Wongeela Yohaannis 6 - Waadaa HaarawaYesus Namoota Kuma Shanii Nyaachisuu Isaa ( Mat 14:13-21 ; Mar 6:30-44 ; Luq 9:10-17 ) 1 Kanaan duubatti Yesus Xiberiyaados gara garba ciisaa jedhamuutiin gamaa ni ce'e. 2 Namoonni baayi'een Yesus dhukkubisatoota fayyisu'uun baasa inni taasise yeroo argan, ni horddofaniin. 3 Yesus'llee gara gaaraa bayeeti achi, barattoota isaa woliin ni taa'e. 4 Ayyaanni Faasiikaa Yihudotaa dhiyaatee jira ture. 5 Yeroo sanitti Yesus ummanni baayi'een gara isaa yoo dhufu ol jedhee argeeti Filiphosin, «Nama kana maraaf nyaata gayu eessaa bitu'uuf danddeenna ree?» jedheen. 6 Yesus kana ka dubbateef Filiphosiin qorachu'uuf ture malee, waan raawwatu ammoo inni mataan isaatuu ni beeka ture. 7 Filiphos'llee, «Tokkoo tokkoo isaaniitiif diqqoma diqqoo kutee akka isaanii kennuuf, buddeenni dinaara dhibba lamaa isaanii hin gayuu» jechu'uun ni deebiseef. 8 Barattoota isaa keessaa tokko, obboleessi Simoon Phexirosii Indriyaas akkana ni jedhe, 9 «Buddeena garbu'uu shanii fi qurxxummii lamaa ka qabatee jiru mucaan tokko asi ni jira, garuu kun ummata kana maraaf maal gaya?» 10 Yesus'llee, «Namoonni akka taa'an isaan taasisaa» jedhe. Bakka san'llee marga baayi'etu jira ture, namoonni'llee ni taa'an, laakkofssi isaanii'llee kuma shanii ka gayu ture. 11 Kanaan duubatti Yesus buddeena ol fuudhee galata eega dhiyeesseen duubatti, namoota taa'aniif ni qoode. Akkuma kana qurxxummiiwwan'llee isaanii ni qoode, marrinuu waan haga isaan barbaachisu ni argatan. 12 Marrinuu nyaatanii eega quufaniin duubatti barattoota isaatiin, «Wonitti tokko'llee akka hin hin badinneef hanbbaa hafe'llee wolitti qabaa» isaaniin jedhe. 13 Isaan'llee namoonni nyaatanii ka hafe hambbaa buddeena garbu'uu shanii irraa wolitti qabanii, ginddoo kudha lamaa ni guutan. 14 Namoonni'llee baasa Yesus raawwate yeroo arganitti, «Dhugamaanuu kun gara biyya lafaa nabiyyicha dhufu!» jedhan. 15 Namoonni garuu dirqamaan fudhataniinii isa nugusa taasisu'uuf akka yaadan yeroo beeketti, Yesus adda isaa deebi'ee achi fagaatee, gara gaaraa ol ni baye. Yesus Garba Ciisaa Irra Tarkkaanfata'aa Akka Deeme ( Mat 14:22-33 ; Mar 6:45-52 ) 16 Yeroo laftti dhiiyetti'llee barattoonni isaa gara garba ciisa'aa ni bu'an. 17 Hoboloo yaabatanii gara Qifirnaahoomii ni qajeelan, saa'aatii sanitti yeroon dukkanaayee jira ture, Yesus'llee gara isaanii hin dhufinne ture. 18 Bubbeen cimaan ni bubbisa waan tureef, garbi ciisaan ni raafame. 19 Barattoonni isaa'llee haga kiilomeetira shanii yookiin jahaa, bishaan dhayata'aa eega deemaniin duubatti, Yesus garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara hobolo'oo yoo dhiyaatu arganii, ni sodaatan. 20 Inni garuu, «Anaa, hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe. 21 Isaan'llee gammachu'uun ufitti fudhatanii gara hobolo'oo irra baasu'uuf ni barbaadan, bakkumatti hoboloon gara bakka dheemittuu ni gette. Yesus Buddeena Jireennaa Ta'uu Isaa 22 Guyyaa itti aanutti'llee namoonni garba ciisa'aan gamatti hafanii turan, garba ciisaa irra hoboloon takka qoftti akka turee fi achitti'llee barattoonni isaa adda isaanii titti akka deeman, Yesus garuu isaan woliin hoboloo irra akka hin bayin, arganii turan. 23 Ta'u'llee hoboloowwan kuunniin Xibiryaados ka'anii, gara bakka Yesus kadhannaa galattaa itti taasiseeetii fi gara bakka ummanni buddeena itti nyaatee, bira ni dhufan. 