Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Maatewos 25 - Waadaa Haarawa


Fakkeenna Shamarran Kudhanii

1 Itti aanissee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Yeroo sanitti Mootummaan Sami'ii ibisaa isaanii qabatanii ka fuudhu simachu'uuf ka bayan, shamarran shanan ni fakkaatti.

2 Isaan'llee shanan gowwoota, shanaan ammoo qaruuteewwan turan.

3 Shamarran gowwoota ibisaa isaanii yoma qabatan'llee ibisa'aaf ka ta'u bobayaa bira'aa jala hin qabanne turan.

4 Shamarran qaruuteewwan garuu ibisaa isaanii woliin bobayaa bira'aa jala meesha'aan, qabatanii jiran ture.

5 Ka fuudhu turuu isaatiin marri isaaniituu, hirribnni itti ulffaatee, ni rafan.»

6 «Halkan qixxee yoo ta'utti garuu, ‹kunoo ka fuudhu galee jira! Baya'aatii simadha'aanii!› Wocinni jedhu ni dhagayame.

7 Yeroo sanitti shamarran marrinuu ka'aniiti, ibisaa isaanii ni qopheessan.

8 Shamarran gowoonni qaruutewwaniin, ‹Ibisaan keenna baduu isaa waan ta'eef, yabo'oo bobayaa keessan irraa nuuf kennaa› isaaniin jedhan.

9 Shamarran qaruuteewwan garuu, ‹nu'uuf isinii bobayaa gayu hin qabnnu. Kana irra gara dukkaanaa deema'aatii bobayaa isiniif ta'u bitaa!› jechu'uun, isaaniif ni deebisan.

10 Shamarran gowwoota bobayaa bitu'uuf yeroo deemanitti, ka fuudhu ni gale. Shamarran qophaayanii turan'llee ka fuudhu woliin, gara galmma afeerrii cidhaa ni aseenan, balballi'llee ni cufame.»

11 «Shamarran maa'ii'llee hafan dhufaniiti, ‹yaa Gooftaa, yaa Gooftaa! Yabo'oo nuuf bani!› jedhaniin.

12 Inni garuu, ‹dhugamaan isiniin jedha, ani isin hin beeku!› jechu'uun, isaaniif ni deebise.

13 «Kanaaf, guyya'aa fi saa'aatii waan hin beekinneef, isin hisadha'aatii eegaa.»


Fakkeenna Tajaajilttoota Saantibii Worqqi'ii Sadiin Isaaniif Kennamee
( Luq 19:11-27 )

14 Yesus'llee akkana jechu'uun fakkeenna bira'aa isaanitti ni hime, «Yeroo sanitti haalli gara Mootummaa Waaqaa titti aseenu'uu akkana ni ta'a, naminni gara biyya bira'aa deemu tokko tajaajilttoota isaa waamee, akka waan qabeenna isaa ka qabu isaanitti kennuu, ni ta'a.

15 Gooftichi isaanii'llee tokko tokko isaaniitiif akka danddeettii isaaniitiin isaanii qoodu'uun, tokkoof saantibii worqqi'ii shan, tokkoof saantibii worqqi'ii lama, tokkoof ammoo saantibii worqqi'ii tokko kenneeti, gara biyya bira'aa ni deeme.

16 Saantibii worqqi'ii shan ka fudhate bakkumatti deemee ittiin daldaleeti, ka bira'aa saantibii worqqi'ii shan, ni buufate.

17 Ka saantibii worqqi'ii lama fudhate'llee akkuma kana, saantibii worqqi'ii lama, ni buufate.

18 Saantibii worqqi'ii tokko ka fudhate garuu deemeeti, lafa qotee qabeenna Gooftaa isaa, ni awwaale.»

19 «Yeroo baayi'e'een duubatti gooftaan tajaajilttoota sanniinii dhufeeti, tajaajilttoota isaa woliin herreegachuu jala ni qabe.

20 Tajaajilaan saantibii worqqi'ii shan fudhate gara Gooftaa isaa dhufeeti, saantibii worqqi'ii shan dhiyeessee, ‹yaa Gooftaa! Saantibii worqqi'ii shan naa kennitee ture, kunoo! Ka bira'aa saantibii worqqi'ii shan, buufadhee jira!› jedhe.

21 Gooftaan isaa'llee, ‹mishaa raawwatte, ati amanama'aa fi tajaajilaa misha'a! Waan muraasaan amanamaa taatee waan argamitteef, waan baayi'ee irratti si ni muuda, koottu, gammachuu goofta'aa qoodamu'uuf aseeni!› jedheen.

22 «Saantibii worqqi'ii lama ka fudhate'llee dhiyaatee, ‹yaa Gooftaa! Saantibii worqqi'ii lama naa kennitee turtte, ka bira'aa saantibii worqqi'ii lama buufadhee jira!› jedhe.

23 Gooftaan isaa'llee, ‹misha'a! Ati amanama'aa fi tajaajilaa mishaa nana, waan muraasaan amanamaa taatee waan argamitteef, waan baayi'ee irratti si ni muuda, koottu, gammachuu Gooftaa keetii qoodamu'uuf aseen!› jedhe.

