Faaru 107 - KITAABA WAAQA1 AABBO Waaqa galata deebisa maro inni dansatiifi: jaalalti isaa haguma jirtu ind'umatu! 2 Isani ka AABBO Waaqi baase, dubbi tanaani isaa faarsa. 3 Inni harka nyaapa keesani keesaa isani baase. Lafa nyaapa keesa isani deebise ilaborutiifi ila adutii mirgaafi bitaa woltiini isani d'ufe. 4 Nami gari lafa aloo, ta kara inqamne, keesa mare dira iti qubatu fulla wollaale, 5 beelae d'eebote ufi jibbaate. 6 Jennaani worri gaargala ufii keesati AABBO Waaqati bohe, inni gaargala suni keesaa worra baase. 7 Kara qajeela garsiise, dira worri iti qubatuuni worra gahe. 8 Worri AABBO Waaqa maro jaalala isaa ta ind'umanneetiifi waan mama ka inni worra tolchele galata deebisuu male. 9 Inni nama d'eebu qabu d'eebu baase, ka beela qabule beela baase quubse. 10 Nami gari dukanae, dukana keesa taa, worri nama hid'aansa keesa jiru ka sansalatani hid'ani fakaata. 11 Maro dubbi Waaqa dide, mala Waaqi guddaani worra d'ae tufate, gula deemu dideefi, 12 worra ya hujiini hamtuuni ijeefte; worri ya qarqaarsa d'abe jijige. 13 Jennaani worri gaargala ufii keesati AABBO Waaqati bohe, inni gaargala suni keesaa worra baase. 14 Inni gaargala dukana kaani keesaa worra baase, sansalata worraani hid'anile ch'ach'abse. 15 Worri AABBO Waaqa maro jaalala isaa ta ind'umanneetiifi waan mama ka inni worraa tolchele galata deebisuu male. 16 Inni balabala sibiila diimani mid'aasani ch'ach'abse, sibiila gargari kute. 17 Worri ka gari daalle tanaafi maro dabaafi ch'ubbu ufiitiifi gaargali qabata: 18 worri sagalele agarta jibbe, diquma lubbuuni keesaa imbahini. 19 Jennaani worri gaargala ufii keesati AABBO Waaqati bohe, inni gaargala suni keesaa worra baase. 20 Inni dubbi ufiitini worra fayyise, boola duaa keesaa worra baase. 21 Worri AABBO Waaqa maro jaalala isaa ta ind'umanneetiifi waan mama ka inni worraa tolchele galata deebisuu male. 22 Worri sorio baase galata isaa deebise, gammade, sirba keesa waan inni tolche ch'ufa himuu male. 23 Nami gari hobolo duudde, baariini keesa deeme daldala tolche, akanaani waan nyaate d'ugu argate. 24 Worri waan AABBO Waaqi tolchufi waan mama ka inni baariini gubbati tolchu arge. 25 Inni dubbannaani bubbeeni guddooni gad'ufte, d'awa galaana chochoofte. 26 Duuba bubbeeni sunini hobolo olfuute, bisaani keesati olch'ech'esifte. Gaargala suni keesati jari sunini mumudame, 27 gugufate, aka nama farso d'uge dadaaqe, ufi jibbaate waan tahuu d'abe. 28 Jennaani gaargala ufii keesati worri AABBO Waaqati bohe, inni gaargala suni keesaa worra baase. 29 Inni bubbe jabdu taani ch'allisise, d'awani galaanaleeni d'au lakifte, 30 Worri maro bubbeeni sunini ch'allifteefi gammade, innileeni fulla worri deemu fed'uuni worra gahe. 31 Worri AABBO Waaqa maro jaalala isaa ta ind'umanneetiifi waan mama ka inni worraa tolchele galata deebisuu male. 32 Worri guddinna isaa gumi keesati odeese, kora jaarole keesaleti isaa faarsuu male. 33 AABBO Waaqi galaana gogose, maddale yau d'owe. 34 Inni maro ch'ubbu worra achi tautiifi lafa biyye dansa garagalche, lafa aloo ta soodda ch'alla tolche. 35 Inni laafa gamooji garagalche lafa bisaani tolche lafa gogoddule madda burqitu tolche. 36 Inni nama beela qabu achi quubsise, jennaani worri dira iti galu jaarate. 37 Worri oobru fach'aase, zabibu oobre, mid'aani guddo iraa mure galfate. 38 Inni worra eebise daraarse, hori worraale diqaachu d'owe. 39 Gaafa gumi Waaqaa dabsani gaargalchani akanaani dabsatani ch'eersani. 40 Inni worra worra dabse suni tufate, lafa aloo ta kara inqamne ke marse. 41 Ammo inni nama d'ipu qabu d'ipu suni keesaa baase, worra isaani daraarse, aka ree lafa ira dabarse. 42 Nami d'ugaa qajeelani waan kana arginaani gammada, ammo nama ch'ubbuu ch'ufa afaani qabachiisani. 43 Nami qarooni ha waan kana herege, jaalala AABBO Waaqa ta ind'umanne hubatuti. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya