo irraa bu'ii uf hambisi!»

31 Akkasuma bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yesuusitti balda'aa, «Inni worra biraa fayyiseera, uf hambisuu hin danda'u! woliin jedhan.

32 Inni Kiristoosii mootii Israa'elii yoo ta'e, Fannoo irraa uf haa buusuu. Achiin maayii nullee arginee isatti amannaa!» jedha'aa, jarri lamaan Yesuusiin woliin fannifamanillee isa arrabsan.


Du'uu Yesuusii
( Mat. 27:45-56 ; Luq. 23:44-49 ; Yoh. 19:28-30 )

33 Sa'aatii jaharraa jalqabee haga sa'aatii sagalii ardiin martinuu hin dukkanoofte.

34 Sa'aatii sagal irratti Yesuus, «Elohii, Elohii laamaa Sabaktanii?» jedhee laagaa gudda'aan iyye; akkasi jechuun, «Rabbii kiyya, Rabbii kiyya, maaf na dhiifte?» jechu'u.

35 Worra achi dhaabatan keessaa gariin kana dhagayanii, « Eliyaasiin waamata'aara» jedhan.

36 Isaan keessaa tokko fiigee dhufee, carqii qaccee ule'eetitti hidhee, daadhii woyini'ii dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaanitti cophu dhiyeesseef, «Eegi mee! Eeliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu laallaa!» jedhe.

37 Yesuus laagaa gudda'aan iyyee lubbuu ufii dabarsee kenne.

38 Golgi mana woyyu'uu gubbaa irraa haga gadii bakka lamatti tarsa'e

39 Ajajaan loltuu dhibbaa ka fannoo Yesuusii afoo dhaabateeru akkanatti iyyee lubbuu ufii dabarsee akka inni kenne hennaa arge, «Namni kun dhugamaan Ilma Rabbii ture» jedhe.

40-41 Dubartoonni gariin fagoo dhaabatanii laala'aa turan. Isaan keessaa Maariyaamii Magdalaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeen faati achi jiran. Isaan hennaa inni Galiilaa jiru isa faanaa deemanii, isa tajaajilan. Dubartoonni biraallee isa woliin gara Yeruusaalemii dhufanii achi jiran.


Yesuus Awwaalame
( Mat. 27:57-61 ; Luq. 23:50-56 ; Yoh. 19:38-42 )

42 Ammallee hennaa dhiye jal-bultii guyyaa Sambata diqqa'aatiif guyyaa qophii waan tureef,

43 Yooseef namni Armaatiya'aa beekkamaan yaa'ii Yihuudotaa tokko ija jabeennaan Philaaxoosiin bira dhaqee, reeffa Yesuusii akka isaa kennu isa kadhate. Yooseefiin kun inninuu nama dhufa jeennata Rabbii abdi'iin eeggata'aa ture.

44 Philaaxoos attamitti haganatti du'e jedhee maalalfatee, inni ajajaa dhibbaa waamee, «Haga du'e turee?» jedhee gaafate.

45 Philaaxoos akka Inni du'e ajajaa loltuu dhibbaa irraa hubatee, reeffa isaa Yooseefiif kenne.

46 Yooseefillee qoola reeffa ittiin kafanu bitee, reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, qoola saniin kafanee, awwaala dhaga'aan hojjatame keessa kaaye. Afaan boollaatitti dhagaa gangalchee cufe.

47 Maariyaamiin qachaa Maagidala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoosa'aa reeffa Yesuusii eessa akka kaayan laala'aa turan.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Swiv nou:



Piblisite