Wongeela Maarqoos 14 - WAADAA LAMMATAAMarii Yesuusiin Irratti Mari'atame ( Mat. 26:1-5 ; Luq. 22:1-2 ; Yoh. 11:45-53 ) 1 Ayyaanni Faasika'aatii fi ka xorosho'oo kabajjamu'uuf guyyaan lamaa yoo hafu, bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yesuusiin attamiin akka qabanii ajjeesan dhokatanii mari'atan. 2 Isaan, «Baniin akka hin boorofne guyyaa ayyaanaa irratti akka hin taane» woliin jedhan. Yesuus Bittaaniya'aatti Urgooftuu Dibame ( Mat. 26:6-13 ; Yoh. 12:1-8 ) 3 Yesuus hennaa Bittaaniya'aatti mana Simoonii dhukkuba gogaa kukkutuun qabameeruutitti hurbaata'aaf waamamee uduu achi jiru, dubartiin takka Urgoo Naardoosii ka gatiin isaa gudda'aa qabattee dhuftee, bilqaadii cabsitee mataa isaatitti buufte. 4 Namoota achi turan keessaa garii gariin itti aaranii, «Wonti Urgoo tana balleessaniif maali'i? 5 Urgooftuun tun silaa gatii woggaa tokkoo caala'atti gurguramtee, saantimiin kun hiyyeeyyi'iif kennamuu hin woyyuu» jedhanii hincinnaayanii isi'iin lolan. 6 Yesuus ammoo akkana isaaniin jedhe, «Isii dhiisaa'a! Isin maaf isii rakkiftan? Isiin waan mishaa naa gooteerti. 7 Hiyyeeyyiin hennaa maraa isin woliin jiran; hennama kamuu waan mishaa godhu'uufii hin dandeettan. Ani ammoo hennaa maraa isin woliin hin jiraadhu. 8 Isiin waan dandeette goote; duraan dursitee nafa kiyya awwaalaaf dibdeerti. 9 Ani dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa irratti hulee Oduun Nagayaa kun itti lallabamu maratti, wonti isiin goote akka isiin qaabatamtuuf himama.» Yihuudaan Yesuusiin Dabarsee Kennu'uuf Walii Gale ( Mat. 26:14-16 ; Luq. 22:3-6 ) 10 Achiin maayessa Yihuudaan namni biyya Keeriyootii darasoota kudha lamaan keessaa tokko, Yesuusiin dabarsee kennu'uuf gara bulchoota gadootaa dhaqe. 11 Isaan waan kana hennaa dhagayan gammadanii, birrii kennu'uufiif waadaa seenan; kanaaf Yihuudaan Yesuusiin dabarsee kennu'uuf hennaa isaa aanju barbaadate. Yesuus Hurbaata Faasika'aa Darasoota Ufii Woliin Nyaate ( Mat. 26:17-25 ; Luq. 22:7-14 , 21-23 ; Yoh. 13:21-30 ) 12 Guyyaa jalqaba ayyaana xorosho'ootiif hennaa Hoolaan qalamu darasoonni Yesuusii gara isaa dhufanii «Hurbaata ayyaana Faasika'aa eessatti akka siif qopheessinu feeta?» jedhanii Yesuusiin gaafatan. 13 Yesuus darasoota ufii lamaaniin, «Gara Qacha'aa deemaa'a! Nama tokko ka ottee bisaanii baatee deemu argitanii, isa faana deemaa'a. 14 Abbaa mana namichi sun itti galuun, ‹Manni keessumma'aa ka ani darasoota tiyya woliin Faasikaa itti nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan› jedha'aanii. 15 Achiin maayessa abbaan manaa sunillee mana manarraan jiru kutaa gubba'aa badhaa afamee qophaaye tokko isinitti mudhisaa, isinillee achitti nuu qopheessaa'a!» jedhee erge. 16 Darasoonnillee bayanii gara qacha'aa deeman; akkuma inni isaaniin jedhe arganii, hurbaata ayyaana Faasikaallee achitti qopheessan. 17 Hennaa lafti galgaloofte, Yesuus darasoota ufii kudha lamaan woliin dhufe. 18 Uduu isaan taa'anii nyaata'aaran Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha; isin keessaa tokko inni na woliin nyaata'aaru dabarsee na kenna» jedhe. 19 Isaanillee gaddanii gari gariin, «Na ta'innaa?» isaan jechuu jalqaban. 20 Innillee deebisee, «Inni isin nama kudha lamman keessaa tokko, ka na woliin qorii tana keessaa nyaata'aaru. 21 Ilmi namaa akkuma wonti isaa barreeffametti du'uuf hin deema; Haata'uu ammoo ilma namaa dabarsee ka kennu saniif aanne'e! Namni sun uduu dhalachuu dhabaatee isaa woyya!» isaaniin jedhe. Hurbaata Goofta'aa ( Mat. 26:26-30 ; Luq. 22:14-20 ; Qor. 1ffaa 11:23-25 ) 22 Uduu nyaata'aaran, Yesuus xoroshoo fuudhee, eebbisee, caccabsee, darasoota ufiitiif kennee, «Hoo'aa kun foon kiyya» jedhe. 