Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Yohaannis 9 - Waadaa Haarawa


Yesus Nama Jaamaa Ta'ee Nama Dhalate Fayyisuu Isaa

1 Yesus kara'aan yeroo dabrru nama jaamaa ta'ee dhalate ni arge.

2 Barattoonni isaa Yesusiin, «Yaa barsiisaa, naminni kun jaamaa ta'ee ka dhalate cubbuu eennuutiin? Cubbuu mataa isaatii moo yookiin ka maatii isaatiin?» jechu'uun, ni gaafataniin.

3 Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Naminni kun jaamaa ta'e ka dhalate, cubbuu isaa yookiin cubbuu maatii isaatiinii miti, garuu hujiin Waaqaa isaan akka mulidhatuuf.

4 Guyyaa ta'ee uduu jiru hujii ka ana ergee hojjachuu qaba, naminni kumi'llee halkan itti hojjachuu hin dandeenne, ni dhufa.»

5 Biyya lafaa irra yeroo jirutti, ani ifa biyya lafaati.

6 Kana eega dubbateen duubatti lafa irratti tufeeti hancufa isaatiin biyyee ni laanbube, dhoqqee ija namicha jaama'aa dibeeti,

7 «Deemiitii bakka itti cuuphama Saalihomii titti miicadhu» jedheen. (Saalihoom jechuun «Ka ergame» jechu'u.) Kanaaf namichi dhaqee dhiqateeti, laala'aa ni deebi'e.

8 Olloonni isaatii fi namoonni yoo kadhatu ni arganiin turan, «Naminni kun ka taa'ee ni kadhata ture sanii mitii?» jedhan.

9 Tokko tokko, «Ee isa!» jedhan, kuunniin ammoo «Isa fakkaata malee isaa miti!» jedhan. Inni garuu, «Anuma!» jedhe.

10 Namoonni'llee, «Eegaa ijji kee attamitti si banaman?» jedhaniin.

11 Inni'llee, «Yesus naminni jedhame dhoqqee laanbubee ija kiyya dibeeti, ‹gara Saalihomii deemiitii miicadhu› naan jedhe, ani'llee deemee miicadheeti, argu'uuf ni danda'e» jechu'uun, ni deebise.

12 Isaan'llee, «Namichi amma eessa jira?» jedhaniin. Inni'llee, «Eessa akka jiru ani hin beeku» isaaniin jedhe.

13 Kanaan duubatti namoonni namicha jaamaa ture san gara Fariisotaa ni fudhataniin.

14 Yesus dhoqqee laanbubee ijji namichaa akka argan ka taasise, guyyaa Sanbbataatiin ture,

15 Fariisonni, «Attamitti argu'uuf danddeette?» jedhanii, namicha irra deebi'anii ni gaafataniin. Inni'llee, «Ija kiyya irratti dhoqqee naa dibeeti miicadhe, saniin duubatti'llee argu'uuf ni danda'e» jedhe.

16 Yeroo kanatti worra Fariisota keessaa tokko tokkoon isaanii, «Naminni kun Sanbbata waan hin kabajineef, inni Waaqa irraayyii miti» jedhan. Kuunniin garuu, «Eegaa naminni cubbamaa ta'e, baasota kanniin attamitti taasisu'uuf dandda'a?» ni jedhan. Sababa kanaan'llee jidduu isaanii titti, gargar fooyamiinssi ni ta'e.

17 Kanaaf namicha jaamaa tureen, «Ati ammoo ija tiyya naaf fayyisee jira waan jettuun waayee nama sanii maal jetta?» jechu'uun, irra deebi'anii ni gaafataniin. «Inni'llee nabiyyi'i!» jedhe.

18 Naminni kun jaamaa akka turee ijji isaa'llee maa'ii attamitti akka banaman, maatii isaa waamanii haga yeroo gaafatanii titti, namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban hin amanne turan.

19 Kanaaf maatii isaatiin, «Jaamaa ta'ee dhalate ka jettan ilmi keessan kana moo? Amma hoo attamitti argu'uuf dandda'e?» jechu'uun, isaan ni gaafatan.

