Wongeela Maarqoos 11 - WAADAA LAMMATAAYesuus Ulfinna Gudda'aan Yeruusaalemiin Seene ( Mat. 21:1-11 ; Luq. 19:28-40 ; Yoh. 12:12-19 ) 1 Isaan Yeruusaaleemitti galu'uuf Beetafaage'ee fi Bittaaniya'aatti, gara gaara ejersaatitti hennaa dhiyaatan, Yesuus darasoota ufii keessaa nama lamaan, 2 «Gara ganda fuullee keessan jiru san dhaqaa'a, akkuma achi geettaniin ilmoo harre'ee ka haga ammaa namni tokkollee hin yaabbanne argitan; hiika'aatii as naa fidaa'a. 3 Eennullee, ‹Maaf hiittan?› yoo isiniin jedhe, ‹Goofta'atu barbaada; inni uduu hin turin bakumatti deebisa› jedhaa'a!» isaaniin jedhe. 4 Achiin maayessa dhaqanii ilmoo harre'ee balbala tokko afoo karaa irratti ka hidhamteertu arganii hiikan. 5 Worra achi dhaabatan keessaa gari gariin, «Maal godhu'uuf ilmoo harre'ee hiittan?» jedhanii isaan gaafatan. 6 Darasoonnillee waan Yesuus isaaniin jedhe isaanitti himan; isaanillee isaan dhiisan. 7 Ilmoo harre'ee sanillee gara Yesuusii fidan. Uffata ufii ilmoo hare'ee irra kaayan; Yesuusillee hin yaabbate. 8 Namoonni hedduu uffata ufii, worri kuuwwan ammoo muka irraa baala ciranii karaa inni irra deemu irratti afan. 9 Worri duraa fi duuba isaa deeman laagaa isaanii ol qabatanii, «Hoosaanaa! ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! 10 Mootummaan abbaa keenna Daawitii ta dhuftu sun ta eebbifamte! Hoosaanaa ol samii gubba'atti» jedha'aa woca'aa turan. 11 Yesuus Yeruusaalemitti mana woyyuu seenee, waan maraa haga laaleen maayessa, lafti waan dhiiteertuuf darasoota ufii kudha lamaan woliin gara Bittaaniya'aa dhaqe. Yesuus Muka Hurbu'uu Tokko Abaare ( Mat. 21:18-19 ) 12 Guyyaa lammaffa'aa hennaa isaan Bittaaniya'aa deebi'an Yesuus hin shoome. 13 Inni muka hurbu'uu baala qabdu takka fago'otti argee, waan nyaatan irraa argadhinnaa laata? jedhee dhaqe. Haata'uu ammoo hennaan sun hennaa hurbuun midhaan godhatu waan hin taaneef, baala malee womaa irraa hin arganne. 14 Hennama san Yesuus mukattii hurbu'uu saniin, «Ammaa achi eennullee midhaan sirraa hin nyaatin!» jedhe. Darasoonni isaallee waan inni jedhe kana dhagayan. Yesuus mana woyyuu Dhaqe ( Mat. 21:12-17 ; Luq. 19:45-48 ; Yoh. 2:12-22 ) 15 Isaan hennaa Yeruusaalemiin gayan, Yesuus mana woyyuu seenee, worra achitti waa bitanii fi gurguran gad baase. Inni xarapheessaa worra birrii sharafuutii fi teessoo worra handarii gurguratuu garagaggalche. 16 Eennullee mi'a baadhatee mana woyyuu keessa akka hin lufne dhoogge. 17 Achiin maayessa inni akkana jedhee barsiise, «Manni kiyya gosa maraaf mana itti faateffatan ta'a jedhamee barreeffameera. Isin ammoo goda hattuun itti dhokattu gootan» isaaniin jedhe. 18 Bulchoota gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhagayanii, mala isa ittiin ajjeesan barbaaduu jalqaban, gumiin barumsa isaa guddisanii waan maalalfataniif, isaan isa sodaatan. 19 Hennaa lafti galgaloofte, Yesuusii fi darasoonni isaa qachaa san keessaa baya'aa turan. 20 Guyyaa lammaffa'aa ganama, Isaan uduu karaa san irra lufan, mukattiin hurbu'uu sun hiddumaan ta goddeertu argan. 21 Pheexroos waan Yesuus jedhe qaabatee, «Barsiisaa, laali! mukattiin ati abaarte goddeerti» jedheen. 22 Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Rabbitti amanaa'a. 23 Dhugaa isiniin jedha; eennullee garaa ufii keessatti uduu hin mamin amanti'iin, gaara kanaan, ‹Asii buqqa'ii, gara galaanaa darbami› yoo jedhe hin ta'aaf. 24 Kanaaf ani akkana isiniin jedha, waan kadhattanii fi waan gaafattan maraa akka argattanitti amanaa'a, wonti gaafattan maruu isiniif kennama. 25 Hennaa Rabbiin kadhachu'uuf dhaabattan, Abbaan keessan ka samii jiru yakka keessan akka isinii araaramu, eennuun irrattillee komii yoo qabaattan araaramaa'a. 26 Isin ammoo yoo namaa araaramuu diddani, Abbaan keessan ka samii gubbaa jiru yakka keessan isinii hin araaramu.» jedhe. Gaafii Waan Baallii Yesuusii ( Mat. 21:23-27 ; Luq. 20:1-8 ) 27 Isaan deebi'anii gara Yeruusaalemii dhaqan. Yesuus mana woyyuu keessa uduu deddeemu, bulchoonni gadootaa, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi mangudoonni gara isaa dhufanii, 28 Isaan Yesuusiin, «Baallii maali'iitiin waan kana maraa goota? Yookiin waan kana maraa akka gootuuf baallii eentu sii kenne?» jedhaniin. 29 Yesuusillee deebisee, «Ani waan tokko isin gaafadha; yoo isin naaf deebiftan, Anillee baallii maali'iitiin waan kana maraa akka godhu isinitti hima. 30 Yohaannis akka Cuuphuuf baallii eentu kenneef? Rabbii mo'o nama? mee naa deebisa'aa!» isaaniin jedhe. 31 Isaan wol mormanii, «Rabbiin irra yoo jenne, ‹Dubbii Yohaannisii maaf amanuu diddan ree?› nuun jedha; 32 ‹Nama haa jennuu laata?› » jedhan. Namoonni maruu Yohaannisiin akka raagaatitti waan laalaniif gumii sodaatan. 33 Kanaaf hin beennu jedhanii Yesuusiif deebisan. Yesuusillee deebisee, «Maarre anillee baallii maali'iitiin waan kana maraa akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia