Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Yohaannis 11 - Waadaa Haarawa


Du'uu Alaazaarii

1 Bitaaniyaa ka jiraatu nama Alaazaar jedhamu tokko dhukkubsatee jira ture, Bitaaniyaan Maariyaamii fi obboleettiin isi'ii Maaritaan ganda keessa jiraatan turtte.

2 Maariyaamiin tun'llee miila Goofta'aa shittoo ta dibiddee fi rifeenissa mataa isi'iitiin'llee ta sukuumtteen turtte, Alaazaariin dhukkubsate'llee obboleessa isi'ii ni ture.

3 Obboleetiiwwan'llee, «Yaa Gooftaa, ka ati jaalattuun sun dhukkubsatee jira» jedhanii, gara Yesusii ni ergan.

4 Yesus'llee kana yeroo dhagayetti, «Dhukkubissanni kun du'aan ka gayuu miti, garuu ulfinna Waaqaatiif akka ta'uu fi Ilmi Waaqaa'llee waayee kanaan, akka kabajamuuf» jedhe.

5 Yesus Maaritaaa fi obboleettiin isi'ii Maariyaamiin, obboleessa isaanii Alaazaariin ni jaalata ture.

6 Ta'u'llee Alaazaar dhukkubsachuu isaa yeroo dhagayetti, bakkuma ni jira ture sanitti guyyaa lamaa ni ture.

7 Kanaan duubatti barattoota isaatiin, «Gara arddii Yihuda'aa deebinee haa deeminnu» isaaniin jedhe.

8 Barttoonni isaa'llee, «Yaa barsiisaa! Worra Yihudotaa yeroo muraasaan duranatti si woqaru'uuf ni barbaadan ture, eegaa deebitee garasi ni deemtaa ree?» jedhaniin.

9 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Guyyaa keessa yeroon jiru saa'aatii kudha lamaa mitii ree? guyya'aan ka dedeebi'u ifa biyya lafaa kanaa waan arguuf, hin gufatu.

10 Garuu halkaniin ka dedeebi'u, ifa waan hin qabnneef ni gufata.»

11 Yesus kana eega isaaniin jedheen duubatti, «Waahelli keenna Alaazaar mugee jira, ani garuu hirribaa isa kaasu'uuf ni deema» jedhe.

12 Barattoonni isaa'llee, «Yaa Gooftaa! Mugee yoo jiraate ammoo itti ni fura jechu'u» jedhaniin.

13 Yesus kana ka dubbate waayee du'a Alaazaariitiif ture, isaan garuu waayee hirribaatiif waan dubbate isaanitti fakkaatee ture.

14 Kanaaf Yesus ifatti akkana isaaniin ni jedhe, «Alaazaar du'ee jira,

15 isin akka amanttaniif achi jiraachuu dhabuu kiyyaan, waayee keessaniif gammadee jira, amma garuu gara isaa haa deeminnuu» isaaniin jedhe.

16 Yeroo sanitti Diidimoos ka jedhame Toomaas barattoota kaaniiniin, «Isaan woliin akka duunuuf, nu'llee haa deeminuu» isaaniin jedhe.


Yesus Du'aa Ka'iinssaa Fi Jireenna Ta'uu Isaa

17 Yesus yeroo achi gayetti Alaazaar eega awwaalamee guyyaa afurii ta'ee argate.

18 Bitaaniyaan Yerusaalemiin irraa ka fagaattu, haga kiilomeetira sadihiiti,

19 Worra Yihudotaa keessaa'llee baayi'eewwan Maarita'aa fi Maariyaamiin waayee du'a obboleessa isaaniitii, isaan jajabeessu'uuf gara isaanii dhufanii ture.

20 Maaritaan dhufaatii Yesus yeroo dhageettetti isa simachu'uuf ni baate, Maariyaam garuu manatti hafittee turtte.

21 Maaritaan'llee Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Uduu ati asi jiraatteetii obboleessi kiyya hin du'u ture,

22 Garuu amma'llee waan kadhattu maraa Waaqinni akka siif kennu, ni beeka» jetteen.

23 Yesus'llee, «Obboleessi kee deebi'ee du'aa in ka'a» jedheen.

24 Maaritaan'llee, «Guyyaa muumme'ee, yeroo du'aa ka'iinssaa titti du'aa akka ka'u, ni beeka» jetteen.

25 Yesus'llee, «Du'aa ka'iinssii fi jireenni'llee ana, ka anatti amanu yoma du'e'llee lubbu'uun ni jiraata,

26 lubbu'uun ka jiraatuu fi anatti'llee ka amanu marrinuu gonkumaa hin du'u, kana ni amanttaa moo?» isi'iin ni jedhe.

27 Isiin'llee, «Ee yaa Gooftaa! Ati gara biyya lafaa ka dhufttu Masihii Ilma Waaqaa ta'uu kee ni amana» jetteen.

28 Maaritaan kana eega dubbatteen duubatti deemtee obboleettii isi'ii maariyaamiin, «Barsiisaan dhufee jira, si'llee ni waama» jettee, dhosa'aan ni waamitteen.

29 Maariyaam'llee kana yeroo dhageettetti dadafaan kaatee, gara isaa ni dhaxxe.

30 Yeroo san Yesus bakkuma Maaritaan isa itti argatte ture malee, gara gandichaa hin aseenne ture.

31 Isii jajabeessu'uuf dhufanii mana keessa isii woliin Yihudonni turan, Maariyaami dadafaan kaatee yoo baatu arganii, gara awwaala Alaazaarii dhaxxee waan bootu isaanitti fakkaatee, ni horddofaniin.

32 Maariyaam'llee gara bakka Yesus ni jira turee dhufttee yeroo isa argitetti, miila isaa jalatti kuftteeti, «Yaa Gooftaa! Uduu ati as jiraateetii obboleessi kiyya hin du'uuyyu ture!» jetteen.

33 Yesus yoo isiin boottuu fi Yihudonni isii woliin dhufan'llee yoo booyan yeroo arigetti, hafuura isaatiin haalaan gaddee sarddamu'uun,

34 «Eessatti ka awwaalttaniin?» jedhe. Isaan'llee, «Yaa Gooftaa! Koottuutii laali!» jedhaniin.

35 Yesus'llee imimmaan isaa ni jisse.

36 Kanaaf Yihudonni, «Attamitti ni jaalataan akka ture laalaa» jedhan.

37 Isaan keessaa tokko tokko garuu, «Ija jaama'aa ka fayyise, naminni kun akka hin duune taasisu'uuf hin danda'u turee ree?» ni jedhan.


Yesus Alaazaariin Du'aa Ni Kaaseen

38 Yesus haalaan gadda'aa gara awwaalaa ni dhaqe, awwaali'llee goda dhaga'aan cufame ni ture.

39 Yesus'llee, «Dhagicha kaasan!» jedhe. Obboleettiin du'aa Maaritaan, «Yaa Gooftaa! Eega du'ee guyyaa afurii ta'eenii jira, amma ni ajaaya» jetteen.

40 Yesus'llee, «Yoo amante ulfinna Waaqaa ni argita siin jedhee hin turree ree?» jedheen.

41 Namoonni'llee dhagicha ni kaasan, kanaan duubatti Yesus gara olii laalee, «Yaa Abbaa! Waan ana dhageetteef si galateeffadha,

42 yeroo maraa'llee akka naaf dhageettu ni beeka, garuu kana ka jedheef, namoonni asi dhaabatan ati akka ana ergite, akka amananiif jedheeti» jedhe.

43 Yesus kana eega dubbateen duubatti, «Alaazaar! Koottuu bayi!» jedhee, qooniqqa ol aana'aan ni dubbate.

44 Alaazaariin du'e harkaa fi miilli isaa'llee wonittoota ittiin kafanamaniin akkuma kafanamanii jirantti awwaala keessaa ni baye, fuulli isaa'llee akkuma subbeen itti marameen jira ture, Yesus'llee, «Hiika'aatii dhiisa'aanii haa deemuu!» isaaniin jedhe.


Marri Yesusiin Irratti Taasfame
( Mat 26:1-5 ; Mar 14:1-2 ; Luq 22:1-2 )

45 Maariyaamiin jajabeessu'uuf Yihudota dhufanii turan keessaa baayi'eewwan, waan inni raawwate arganii, Yesusitti ni amanan.

46 Tokko tokkoon isaanii garuu gara Fariisotaa dhaqanii, waan Yesus raawwate isaanitti ni himan.

47 Kanaaf itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisonni miseensota yaa'ii wolitti qabanii akkana jedhan, «Naminni kun baasota baayi'ee waan raawwatuuf, maal yoo raawwanne woyyaa?

48 Akkanumaan yoo dhiifinneen naminni marrinuu isatti ni amana, worri Rooma'aa'llee dhufanii mana keenna ka waaqeffanna'aatii fi ummata keenna mara'llee, ni dhabamisiisan.»

49 Garuu isaan keessaa tokko woggaa san keessa itti gaafatamaa qeesotaa ka ture Qayyaafaan akkana ni jedhe, «Isin womaayyuu hin beekittan,

50 ummanni marri baduu irra naminni tokko waayee ummataatiif yoo du'e isiniif ka woyyu ta'uu, gonkumaa hin hubanne moo?»

51 Inni'llee kana ka dubbateef ufi irraa burqisiisee hin turre, garuu woggaa sanitti inni itti gaafatamaa qeesotaa waan tureef, Yesus waayee ummataatiif du'uun isaan waan malu ta'uu yoo muldhisu, raaga kana dubbate.

52 Ka du'u'llee waayee ummataa qofaaf uduu hin ta'in, ijoollee Waaqaa ka bittinnaayan'llee bakka tokkotti wolitti qabu'uuf.

53 Kanaaf guyyaa sanii jala qabanii Yesusiin ajjeesu'uuf, ni mari'atan.

54 Achii asitti Yesus Yihudota jidduu ifaan hin dedeebine, garuu achii bayee gara bakka gammoojjii bira jirttu, gara magaalaa Efreem jedhamttuu ni deeme, achitti barattoota isaa woliin ni ture.

55 Ayyaanni Yihudotaa ka Faasiika'aa dhiyaatee jira ture, namoonni baayi'een'llee Ayyaanni Faasika'aa uduu hin gayiniin duranatti, mataa isaanii qulqulleessu'uuf bakka maraa, gara Yerusaalemii ni bayan,

56 Isaan'llee Mana Waaqeffanna'aa keessa dhaabatanii dhufaatii Yesusii ni eeggatan waan tureef, «Maal yaadan? Gara ayyaanaa waan dhufu isinitti hin fakkaatu moo?» jedha'aa ufii isaaniitii wol ni gaafatan ture.

57 Akkuma kana itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Fariisonni Yesusiin qabu'uuf akka danda'an, bakka inni jiru naminni beeku yoo jiraate akka isaanii akkeekuuf, nama maraa ajajanii jira ture.

Swiv nou:



Piblisite