24 Namoonni'llee Yesus yookiin barattoonni isaa bakka san akka hin jirre yeroo arganitti, hoboloowwan sanniin yaabatanii Yesusiin barbaadu'uuf, gara Qifirnaahoomii ni deeman. 25 Garba ciisa'aan gamatti yeroo isa argatanitti'llee, «Yaa barsiisaa, garana yoom dhufitte?» jedhaniin. 26 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Dhugaa isiniin jedha, isin ka ana barbaadan buddeena waan nyaattanii fi waan quuftaniif malee, baasa waan argitaniifii miti. 27 Nyaata baduuf hin hojjatinaa, kana irra Waaqinni Abbaan chaaphaa mirkaneessee ka caaphesse, Ilmi Namaa ka isinii kennu, nyaata jireenna bara baraa ta'eef hojjadhaa.» 28 Namoonni'llee, «Eegaa hujiin Waaqaa hojjachu'uuf maal raawwachu'uutu, nurraa mala?» jedhaniin. 29 Yesus'llee, «Hujiin Waaqaa ammoo ka Waaqinni ergetti amanu'u» jechu'uun, isaanii ni deebise. 30 Isaan'llee akkana ni jedhaniin, «Nu'u arginee sitti akka amannuuf baasa maal taasftta? Maal'llee hojjatta? 31 ‹Akka nyaataniif sami'ii buddeenna isaanii ni kenne› jedhamee akkuma barreeffametti, abbootiin keenna gammoojji'itti ‹maannaa› nyaatanii jiran.» 32 Yeroo sanitti Yesus akkana isaaniin jedhe, dhugaa isiniin jedha, «Buddeena sami'ii bu'e ka isaanii kenne Muse'ee miti, buddeena dhuga'aa sami'ii ka isinii kennu Abbaa kiyya, 33 Buddeenni Waaqaa ka sami'ii bu'uu fi biyya lafaatiif jireenna ka kennu.» 34 Kanaaf namoonni, «Yaa Gooftaa! Buddeena bifa kanaa yeroo maraa nuuf kenni» ni jedhaniin. 35 Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Buddeenni jireennaa ana, gara kiyya ka dhufu gonkumaa hin beelayu, anatti ka amanu gonkumaa hin dheebotu, 36 Isin garuu ana argitanii jirttan, garuu anatti hin amanne isiniin jedha. 37 Ka Waaqinni Abbaan naaf kennu marrinuu gara kiyya ni dhufa, ka gara kiyya dhufu'llee gonkumaa gara alaa titti isa hin ari'uun. 38 Ani sami'ii ka bu'e fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf malee, fedhii mataa kiyyaa raawwachu'uufii miti. 39 Fedhiin ka ana ergee'llee, ka naaf kenne mara keessaa tokkoma'llee uduu hin balleessin guyyaa muumme'ee titti, du'aa akka isaan kaasuuf. 40 Ee! Fedhiin Abbaa kiyyaa Ilmaa ka laaluu fi isatti ka amanan marrinuu, jireenna bara baraa akka argataniif, ani'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasa.» 41 Kanaaf Yesus, «Buddeenni sami'ii bu'e ana» jechuu isaatiin, Yihudonni isa irratti ni guunguman. 42 Akkana'llee ni jedhan, «Kun ilma Yooseefii Yesusii mitii ree? Haadhaa fi abba'aa fi isaa ni beekinnaa mitii ree? Eegaa, amma inni attamitti ‹Sami'ii bu'e› nuun jedha, jedhan?» 43 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ufii keessan wolitti hin guunguminaa, 44 Waaqinni Abbaan ana erge ka ufitti harkiseen yoo ta'e malee, gara kiyya dhufu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, gara kiyya ka dhufu'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasan. 45 Kitaabban nabiyyootaa titti, ‹namoonni marrinuu Waaqa irraa ka baratan ni ta'an› jedhamee barreeffamee jira, kanaaf Waaqa Abbaa irraa dhagayee ka barate marrinuu gara kiyya ni dhufa. 