Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Kolosai 1 - KITAABA WAAQA

1 Maqaani kiyya Paulo, ka fed'i Waaqatiini ergattu Yeso Kristo tahe; ammalle oboleesa keenna Timotheo woliini jirra.

2 Gara gumi Waaqa ta Kolosai jirtu, oboleyaani teenna ta d'uga Kristo keesa jirtu. Waaqi Abbaani keenna eebafi nagaya isanii kenninna.


Kad'achaafi galata deebisa

3 Nu hojja ch'ufa Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna, hojja nu isanii kad'annu ch'ufa.

4 Nu aka isani Kristo Yeso d'ugefattani ya d'ageenne, ammalle aka isani gumi Waaqa ch'ufa jaalattani.

5 Gaafa dubbini d'uga, Oduuni Dansaani, gara keesani qara d'ufte, abdi isiini qabdu ya d'ageetani. Tanaafi d'ugefachaafi jaalalti teesani waan isani abdattani keesa jirti, ta gubba isanii olkayani.

6 Oduuni Dansaani eebaani d'ufte lafa ch'ufa gahuu jirti, akuma gaafa isani guyya qara eeba Waaqa d'ageetani waan isii hubattani taate.

7 Isani waan kana Epafra ira barattani; inni huji teenna keesa wahela dansa nuu tahe maro teennaafi aka dansa Kristo hojata.

8 Inni aka Lubbuuni jaalala isanii kennite nuti odeese.

9 Maro waan kanatifi nu haguma waan keesani d'ageenne Waaqa isanii kad'anna. Nu Waaqa kad'anna, aka inni fed'i ufi aka dansa isani barsiisu, hubachaafi qalbi Lubbuuni isaa namaa kennitu ch'ufaani.

10 Yoosi aka Aabbooni fed'u teetani, hojja ch'ufa waan inni jaalatu tolchitani. Jireenni keesani waan isani hojattani ch'ufa keesati mid'aani baasa, isanileeni beekhuma Waaqa keesa guddattani.

11 Irreeni guddinna isaa keesaa baatu ha isani jabeesitu, aka waan ch'ufa obsuma obsitani.

12 Ammalle aka Abbaa galata deebiftani qilit'amtani, ka isani qit'eese qooda waan inni gumi isati khakhate isani kennu, finna ifsa isaa keesati.

13 Inni ya jabeenna dukana keesaa nu baase, nagayaani finna Ilma isaatiini nu gahe.

14 Ilma suniti nu balchoomse daba keenna nu araarame.


Kristofi huji isaa

15 Kristoni Waaqa imullanne fakaate Waaqa nu agarsiisa. Inni Ilma angafati, waan uumani ch'ufa ira jira.

16 Wonti akanatiifi Waaqi waan lafafi gubba jira ch'ufa isaani uume, waan mullatafi ka imullannelle, hayyootafi, worra irre qabuufi, ka wo mohatuufi, ka jabeenna qabu ch'ufa. Waaqi waan lafafi gubba jira ch'ufa isaafi uume, isaani uume.

17 Inni waan ch'ufa dura jira, isa keesa wonti ch'ufti fulla ufi qabdi.

18 Inni mata nafa isaati, gumi isaati: inni yayaba gumiti, Ilma angafa ka duisa keesaa kaasani, aka inni waan ch'ufa keesa fulla qara argatu.

19 Maro fed'i Waaqaatiifi Ilmi qit'ooma Waaqaa ufi keesaa qaba.

20 Ilma isaatiini, Waaqi uumamaa ch'ufa gara ufi deebise. D'iiga Ilma isaa ka maskali gubbati jigeeni nagaya tolche, akanaani waan lafafi gubba jira ch'ufa gara ufi deebise.

21 Duri wonti hamtuuni isani tolchitaniifi ta isani hereddani Waaqa ira isani fageesite, nyaapa isaa isani tolchite.

22 Ammo amma maro duisa nafa Ilma isaatiifi Waaqi ya ufiti isani araarse aka isaani qulqulleese qit'oomse wollaala male fuula isaa duraani d'ufu.

23 Tanaafi isanileeni d'ugefacha keesa jabaattani dura yau maltani, aka yayaba Oduuni Dansaani isanii kennite iraa inchochoone, ammalle aka abdi gaafa Odu Dansa d'ageetani argattani iraa ingorre. Oduuni Dansaani ta nama lafa ch'ufati odeesani tana; anini Pauloleeni ya hojattu isii tahe.


Huji Paulo Kristo keesa

24 Anini amma waan maro teesanii gaargaleefi gammada. Wonti akanatiifi, maro gaargala nafa kiyyatiifi, anini gaargala Kristoni maro nafa isaatiifi gaargale ka hafe hobaasa. Nafi isaa gumi isaati.

25 Waaqi ya hojattu gumi isaa na tolche; inni huji tana aka dansooma keesaniifi tolchu naa kenne. Hujiini tuni aka dubbi Waaqa tana ch'ufa odeesu.

26 Wonti kunini waan inni duri d'aloota ch'ufa d'osse ammo amma gumi ufiti mullise.

27 Heregi Waaqa kana: aka waan guddo mama ka duri d'ossani amma gumi ufiti mullisu. Wonti qara d'ossani suni tana: Kristoni isani keesa jira, wonti kunini aka isani guddinna Waaqa argattani agarsiifti.

28 Tanaafi nu waan Kristo nama ch'ufati odeesina. Nama ch'ufa gorsineti barsiimna, qalbi teenna ch'ufaani, aka nami ch'ufti Kristo keesati guddate fuula Waaqa duraani d'umnu.

29 Aka waan kana guutu anini gaargale hojad'e irre jabdu ta na keesa hojatu; ta Yeso Kristoni na kenneeni.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Swiv nou:



Piblisite