Wongeela Yohaannis 12 - Waadaa HaarawaDubarttii Yesusiin Shittoo Dibddeen ( Mat 26:6-13 ; Mar 14:3-9 ) 1 Ayyaannni Faasiikaa Yihudotaa kabajamu'uuf guyyaan jahaa yoo hafuun, Yesus gara Bitaaniya'aa ni deeme, Bitaaniyaa Alaazaariin Yesus du'aa isa kaaseen, ganda keessa jiraatu. 2 Achitti'llee irbaata ni qopheessaniif, Maaritaan'llee ni tajaajilttiin turtte, Alaazaar'llee Yesusiin woliin nyaataaf dhiyaatanii worra turan keessaa, tokko ture. 3 Yeroo sanitti Maariyaam gatiin isaa haalaan baayi'ee ka ta'e, Naardoosii qulqulluu irraa ka hojjatame, wolakkaa liitiraa ka ta'u shittoo shurrubbee tokkoo fiddee, miila Yesusii ni dibidde, rifeenissa mataa isi'iitiin'llee ni sukuumtte, manni'llee foolii shitto'ootiin ni guute. 4 Barattoota isaa keessaa tokko Yesus dabarssee ka kennu Yihudaan naminni biyya Keriyoot, 5 «Shittoon kun dinaara dhibba sadihitti gurguramee, qarshiin hiyyeessotaa maali'iif hin kennamnne?» jedhe. 6 Inni'llee kana ka dubbateef hiyyeessotaaf gaddee uduu hin ta'in hattuu waan tureef, qaraaciitii qarshi'ii ka qabu isa waan ta'eef, qarshii qaraaciitii keessa kaayamu irraa fudhachuu barateeti. 7 Yesus akkana ni jedhe, «Guyyaa itti awwaalamuuf qophii raawwatte waan ta'eef dhiisa'aanii. 8 Hiyyeesonni yeroo maraa isinuma woliin jiran, ani garuu yeroo mara isin woliin hin ta'u» jedhe. 9 Yeroo sanitti Yihudota keessaa baayi'eewwan Yesus Bitaaniyaa akka jiru beekanii ni dhufan, ka dhufan'llee waayee Yesusii qofaaf uduu hin ta'in, Yesus du'aa ka isa kaase Alaazaariin'llee laalu'uuf ture. 10 Itti gaafatamoonni qeesotaa garuu, Alaazaariin'llee ajjeesu'uuf ni mari'atan. 11 Isaan ka ka'een Yihudota keessaa baayi'eewwan amantii isaanii dhiisa'aa, Yesusitti ni amanan waan tureef. Ulfinna Ol Aana'aan Gara Yerusaalemii Titti Galuu Yesusii ( Mat 21:1-11 ; Mar 11:1-11 ; Luq 19:28-40 ) 12 Guyyaa itti aanutti'llee namoonni ayyaana Faasiika'aatiif dhufan baayi'een, Yesus gara Yerusaalemii ka dhufu ta'u isaa ni dhagayan. 13 Kanaaf damee baala meexxi'ii qabatanii isa simachu'uuf ni bayan, «Hosaa'inaa! Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu, Nugufnni Israa'eelii ka eebbifame!» jedha'aa, ni iyyan ture. 14 Yesus'llee ilmmayyoo harre'ee argateeti isa ni yaabate, kun'llee ka ta'e, 15 «Ati magaalaan Xiyoonii, yaa Yerusaalem hin sodaatin! Kunoo, nugufnni kee, ilmmayyoo harre'ee yaabbatee ni dhufa» jedhamee raaginni bareeffame, akka raawwatamuuf. 16 Barattoonni isaatiif'llee jalqaba wonitti kun isaaniif hin galle ture, garuu yeroo Yesus ulfinnaan gara samii ol bayetti, wonitti kun waayee isaatiif akka barreeffamee fi isaaf akka taasise ni yaadatan. 17 Yesus Alaazaariin awwaala keessaa yeroo isa waamee fi du'aa yeroo isa kaasetti, worri woliin ni jiran turan marrinuu, waayee Yesusii ragaa ni bayan ture. 18 Namoonni baayi'een'llee isaan wolgayu'uuf ka dhufaniif'llee, baasa kana akka taasise dhagayanii waan turaniif. 19 Yeroo sanitti Fariisoonni, «Kunoo, ummanni biyya lafaa marinuu horddofeenii jiran! Nu'u womaayyuu raawwachu'uuf akka hin dandeenne, ni argitanii mitii?» woliin jedhan. 20 Yeroo ayyaanaa titti'llee sagadu'uuf gara Yerusaalemii namoota deeman jiddu'uu, Giriikonni tokko tokko ni argaman ture. 21 Isaan'llee Galiila'aa nama Betsayidaa gara ka ta'ee, gara Filiphosii dhiyaatanii, «Yaa Gooftaa, Yesusiin argu'uuf ni barbaanna» jedhaniin. 22 Filiphos'llee dhaqee Indriyaasitti ni hime, Indryaasii fi Filiphos'llee woliin dhaqanii Yesusitti ni himan. 23 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Kunoo, Ilmi Namaa yeroon itti kabajamu gayee jira, 24 Dhugaa isiniin jedha, firiin qamadi'ii lafa irra buutee yoo hin du'in adduma isi'ii titti ni hafitti, yoo duute garuu baayi'ee ni daraartti. 