Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Yohaannis 10 - Waadaa Haarawa


Tissee Mishaa Ta'uu Yesusii

1 Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Dhugaa isiniin jedha, gara karra gooruu hoolotaa uduu hin ta'in gara bira'aatiin naminni aseenu, hattu'uu fi shiftta'a.

2 Balbalaan ka aseennu garuu tissee hoolotaati.

3 balbala eegaan isaaniif balbala ni bana, hoolonni isaa'llee qooniqqa isaa ni dhagayan, inni'llee hoolota isaa akka maqaa isaaniitiin isaan ni waama, isaan eemara'aa'llee gara alaa titti, isaan ni baasa.

4 Hoolota isaa eega yaaseen duubatti'llee, dura dura isaaniitiin ni deema, hoolonni'llee qooniqqa isaa waan beekaniif, isa ni horddofan.

5 Qooniqqa bira'aa garuu waan hin beekinneef, isa irraa dheessan malee, hin horddofaniin.»

6 Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, isaan garuu waan inni dubbate hin hubanne.

7 Kanaaf Yesus deebi'ee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugaa isiniin jedha, ani balbala hoolotaati.

8 Worri anaan duranatti dhufan marrinuu hattootaa fi shifttoota, hoolonni garuu isaan hin dhageeffanne.

9 Balballi ana, ka karaa kiyyaan aseenu ni fayya, ni aseena, ni baya, bakka oolu'llee ni argata.

10 Hattuun ka dhufu hatu'uuf, qalu'uu fi balleessu'uuf qofa, ani garuu ka dhufee jireenna akka argatanii fi jireenna irraa hafe, akka qabaataniif.»

11 «Tissichi mishaan ana, tisseen mishaan lubbuu isaa waayee hoolota isaatiif dabarssee ni kenna.

12 Tisseen mindeeffamaa ta'e hoolonni ta isaa waan hin ta'iniif, yayyiin yoo dhufttu yeroo argutti hoolota dhiisee ni dheessa, yayyiin'llee hoolota irraa fudhatee isaan ni bittinneessa.

13 Tissichi'llee ka dheessu mindeeffamaa waan ta'ee fi hoolotaaf'llee waan hin yaadineef.

14 Tisseen mishaan ana, ani hoolota tiyya ni beeka, hoolonni tiyya'llee ana ni beekan.

15 Ani isaan ka beeku Waaqinni Abbaan akka ana beekuu fi akkuma bifa ani'llee Waaqa Abbaa beekuunitti, ani waayee hoolota kiyyaatiif lubbuu kiyya dabarssee ni kenna.

16 Gobbuu kana keessaa ka hin ta'in hoolota bira'aa ni qaba, isaan'llee fidu'utu narraa mala, isaan'llee qooniqqa kiyya ni dhagayan, gobbuu tokko'llee ni ta'an, tisseen'llee tokko ni ta'a.»

17 Deebi'ee'llee fudhachu'uunii akka danda'u lubbuu kiyya ka kennu waan ta'eef, Waaqinni Abbaan ana ni jaalata.

18 «Lubbuu kiyya fedhii kiyyaan ni kenna malee, ana irraa ka fudhatuun eennu'llee hin jiru, lubbuu kiyya Kennu'uu fi deebisee'llee fudhachu'uuf aangoo ni qaba, ajaja kana'llee ka fudhadhe Abbaa kiyya irraayyi.»

19 Haasaya kana irraa ka ka'een worra Yihudotaa jiddu'utti, adda fooyamiinssi ni ta'e.

20 Isaan keessaa'llee baayieewwan, «Inni sheexana ni qaba, maraatee jira, waayee maali'iitiif isa dhageeffattaniin? jedhan.»

21 «Kuunniin ammoo, haasofnni kun afaan nama sheexana qabuu keessaa ka bayuu miti, sheexanni ija jaamotaa fayyisu'uuf, ni dandda'aa ree?» jedhan.