24 «Ka saantibii worqqi'ii tokko fudhate'llee dhiyaatee, ‹Yaa Gooftaa! Bakka itti hin facaasinii ka haamattu, bakka itti hin bittinneessinii ka wolitti qabddu, nama gara jabeessa ta'uu kee ni beeka,

25 kanaaf si sodaadheeti, deemee qabeenna kee lafa keessatti ni awwaaleen, kunoot qabeenni kee!› jedheen.»

26 «Gooftaan isaa garuu akkana ni jedheen, ‹ati hama'aa fi tajaajilaa dadhabaa nana! Bakka itti hin facaasinii akka haamadhuu fi bakka itti hin bittinneesinii'llee akka wolitti qabadhu, ka beekittu eega ta'e,

27 qabeenna kiyya mana kuusaa qarshi'ii naaf kaayuu ni qabdda ture, ani'llee yeroo dhufetti qarshii kiyya dhala woliin ni fudhadha ture.

28 Eegaa, qarshii isa irraa fuudha'aatii ka saantibii worqqi'ii kudhan qabuuf kennaa.

29 Nama qabu maraaf ni dabalama, ni baayi'ataaf'lle'e, yoo hin qabaatin garuu kammaan qabu sunuu, irraa ni fudhatama.

30 Tajaajilaa hin fayyadinne kana garuu gara dukkana ala jiruu titti baasa'aatii gata'aanii, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.› »


Muummee Biyya Lafaa Titti Murtii Ta'u

31 «Ilmi Namaa maleyikkoota isaa maran marffamee ulfinnanaan yoo dhufutti, teessoo isaa ka ulfinnaa irra ni taa'a,

32 ummanni marri'llee isa duranatti wol ni gayan, akkuma tisseen hoolota re'iin irraa adda fooyutti, inni'llee ummatoota ufii isaaniitiin isaan adda ni fooya.»

33 Qulqullaayota mirga isaatiin, cubbamoota ammoo bitaa isaatiin ni dhaabachiisa.

34 Yeroo sanitti nugusichi gara mirga isaatiin worra jiraniin akkana ni jedha, isin Abbaan kiyya ka isin eebbise! Kootaa! biyyi lafaa yeroo uumamee jala qabee mootummaa isiniif qophaaye dhaalaa!

35 Beelayee ture, ana nyaachifttanii jirttan, dheebodhee ture, ana obaafttanii jirttan, keessummaa ta'ee ni dhufee, mana keessantti ana simattanii jirttan,

36 daareeti ture, natti uffifttanii jirttan, dhukkubsadheeti ture, ana gaafattanii jirttan, hidhamee ture dhufttanii ana laalttanii jirttan.

37 Yeroo sanitti qulqullaayoman akkana jedhanii ni deebisaniif, yaa Gooftaa, yoom beelofttee si argineeti si nyaachifnne? Yoom dheebottee si argineeti si obbaafnne?

38 Yoom keessummaa taatee si argineeti, mana keennatti si simanne? Yoom daarttee si argineeti sitti uffifnne?

39 Yoom dhukkubssattee yookiin hidhamttee si argineeti dhufinnee si gaafanne?

40 Nugusichi'llee, «dhugamaan isiniin jedha, kanniin obboleeyyan kiyya keessaa ka gad aanaa ta'e tokkomaafuu wonitti raawwattan marrinuu, akka waan anaaf raawwattaniiti!» jechu'uun, isaanii ni deebisa.

41 «Kanaan duubatti gara bira'aatiin worra jiraniin'llee, akkana ni jedha, ‹isin worri abaaramttan nana! Ana irraa garas fagaadhaa! Sheexanaa fi maleyikkootaa horddofttoota isaatiif gara bakka qophaayee, gara ibidda bara baraa deemaa!

42 Beelayee ture ana hin nyaachifnne, dheebodhee ture ana hin obaafnne.

43 Keessummaa ta'ee dhufee ture, ana hin simanne, mana keessantti daaree ture, ana hin nyaachifnne, dhukubbisadhee, dhidhamee'llee ture, isin ana hin gaafanne› » jedhe.

44 «Isaan'llee, ‹yaa Gooftaa, beelofttee yookiin dheebottee, keessummaa taatee yookiin daartee, dhukkubissattee yookiin hidhamttee yoom si argineeti, uduu si hin gargaarin hafinne?› jechu'uun, ni deebisaniif.

45 Nugusichi'llee, ‹dhugamaan isiniin jedha, kanniin obboleeyyan kiyya keessaa gad aanaa ka ta'e tokkomaafuu wonitti raawwattan marrinuu, akka waan anaaf raawwatiniiti› isaaniin» jedha.

46 «Kanaaf, kunniin gara adabbii ibidda bara baraa yoo deeman, qulqullaayoman garuu gara jireenna bara baraa ni deeman.»

Swiv nou:



Piblisite