Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Yohaannis 5 - Waadaa Haarawa


Yesus Nama Naafa Tokko Fayyisuu Isaa

1 Kanaan duubatti ayyaana Yihudotaa waan tureef Yesus gara Yerusaalemii ni deeme.

2 Yerusaalemitti Balbala hoolotaa biratti afaan worra Ibirootaatiin, «Beetesaayidaa» ka jedhamu, bishaan burqqaa kuufame tokkotuu jira ture, naannoo isaa'llee xurree keessa dabrran ka gara irraatii kurree shanii qabanttu turan.

3 [Dhukkubsattoonni haalaan baayi'een, jaamonni, hokkolttoonnii fi naafonni, xurree keessa dabrran irra ciisanii jiran turan. Achitti'llee socho'uu bishaanichaa ni eeggatan turan,

4 dabrree dabrree'llee maleyikkaan Goofta'aa gara bishaan kuufamee bu'ee bishaanicha ni sochoosa ture, socho'iinssa bishaaniitiin duubatti, jalqaba gara bishaanichaa titti naminni aseene dhukkuba isaa kamiin irraayyuu ni fayya ture.]

5 Achi'llee woggaa soddomii saddeetii guutuu ka dhukkubsate, nama tokkotu jira ture.

6 Yesus nama kana achuma ciisee argeeniiti yeroo baayi'ee irraa jalaqabee dhukkubsachuu isaa beekee, «Fayyu'uuf ni barbaadda moo?» jedheen.

7 Dhukkubsataan'llee, «Yaa Gooftaa! Yeroo bishaan socho'utti ana fidee gara bishaan kuufamee keessa nama ana aseenisisu hin qabu, yoo ani deemu'uuf yaalu naminni bira'aa ana durssee ni bu'a» jedheen.

8 Yesus'llee, «Ka'i!, Siree kee baadhuutii deemi!» jedheen.

9 Namichi'llee bakkumatti ni fayyee, siree isaa'llee baadhatee ni lixe. Kun'llee ka ta'e guyyaa Sanbbataatii ture.

10 Kanaaf namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa namicha fayye san, «Adha Sanbbataa waan ta'eef siree kee akka baadhattuuf, seerri siif hin eeyyamamu!» jedhaniin.

11 Inni garuu, «Naminni ana fayyise siree kee badhuutii deemi!» naan jedhee jira, isaaniin jedhe.

12 Isaan'llee, «Siree kee baadhuutii deemi ka siin jedhe eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin.

13 Namichi garuu ummanni waan baayi'atee fi Yesus'llee achii irraa fagaatee waan deemeef, ka isa fayyise eennuun akka ta'e hin beeku ture.

14 Kanaan duubatti Yesus namicha fayyiseen Mana Waaqeffanna'aa titti argateeniiti, «Kunoo, amma fayyitee jirta, wonitti kana irra hammaate akka si irra hin geenneef ammaa achitti cubbuu hin hojjatin!» jedheen.

15 Namichi'llee dhaqeeti ka isa fayyise Yesusiin ta'uu isa namoota worra Yihudotaa ka aangoo qabanitti ni hime.

16 Waan kana Sanbbataan waan raawwateef namoonni Yihudotaa ka aangoo qaban Yesusiin, ari'uunii jala ni qaban.

17 Yesus garuu, «Abbaan kiyya yeroo maraa ni hojjata, ani'llee ni hojjadha» jechu'uun, isaanii ni deebise.

18 Jechi kun'llee namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban, Yesusiin akka ajjeessaniif caala'atti isaan ni kakaase, kun'llee ka ta'e inni Sanbbata diiguu isaa qofaaf uduu hin ta'in, «Waaqinni abbaa kiyya» jechu'uun, mataa isaa Waaqaan waan wol qixxeesseef.


Aangoo Ilma Waaqaa

19 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhugamaan isiniin jedha, waan Waaqinni Abbaan yoo hojjatu arge hojjachu'uun alatti, Ilmi aangoo mataa isaatiin womaayyuu hojjachu'uuf hin danda'u. Waaqinni Abbaan waan raawwatu Ilmi'llee akkuma kana ni raawwata.

20 Waaqinni Abbaan Ilma waan jaalatuuf waan hojjatu mara itti ni muldhisa, isin'llee akka maalalttaniif, hujii kana caalu'llee itti ni muldhisaan.

21 Waaqinni Abbaan worra du'an akkuma kaasuu fi jireenna'llee akkuma isaanii kennu, Ilmi'llee akkuma kana nama barbaadeef, jireenna ni kennaaf.