46 Kana'llee jechuun Waaqa Abbaa naminni arge ni jira jechu'uu miti, Waaqa Abbaa ka arge Waaqa biraa ka dhufe isa qofa. 47 Dhugamaa isiniin jedha, (anatti) naminni amanu, jireenna bara baraa ni qaba. 48 Ani buddeenna jireennaati, 49 Abbootiin teessan gammoojji'itti maannaa ni nyaatan, garuu ni du'an. 50 Buddeenni sami'ii bu'e kana, buddeena kana'llee ka nyaatu gonkumaa hin du'u. 51 Sami'ii ka bu'e buddeenni jireenna kennu ana, buddeena kana irraa ka nyaatu marrinuu bara baraaf ni jiraata, biyya lafaatiif' jireenna akka ta'u, buddeenni ani kennu foon kiyya.» 52 Yeroo sanitti Yihudonni, «Naminni kun foon isaa akka nyaanuuf attamitti nuuf kennuu danda'a?» jechu'uun, ufii isaaniitii wol ni mormman. 53 Kanaaf Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugaa isiniin jedha, foon Ilma Namaa nyaachuu yoo dhabaattan, dhiiga isaa'llee yoo hin dhugin jireenna hin qabddan. 54 Foon kiyya ka nyaatuu fi dhiiga kiyya'llee ka dhugu marrinuu jireenna bara baraa ni qaba, ani'llee guyyaa muumme'ee titti, du'aa isa ni kaasan. 55 Foon kiyya nyaata dhuga'aa, dhiiginni kiyya'llee dhugaatii dhuga'aati. 56 Foon kiyya ka nyaatuu fi dhiiga kiyya'llee ka dhugu marrinuu, anaan keessa ni jiraata, ani'llee isaa keessa ni jiraadha. 57 Waaqinni Abbaan jiraataan akka ana ergee fi ani'llee isaan jiraataa akka ta'e, akkuma kana foon kiyya ka nyaatu marrinuu, anaan jiraataa ni ta'a. 58 Eegaa buddeenni sami'ii bu'e kana, inni'llee bifa akka abbootiin keessan nyaataniitii miti, buddeenna san ka nyaatan du'anii jiran, buddeenna kana ka nyaatan garuu, bara baraaf ni jiraatan.» 59 Yesus kana ka dubbate, Qifirnaahoomitti, bakka wolgayii isaanii titti, yeroo barsiisutti ture. Dubbii Jireenna Bara Baraa 60 Barattoonni isaa baayi'eewwn isaanii kana yeroo dhagayanitti, «Haasofnni kun ulffaata'a, eennutu fudhachu'uuf dandda'a?» jedhan. 61 Yesus'llee barattoonni isaa waayee kanaaf akka guunguman hafuura isaatiin beekee akkana isaaniin jedhe, «Wonitti kun isin ni gufachiisa ree? 62 Ilmi Namaa gara duraan ture deebi'ee yeroo dhufu yoo argitan, maal jechu'uuf? 63 Jireenna ka kennu Hafuura Waaqaati, huminni namaa garuu womaafuu hin fayyadu, dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura, jireennaati'lle'e, 64 garuu isin jiddu'uu tokko tokko ka hin amanne ni jiran» Yesus kana ka dubbate jalqabumaa kaasee worri hin amanne eennuun fa'a akka turanii fi ka dabarssee isa kennu'llee eennuun akka ta'e, ni beeka waan tureef. 65 Itti aanssee'llee Yesus, «Waaqa Abbaa biraa ka eeyyamameef yoo ta'ee malee, gara kiyya dhufu'uuf ka dandda'u hin jiru ka isiniin jedhe kanaaf» jedhe. 66 Sababaa kanaan'llee barattoota isaa keessaa baayi'eewwan gara duubaa titti ni deebi'an, yeroo sanii jalaqabee'llee Yesusiin horddofuu ni dhiisan. 67 Kanaaf Yesus barattoota isaa kudha lamaaniin, «Isin'llee ammoo deemu'uuf ni barbaadanii moo?» isaaniin ni jedhe. 68 Yeroo kanatti Simoon Phexiros akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Gara eennuu deemnnaa? Ati dubbii jireenna bara baraa ni qabdda. 69 Nu'u amannee jirra, Ilmi Waaqaa jiraata'aa akka taate'llee, beekinnee jirra» jedheen. 70 Yesus'llee, «Isin kudha lamaan keessan isin filadhee jiraa mitii? Garuu isin keessaa tokkochi sheexana!» isaaniin jedhe. 71 Kana'llee ka jedhe waayee ilma Simoonii waayee Yihudaa nama biyya Keriyootii Kristosiitiif ture, Yihudaan yoma kudha lamaan keessaa tokko ta'e'llee, Yesusiin dabarssee ka kennu isa waan tureef. |