Amanuu Dhabuu Yihuudotaa

22 Yerusaalemitti yeroon haareffama Mana Waaqeffanna'aa itti kabajamuu ni gaye, yeroon'llee ganna ture,

23 Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti xurree keessa dedeebi'iinssa Solomooniitiin ni dedeebi'a ture.

24 Yeroo sanitti Yihudonni naannaya isaa titti wolgayanii, «Haga yoomii titti shakki'iin nu tursiiftta? Ati Masihii yoo taate ifaan nutti himi» jedhaniin.

25 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ani isinitti himee jira, isin garuu hin amanttan, maqaa Abbaa kiyyaatiin hujiin hojjadhu anaaf raagaa ni baya.

26 Isin garuu gobbuu hoolota tiyyaa keessaa waan hin ta'iniif, ana hin amanttan.

27 Hoolonni tiyya qooniqqa kiyya ni dhagayan, ani'llee isaan ni beeka, isaan'llee ana ni horddofan.

28 Ani jireenna bara baraa isaaniif ni kenna, kanaaf gonkumaa hin badan, harka kiyyaa eennu'llee butee isaan hin fudhatu.

29 Ka isaan anaaf kenne Abbaan kiyya, maraa ni caala. Harka Abbaa kiyyaatii isaan butee fudhachuu ka danda'u, eennu'llee hin jiru.

30 Anii fi Waaqinni Abbaan tokko.»

31 Yeroo sanitti Yihudonni Yesusiin woqaru'uuf, lammaffaa dhagaa ni guuratan.

32 Yesus'llee, «Waaqa Abbaa biraa hujiiwwan mishaa baayi'ee isinitti ni muldhise, eegaa, ka ana woqartaniif kanniin keessaa waayee hujii kamiitiif?» isaaniin jedhe.

33 Isaan'llee, «Nu ka si woqaruuf waayee Waaqa irratti dubbii arrabaa dubbachuu keetiitiif malee, waayee hujii kee misha'aatiifii miti, kun'llee ati nama taatee uduu jirttu, mataa kee Waaqa waan taasfitteef» jechu'uun, ni deebisaniif.

34 Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Seera keessaniin ammoo, ‹isin waaqota harkaan hojjatamittan ni jedhe› ka jedhu, barreeffamee jiraa mitii ree?

35 Eegaa Kitaaba Qulqulluu diigu'uun hin danda'amu, dubbiin Waaqaa ka isaanii dhufe Kitaaba Qulqulluu, waaqota harkaan hojjataman jedhee eega isaan waame,

36 eegaa ka Waaqinni Abbaan qulqulleessee fi gara biyya lafaa ka erge, ‹ani Ilma Waaqaati› waan jedhe, waayee maali'iitiif, Waaqa irraatti dubbii arrabaa dubbattee jirta jettaniin?

37 Ani hujii Abbaa kiyyaa ka hin hojjanne yoo ta'e, ana hin amaninaa.

38 Hujii Abbaa kiyyaa ka hojjadhu yoo ta'e garuu, yoma anatti'llee amanuu dhabaattan'llee hujii kiyyatti amanaa, bifa kanaan Waaqinni Abbaan ana keessa akka ta'ee fi ani'llee Waaqa Abbaa keessaan akka ta'e, midhaastanii ni beettan» isaaniin jedhe.

39 Isaan'llee deebi'anii isa qabu'uuf ni barbaadan, inni garuu isaan harkaa bayee ni lixe.

40 Deebi'ee'llee Yesus Laga Yoordaanosii ce'ee, gara bakka Yohaannis jalqaba itti ni cuupha turee'llee ni deeme, achitti'llee ni ture.

41 Namoonni baayi'een gara isaa dhufanii, «Yohaannis baasa woyiituu hin taasfnne, garuu wonitti Yohaannis waayee nama kanaatiif dubbate marrinuu, dhugaa ture» jedhan.

42 Achitti'llee namoonni baayi'een isatti ni amanan.

Swiv nou:



Piblisite