Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Mudhii Yohaannisii 11 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani ule woiini biimani nati kennani waan jed'ani, kai, Mana Waaqatiifi waan sorio irati qalani biimi jara keesati kad'atu ch'ufa hedi.

2 Ammo ch'icha Mana Waaqa ala d'und'uma ind'aiini, isi ya gosa d'ibiti kennani, aka worri Dira Qulqullo jia afurtami lama ira ejaanjattu.

3 Anini d'uga tiyya lama erga; isiini ch'arqi uyifatte guyya kunki tokotiifi d'ibba lamatiifi jaatama d'aamsa Waaqaa odeesiti jed'ani.

4 D'ugaani lamaani suni mukha ejersa lamaaniifi ifse lamaani ta fuula Abba lafa dura ejaanjitu.

5 Yo nami worraa tuqu fed'u, ibidi afaani worra keesaa bahe, nyaapa worraa balleesa; akanaani nama worra tuqu fed'u ch'ufa ijeesani.

6 Worri jabeenna bokaa d'owu qaba, aka haga worri d'aamsa Waaqa dubbatu bokai imbuune. Jabeenna maddo bisaani ch'ufa d'iiga tolchaniini qabani; ammalle jabeenna gaargala gosa ch'ufa hojja fed'ani ch'ufa lafaani d'ufani qabani.

7 Yo worri d'aamsa ufi hobaafate, bineensi boola qile keesaa gadi bahu worra had'a. Dabsateti ijeesa,

8 reefi worraa kara dira gudda keesa ch'ich'isa, fulla abba worraa mukhati fannisani. Maqaani akheekha ka dira sunini yaamani Sodoma yokhaani Misiri.

9 Nami gosa ch'ufa, ka lafa ch'ufa, ka afaani ch'ufa, guyya sadifi nusa reefa worraa ilaale awaalu d'owa.

10 Nami lafa ch'ufa maro duisa jara kana lamaanitiifi gammade, Jila tolfate, wa woli erge, waan raagi suni lamaani qara gaargala gudda lafatiini d'ufeefi.

11 Eegi guyya sadifi nusa hafuuri jireenna gara Waaqati d'ufe worra seene olkakaani; nami worra arge ch'ufti guddo sodaate.

12 Jennaani raagooti lamaani qonqo guddo ta gubba, Arma koota worraani jettu d'ageete. Akuma nyaapi worra ilaaluuni, kaani dumansa keesa gubbati galani.

13 Hojja suni lafti chochoote, qooda kud'anneeso ka dira hobaasani, nami kunki torba, lafti chochoonaani, raawate. Nami hafe sodaate jabeenna Waaqa ka gubbaa faarse.

14 Gaargali lameeso ya hobae; ammo ilaali! Gaargali sadeeso d'ufu jira.

15 Jennaani malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, qonqooni guddooni gubbaa baate waan jette, Jabeenni lafaani fidani amma ka Aabbo keennatiifi ka Kristo isaati, inni haga hegeri fida.

16 Jennaani jaaroleeni diddami afuri, ta barch'uma guddinna Waaqa dura teetu, fuula durati jidde, lafati gogombofamte Waaqa kad'ate.

17 Waan jette, Aabbo Waaqa Gudda, ka ammafi durile jiru! Nu galata sii deebimna, waan atini jabeenna kanke agarsiifte finna lafa iti keyatteefi!

18 Worri Waaqa imbeenne ya dalane, ammo dalansuuni tante ya d'ufte, hojjaani worra due qoranile; ammalle hojjaani hojattu tante raagootafi nama ch'ufa, diqaafi guddale, nama si sodaatu ch'ufa galata kennaniifi ya d'ufte. Yoi nama lafa balleesu balleesani ya gahe!

19 Mana Waaqa ka gubba jiru banani, sanduqa wold'aqisa kaani Mana Waaqa keesati argani. Duuba hangaasufi dibbeesafi d'uqeesa mandiisutifi chochoiti lafatiifi bokeeni d'akhaani roobe.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Swiv nou:



Piblisite