20 Maatiin isaa'llee akkana jechu'uun ni deebisan, «Naminni kun ilma keenna ta'uu isaatii fi jaamaa ta'ee dhalachuu isaa ni beekinna,

21 garuu amma attamitti akka arguu fi ija isaa'llee eennu akka isaa fayyiseef hin beekinnu, isuma gaafadhaa, inni umrii isaatiin nama guutuu waan ta'eef, waayee mataan isaa dubbachu'uuf ni dandda'a» jedhan.

22 Waaheloonni isaa kana ka jedhan Yesus, «Masihi'i» naminni jedhu yoo jiraate, namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa bakka woligayii isaaniitii isa baasu'uuf waan woliigalanii jiraniif, san sodaachu'uun ture.

23 Kanaaf maatiin isaa, «Inni umrii isaatiin nama guutu'u, isa gaafadha'aanii» jedhan.

24 Sababa kanaan namicha jaamaa ture deebi'anii waamanii, «Ati dhugaa dubbachu'uun Waaqa kabaji, naminni kun cubbamaa ta'uu isaa nu'u ni beekinnaa» jedhaniin.

25 Namichi jaamaa ture'llee, «Inni cubbamaa ta'uu isaa ani hin beeku, waan tokko garuu ni beeka, kun'llee ani jaamaa akka turee fi amma argu'uuf akka danda'e qofa» jechu'uun, ni deebise.

26 Isaan'llee, «Maal si raawwate? Ija kee hoo ka si fayyise attamitti?» jedhaniin.

27 Inni'llee, «Durssee isinitti himee jira, isin garuu dhagayu'uuf hin barbaadan, eegaa, waayee maali'iitiif deebitanii dhagayu'uuf barbaadan? Isin'llee barataa isaa ta'uuf ni barbaaddan moo?» isaaniin jedhe.

28 Isaan'llee akkana jedha'aa ni arrabsaniin, «Barataan isaa si'i, nu'u garuu barattoota Muse'eeti,

29 Waaqinni Musee akka haasofssiseen ni beekinna, naminni kun garuu eessaa akka ta'e, hin beekinnu.»

30 Namichi'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Naminni kun eessaa akka ta'ee beekuu dhabuun keessan ana maalalchiisa! Garuu ka ija tiyya naaf ibise isa.

31 Waaqinni cubbamootaaf akka hin dhageenne waan beekkame, garuu Waaqa ka Waaqeffatuu fi fedhii isaa'llee naminni raawwatu yoo jiraate, Waaqinni isa ni dhagayaaf.

32 Jaamaa ta'ee nama dhalate ija isaa ka ibise ni jira yoo jedhamu, biyyi lafaa yeroo uumamittee jala qabee dhagayamee hin beekkamu.

33 Naminni kun Waaqa biraa uduu ta'uu dhabaatee, womaayyuu raawwachu'uuf hin dandda'u ture.»

34 Isaan'llee, «Garri qabddu marrinuu cubbu'uun guutamee ka dhalatte! Ati ammoo nu'u barsiisu'uufii ree?» jedhaniiti, bakka woligayii isaaniitii ni baasaniin.


Jaaminna Onne'ee

35 Akka namicha bakka wolgayii isaaniitii baasaniin Yesus ni dhagaye, yeroo argateentti'llee, «Ilma Namaa titti ni amanttaa moo?» jedheen.

36 Inni'llee, «Yaa Gooftaa! Isatti akka amanuu inni eennu!» jedhe.

37 Yesus, «Asiin durana argiteenii jirta, amma'llee ka si dubbisa'aa jiruu ani isa» jedheen.

38 Inni'llee, «Yaa Gooftaa! ni amana!» jedhee sagadeef.

39 Yesus'llee, «Worri hin argine akka arganiif, worri argan'llee akka jaamaniif ani gara biyya lafaa kana, murti'iif dhufee jira» jedhe.

40 Yeroo sanitti Fariisonni Yesusiin bira turan kana dhagayanii, «Eegaa, nu'llee jaamota ta'uu keenna ree?» jedhaniin.

41 Yesus'llee, «Jaamota uduu taataniitii ammoo uduu jiraataniitii cubbuu isinitti hin ta'uuyyu ture, amma garuu ni arginna waan jettaniif, cubbamoota taatanii ni hafittan» isaaniin jedhe.

Swiv nou:



Piblisite