23 Xuwwee ol fuudhee, galatoonfatee, isaanii kenne; isaan maruu mijuu san irraa dhugan. 24 Innillee ammoo, «Kun dhiiga kiyya, ka waada'aa ka namoota hedduuf dhangala'e. 25 Ani dhugamaan isiniin jedha, haga ani guyyaa san jeennata Rabbii keessatti bifa haarawaan isa irraa dhugutti daraaraa woyini'ii kana irraa deebi'ee hin dhugu» isaaniin jedhe. 26 Achiin maayessa isaan faaruu haga faarfataniin maayii gara gaara ejersaa ol bayan. Yesuus Pheexroos Akka Isa Ganu Hime ( Mat. 26:31-35 ; Luq. 22:31-34 ; Yoh. 13:36-38 ) 27 Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Barreefamni Woyyuun, ‹Ani tissee hin dhaya; hoolonnillee hin faffacaati› waan jedhuuf isin martinuu na dhiiftanii baqattan. 28 Haata'uu ammoo hennaa du'aa ka'een maayessa, isin firrisee gara Galiila'aa dhaqa» isaaniin jedhe. 29 Pheexroos Yesuusiin, «Isaan martinuu si dhiisanii yoo baqatanillee ani horoma si dhiisee hin baqadhu!» jedheen. 30 Yesuus Pheexroosiin, «Ani dhugamaan siin jedha; halkanuma kana uduu lukkuun hennaa lamaan hin iyyine ati hennaa sadihii na ganta» jedheen. 31 Pheexroos ammoo afaan guuttatee, «Ani si woliin yoma ka du'uullee, horoma si hin ganu» jedhe; kuuwwanillee akkasuma jedhan. Yesuus Getesemaane'etti Faateffate ( Mat. 26:36-46 ; Luq. 22:39-46 ) 32 Isaanillee gara hulee Getesamaanii jedhamtu dhufanii, darasoota ufiitiin, «Haga faateffadhuuf arma taa'aa'a» isaaniin jedhe. 33 Inni Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisiin uf biratti fuudhee, shoru'uu fi gadduullee jalqabe. 34 «Lubbuun tiyya haga du'aa guddiftee gaddite. Asi turaa'a jabaadhaa'a» isaaniin jedhe. 35 Yesuus diqqoo isaan irraa siiqee lafatti gad kufee, yoo danda'ame hennaan rakkinnaa sun akka isa irra luftuuf kadhate. 36 «Abbaa kiyya wonti maruu sii hin danda'ama; mijuu rakkinnaa kana na irra dabarsi! haata'uu ammoo akka ati feetu haata'uu malee, akki ani fedhu hin ta'in» jedhee faateffate. 37 Achiin maayessa deebi'ee dhufee, darasoota sadiin sanniin ka rafa'aaran argee, Pheexroosiin akkana jedhe, «Simoon hin rafteertaa? sa'aatima tokkottiillee dammaxxee taa'uu hin dandeennee? 38 Akka hin ataabamne dammaqa'aa faateffadhaa'a! Ayyaanni namaa qophaaya'a; foon ammoo dadhaba'a» jedheen. 39 Inni ammallee achi dhaqee, akkuma duratti jedhe jedhee kadhate. 40 Yesuus gara darasootaa hennaa deebi'ee dhufe, ijji isaanii waan dunquqoofteertuuf ka rafaniiran arge; isaan waan deebisanillee hin beenne. 41 Inni sadeessoo, hennaa deebi'ee gara isaanii dhufe, «Eegasuu rafaa'a harabaafadhaa'a hin gaya, amma, Ilmi namaa harka cubbamtootaatitti dabarfamee kennama. 42 Ka'aa, haa deemnuu! Kunoo ka dabarsee na kennu dhufeera» isaaniin jedhe. Yesuusiin Qaban ( Mat. 26:47-56 ; Luq. 22:47-53 ; Yoh. 18:3-12 ) 43 Uduu Yesuus dubbata'aaru, darasoota isaa kudha lamman keessaa ka Yihuudaa jedhamu tokko dhufee, isa biraan baye. Namoonni hedduu guraadee fi bokkuu qabatanii, itti gaafatamtoonni gadootaa, barsiisoota Seera Muuse'eetii fi worri manguddootaan ergaman isa woliin dhufan. 44 Inni Yesuusiin dabarsee kennu sunillee, «Namichi ani dhaqee dhungadhu sun isaa uf eegaa qabaa fuudhaa'a» jedhee dursee malkata kenneef. 45 Yihuudaan akkuma achi gayeen, gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisaa'a!» jedhee isa dhungate. 46 Namoonni sunniinillee qabanii isa hidhan. 