22 Waaqinni Abbaan eennuun irratti'llee hin murtteessu, garuu murtii maraa Ilmaa kennee jira.

23 Kana'llee ka raawwate namoonni marrinuu akkuma Waaqa Abbaa kabajjan, akkuma kana Ilma'llee akka kabajaniif, Ilma ka hin kabajine, Ilma ka erge Waaqa Abbaa hin kabajuun.

24 «Dhugaa isiniin jedha, dubbii kiyya ka dhagayuu fi ka ana ergetti'llee ka amanu jireenna bara baraa ni qaba, inni'llee du'a irraa gara jireennaa titti ka ce'e waan ta'eef, itti hin murteeffamu.

25 Dhugaa isiniin jedha, namoonni du'an qooniqqa Ilma Waaqaa yeroon itti dhagaya ni dhufa, yeroon'llee ammuma, worri dhagayaniin marri'llee lubbu'uun ni jiraatan.

26 Waaqinni Abbaan mataan isaatuu burqqaa jireennaa akka ta'u isa taasisee jira.

27 Ilma Namaa ta'uu isaatiin'llee, murtii akka muritteessuuf aangoo kenneefii jira.

28 Waan kanaan hin maalalffatnaa, worri awwaala keessa jiran marrinuu qooniqqa isaa saa'aatiin itti dhagayan ni dhufa.

29 Mishaa worri hojjatan garuu du'aa ka'anii isaan irratti ni murtteeffama.»


Ragummaa Waayee Yesusiitiif Kenname

30 «Ani aangoo mataa kiyyaatiin womaayyuu raawwachu'uuf hin danda'u, garuu Waaqa Abbaa irraa waan dhagaye ni murtteessa, fedhii ka ana ergee malee fedhii mataa kiyyaa waan hin raawwanneef, murtiin kiyya sirri'i.»

31 Ani waayee mataa kiyyaa ragaa yoo baye ragummaan kiyya dhuga'aa miti.

32 Garuu waayee kiyya ka ragaa bayu ka bira'aa ni jira, inni'llee waayee kiyya ragaa ka bayu, dhugaa ta'uu isaa ni beeka.

33 Isin gara Yohaannis ergamoota ergitanii ture, isaan'llee waayee dhuga'aatiif ragaa bayee jiran.

34 Kana'llee jechuun kiyya akka fayyitaniif malee, waan ana ragummaan namaa ana barbaachiseefii miti.

35 Yohaannis akka ifa bobayuu fi ifuu ni ture, isin'llee yeroo muraasaaf ifa isaatiin gammadu'uu ni barbaaddan.

36 Ani garuu ragummaa Yohaannisii ka caalu ragaa ni qaba, ragaan kiyya'llee Abbaan kiyya akka hojjadhuuf hujii naaf kenne, hujiin hojjadhu kun'llee, Waaqinni Abbaan akkuma ana erge waayee kiyyaaf ragaa ni baya.

37 Ka ana erge Waaqinni Abbaan mataan isaatuu waayee kiyya ragaa bayee jira, isin garuu qoonqqa isaa gonkumaa hin dhageenne, bifa isaa'llee gonkumaa hin arginne.

38 Isin ka inni erge waan hin amanneef dubbiin isaa isin bira hin jiraatu.

39 Isin kitaabban Qulqullu'uun jireenna bara baraa ka argattan waan isinitti fakkaatuuf, isaan ni qorattan, isaan'llee waayeema kiyya ka ragaa bayan.

40 Haa ta'u malee isin jireenna argachu'uuf, gara kiyya dhufuu hin barbaaddan.

41 «Ani ulfinna nama irraa hin barbaadu.

42 Isin onnee keessantti Waaqa ka hin jaalanne ta'uu keessan ni beeka.

43 ani maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufee jira, isin garuu ufitti ana hin fudhanne, ka bira'aa maqaa isaatiin yoo dhufe garuu, ufitti ni fudhattaniin.

44 Isin ufii keessan wol irraa ulfinnaa ka barbaaddan, Waaqa tokko irraa ulfinna argamu garuu ka hin barbaanne, attamitti amanu'uuf dandeettan ree?

45 Ani Abbaa kiyya duranatti waan isin himadhuu isinitti hin fakkaatin, ka isin himatu, ka isin himadhu Musee isin abddii taasffattanitti.

46 Musee'llee amantaniinii uduu jiraattaniitii inni'llee waayee kiyya barreessee jiraatii, anatti'llee ni amantaniiyyu ture.

47 Ka inni barreesse yoo amanuu dhabaattan garuu, dubbii kiyya attamitti amanttan ree?» isaaniin jedhe.

Swiv nou:



Piblisite