25 Lubbuu isaa ka jaalatu ni balleessaan, biyya lafaa kanatti lubbuu isaa ka jibbu garuu jireenna bara baraatiif ni eeggataan. 26 Ana tajaajilu'uuf ka barbaadu ana haa horddofu, bakka ani jirutti tajaajilaan kiyya'llee achi ni ta'a, ka ana tajaajilu'llee Waaqinni Abbaan ni kabajaan.» Yesus Waayee Rakkinnaa Fi Du'a Isa Irra Gayuu Dubbachuu Isaa 27 Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Kunoo, lubbuun tiyya sarddamittee jirtti, maal haa jedhu? ‹yaa Abbaa! Saa'aatii kana jalaa ana baasi haa jedhu ree?› Kana akka hin jenneef garuu, ani ka dhufeef saa'aatii rakkinnaa tanaaf. 28 Yaa Abbaa! Maqaa kee kabajiin!» Kanaan duubatti, «Maqaa kiyya kabajeenii jira, akkuma kanaan'llee ni kabajaan!» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe. 29 Namoonni achi dhaabatan jiran kana yeroo dhagayanitti, «Bakakka'a!» jedhan. Kuunniin ammoo, «Ka dubbate Maleyikka'a!» jedhan. 30 Yesus garuu akkana jechu'uun ni deebise, «Qooniqqi kun ka dhufe isiniif jedheeti malee, anaaf jedheetii miti, 31 Biyya lafaa kun yeroon itti murtteeffamu amma, bulichaan biyya lafa kanaa sheexanni gara alaa tiit ka gatamu amma, 32 ani'llee arddii irraa gara olii titti yeroo ol fudhatametti, nama maraa gara kiyya ni harkisa.» 33 Yesus'llee kana ka dubbateef du'a attamiitiin akka du'u, yoo muldhisu ture. 34 Namoonni'llee, «Seeraan barreeffamee ka argannu, ‹Masihiin bara baraaf ni jiraata› ka jedhu, eegaa ati, ‹Ilmi Namaa gara olii ol jechuu ni qaba› attamitti jetta? Ilmi Namaa kun hoo eennu?» ni jedhaniin. 35 Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Amma yeroo muraasaaf isin woliin ifin ni jira, dukkanni akka isin irraa hin geenneef, ifin uduu isinii jiru dedeebi'aa, dukkanaan ka dedeebi'u garam akka deemu hin beeku. 36 Ijoollee ifin uduu isinii jiru, ifatti amanaa.» Yesus kana eega dubbateen duubatti, deemee isaan jala ni milqe. Amanuu Dhabuu Worra Yihudotaa 37 Yesus'llee baasa baayi'ee isaan duranatti yoma taasise'llee, Yihudonni isatti hin amanne. 38 Kun'llee ka ta'e nabiyyichi Isaayaas, «Yaa Gooftaa! Ragummaa keenna eennutu amane? huminni Goofta'aa hoo eennuuf mulidhate?» jechu'uun, dubbiin dubbate, akka raawwatamuuf. 39 Deebi'ee'llee Isaayaas akkana jechu'uun amanuu dhabuu isaanii ni ibise, 40 «Ija isaaniitiin arganiitii fi onnee isaanii titti'llee hubatanii, akka hin deebinee fi akka isaan hin fayyifnneef, Waaqinni ija isaanii jaamissee jira, onnee isaan'llee jabeessee jira.» 41 Isaayaas kana ka jedhe, ulfinna Masihii waan argeef, kanaaf waayee Yesusiitiif kana ni dubbate. 42 Ta'u'llee itti gaafatamoota Yihudotaa keessaa'llee baayi'eewwan Yesusitti amananii jiran, garuu Fariisonni bakka wolgayii isaaniitii akka isaan hin baafinneef sodaachu'uun, ifaan ragaa isaa hin baaneef. 43 Kana'llee ka raawwataniif ulfinna Waaqaa irraa argamu irra, ulfinna nama irraa argamu waan jaalataniif. 44 Yesus qooniqqa isaa ol fudhatee akkana ni jedhe, «Ka anatti amanu ana qofatti uduu hin ta'in, ka ana ergetti'llee ni amana, 45 Ana ka laalu, ka ana erge laala, 46 ka anatti amanu marrinuu dukkana keessa akka hin jiraanneef, ani ifa ta'ee gara biyya lafaa dhufee jira. 47 Dubbii kiyya dhagayee hujii irra ka hin oolichinetti ka murtteessu anaa miti, ani ka dhufeef biyya lafaa fayyisu'uuf malee, biyya lafaa irratti murtteessu'uufii miti. 48 Ana'llee ka hin barbaannee fi dubbii kiyya'llee nama hin fudhanne irratti ka murtteessuu ni jira, dubbiin ani dubbadhe guyyaa muumme'ee titti, isatti ni murtteessa. 49 Ani aangoo mataa kiyyaatiin hin dubbanne, ani ka jedhuu fi ajaja dubbadhu ka naaf kenne, Waaqa Abbaa ana erge. 50 Ajajinni isaa'llee jireenna bara baraa akka ta'e ni beeka. Kanaaf ani ka dubbadhu, waan Waaqinni Abbaan natti hime.» |