47 Ka isaan bira dhaabate keessaa tokko ammoo guraadee luqqifatee, hojjataa gadicha gudda'aa dhayee, gurra irraa mure. 48 Yesuus akkana jedheen, «Akka waan ani saamtuu ta'ee guraade'eef bokkuu qabattanii na qabu'uuf dhuftanii? 49 Mana woyyuu keessatti isin woliin guyyaa guyya'aan hennaa barsiisa'aa ture na hin qabne, haata'uu ammoo akka kitaabonni woyyuun raawwatamaniif kun ta'e» isaaniin jedhe. 50 Achiin maayessa darasoonni maruu isa dhiisanii dheessan. 51 Dargaggeessi tokko ka qoola haphii uffatee, Yesuusiin faanaa deema'aa ture. 52 Isaan isa qabnaan inni qoola ufii gatee, qullaa dheesse. Yesuus Yaa'ii Murti'ii Afoo Dhiyaate ( Mat. 26:57-68 ; Luq. 22:54 , 55 , 63-71 ; Yoh. 18:13 , 14 , 19-24 ) 53 Achiin maayessa Yesuusiin gara mana gadicha gudda'aa, hulee bulchoota gadootaa, manguddootaatii fi barsiisoonni Seera Muuse'ee wolitti qabamanitti isa geessan. 54 Pheexroos Yesuusiin irraa fagaatee, haga dallawa hayyicha gudda'aa seenutti hordofee, Yesuusiin faanaa deeme. Achitti inni eeddota woliin taa'ee, ibidda oo'ifata'aa ture. 55 Bulchoonni gadootaatii fi yaa'iin murti'ii martinuu akka ajjeefamuuf Yesuusiin irratti ragaa soqa'aa turan. Haata'uu ammoo nama isa himatu tokkollee hin argine. 56 Namoonni hedduu dharaan Yesuusiin himate ammoo afaan isaanii tokko hin taane. 57-58 Achiin maayessa namoonni gariin ol ka'anii, « ‹Ani mana woyyuu ka harka namaatiin ijaarame kana diigee, guyyaa sadihitti ka biraa ka harka namaatiin hin ijaaramne ijaara› Hennaa jedhu dhageenneerra» jedhanii dharaan itti ragan. 59 Haata'uu ammoo, waan kana irratti isaanuu wolii hin galle. 60 Gadichi guddaan ol ka'ee afoo yaa'ii dhaabatee, Yesuusiin «Waan isaan si himatan kana ati hin deebiftuu?» jedhee gaafate. 61 Inni hin cadhise malee, womaa hin dubbanne. Ammallee gadichi guddaan «Kiristoos Ilmi Rabbii ulfaataan si'ii?» jedhee isa gaafate. 62 Yesuusillee ee ana. Ilmi Namaa mirga Rabbii waan maraa godhuu danda'uu taa'ee samii irraa deebi'ee duumessaan hennaa dhufu hin argitan jedhe. 63 Bulchaan gadootaallee uffata ufii biinxee, ammaa achi «Ragaa biraa maal nu barbaachisa? 64 Rabbiin arrabsuu isaa isinuu dhageettaniirtanii, murtiin teessan maali'i ree?» jedhe. Isaan maruu afaan tokko ta'anii, haa ajjeefamuu jedhanii itti muran. 65 Namoonni gariin Yesuusitti tufanii, ija isaallee hidhanii, «Eentu si dhaye? Mee raaga himi» jedha'aa tontoommo'oon isa dhayan. Hojjattoonnillee dhabanaasa'aa fuudhanii deemaniin. Pheexroos Yesuusiin Gane ( Mat. 26:69-75 ; Luq. 22:56-62 ; Yoh. 18:15-18 , 25-27 ) 66 Pheexroos ammallee dallawa san keessa uduu jiru, hojjattuun gadicha guddaa takka dhuftee isa biraan baate. 67 Isiin Pheexroosiin uduu ibidda oo'ifattu argitee xiinxallitee hubattee laaltee, «Atillee Yesuusii Naazireetii woliin jirta» jetteen. 68 Inni ammoo ka ati jettu hin beeku hin qaabadhulle'e jedhee ganne. Achiin maayessa akkuma inni karra gad bayeen lukkuun iyye. 69 Ammallee dubartiin hojjattuun sun isa argitee worra achi dhaabateeruun, «Namichi kun nama isaaniiti» jette. 70 Pheexroos ammoo ammallee hin ganne. Hennaa diqqo'oon maayessa worri achi dhaabateeru, Pheexroosiin «Ati nama Galiila'aa waan taateef, dhugamaan ati nama isaaniiti» jedhaniin. 71 Inni ammoo, «Namicha isin jettan kana ani hin beeku» jedhee uf abaara'aa kakatuu jalqabe. Yoma san lukkuunillee lammaffaa iyye. 72 Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Lukkuun hennaa lama uduu hin iyyin, ati hennaa sadihii na ganta» isaan jedhe san qaabatee hirqiffatee booye. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia