Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Faaru 114 - KITAABA WAAQA

1 Gaafa worri Israeli lafa Misiri keesaa bahe, ka d'alooti Yakobo lafa nyaapa suni keesaa godaane,

2 Yudaani gumi Waaqaa qulqullo taate, Israelileeni worra inni fidu taate.

3 Galaani Diimani millate baqate, galaana Yordanile yaasumi ch'ite.

4 Gaareeni aka ree kukurupate, kubilileeni aka ilmoole hoola buraat'e.

5 Ee galaana, maanti, si baqachise? Ee Yordani, sile maafi yaasumi kanke ch'ita?

6 Ee gaareeni, isani maafi aka ree kukurupatani? Ee kubile isani maafi aka ilmoole hoolaa buraat'ani?

7 Ee lafa hojja Aabbo Waaqi d'ufu nahi, Waaqa Yakobo durati holad'i.

8 Inni siida d'akhaa garagalche, haro bisaanii tolche, rabsu d'akhaa madda yaatuu tolcha.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Swiv nou:



Piblisite