Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Maatewos 21 - Waadaa Haarawa


Ulfinna Ol Aana'aan Gara Yerusaalemii Aseenuu Yesusii
( Mar 11:1-11 ; Luq 19:28-40 ; Yoh 12:12-19 )

1 Yesusii fi horddofttoonni isaa gara Yerusaalemii yeroo dhiyaatanitti, gara ganda Beetfaagee Gaara ejjerssaa titti argamuu yoo gayan, Yesus barattoota isaa keessaa lamaan akkana jechu'uun erge,

2 «Gara ganda isiniin duranatti jiruu deemaa, achitti'llee harree hidhamtte takka ilmmayyoo isi'ii woliin bakkumatti ni argattan, hiika'aatii naa fidaa.

3 Naminni kumi'llee waan tokko yoo isiniin jedhe ‹Gooftaan waan isaan barbaaduuf› jedhaanii, Inni'llee harriin bakkumatti isaan ni erga.»

4 Kun'llee ka ta'e nabiyyichaan akkana jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf,

5 «Magaalaa Xiyoonii ta jedhamttu Yerusaalemiif, ‹kunoo, nugufnni kee gara laafessa ta'ee, harre'ee fi ilimmayyoo yaabbatee gara kee ni dhufa!› jedha'aatii itti himaa.»

6 Barattoonni isaa'llee dhaqanii akkuma Yesus isaan ajaje ni raawwatan.

7 Harree ilmmayyoo isi'ii woliin ni fidaniif, uffata isaan'llee harre'ee irratti ni raran, Yesus'llee san irraan ni taa'e.

8 Ummata keessaa baayi'eewwan uffata isaanii karaa irratti ni afan, kuunniin ammoo baala mukaa mura'aa karaa irratti ni afan turan.

9 Ummata dura dura ni deeman ka turan'llee, «Hosaa'inaa Ilma Daawiitiitiif Galanni haa ta'u! Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Hosaa'inaa! Galanni ol sami'itti Waaqaaf haa ta'u!» jedha'aa ni iyyan ture.

10 Yesus gara Yerusaalemii yeroo aseenetti namoonni magaala'aa marrinuu, «Kun eennu?» jechu'uun, ni jeeqaman.

11 Ummanni'llee, «Kun ardii Galiila'aa titti ka argamittu, Magaalaa Nazireetiitii ka dhufe Yesusii» jedhan.


Yesus Mana Waaqeffanna'aa Titti Worra Wol Gabayatan Akka Baase
( Mar 11:15-19 ; Luq 19:45-48 ; Yoh 2:13-22 )

12 Kanaan duubatti Yesus gara Mana Waaqeffanna'aa ni aseene, achitti'llee namoota gurguranii fi bitan maraa ni baase. Minjaalota worra qarshii jijjiirttotaatii fi barcumoota worra handarii gurgurttootaa'llee ni garagalche.

13 « ‹Manni kiyya mana kadhanna'aa ni jedhama› isin garuu goda saamittotaa, ni taasfttan!» isaaniin jedhe.

14 Yesus Mana Waaqeffanna'aa keessa uduu jiru, jaamotaa fi hokkolttoonni gara isaa dhufaniiti, isaan ni fayyise.

15 Garuu itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, waan baasaa ka Yesus raawwate arguu isaaniitii fi daai'mman'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, «Ilma Daawiitiitiif Hosaa'inaa! Galanni haa ta'u!» jedha'aa yoo iyyan, dhagayuu isaaniitiin ni dallanan.

16 Kanaaf Yesusiin, «Daai'mman tunniin waan jedhan ni dhageettaa mitii ree?» ni jedhaniin, inni'llee, «Ee, ni dhagaya, ‹ijoolle'ee fi daai'mman harmma hodhan afaanii galata ni qopheessite› ka jedhu, gonkumaa hin dubbifinnee moo?» isaaniin jedhe.

17 Isaan dhiisee'llee magaala'aa bayee, gara ganda Bitaaniyaa jedhamttuu ni deeme, achi'llee ni bule.


Muka Harbbu'uu Ka Yesus Abaare
( Mar 11:12-14 , 20-24 )

18 Yesus ganama obboro'oon gara magaala'aa deebi'ee yeroo deemutti ni beelaye.

19 Mukattii harbbu'uu takka karaa biratti argeeti gara isi'ii'llee ni dhaqe, garuu baala isi'ii malee womaayyuu irratti hin arganne. Kanaaf, «Ammaa achitti gonkumaa firiin sirratti hin argamin!» ni jedheen. Mukattiin'llee bakkumatti ni godde.

20 Barattoonni isaa'llee kana yeroo arganitti, «Mukattiin harbbu'uu tun yeroo tokkoon attamitti godde!» jechu'uun, ni baaseffatan.

21 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhugamaan isiniin jedha, amantii uduu qabaattanii fi shakkuu'llee uduu dhabaattanii, mukattii harbbu'uu irratti akkuma taasfame, raawwachuu qofa uduu hin ta'in, gaara kanaan'llee ‹asii ka'iitii gara garba ciisa'aa titti darbami!› uduu jettaniinii, isiniif ni ta'a.

22 Amantanii kadhanna'aan waan kahattan maraa, ni argattan.»


Yesus Aangoo Maali'iitiin Akka Hojjatuuf Gaafii Dhiyaate
( Mar 11:27-33 ; Luq 20:1-8 )

23 Yesus'llee gara Mana Waaqeffanna'aa aseenee ni barsiisa ture. Yeroo sanitti itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin ummataa gara isaa dhiyaataniiti, «Kana mara ka raawwattu aangoo maali'iitiin? Aangoo kana ka siif kenne eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin.

24 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ani'llee gaafii tokko si ni gaafadha, gaafii kiyyaaf deebii yoo naa kennitan, ani'llee kana mara aangoo maali'iitiin akka raawwadhu isinitti ni hima.

25 Cuuphaan Yohaannis eessaa dhufe? Waaqaa irraayyi ture moo yookiin nama biraa?» Isaan'llee ufii isaanii titti akkana jechu'uun woliin ni mari'atan, « ‹Waaqaa biraayyi› yoo jenne, ‹eegaa maali'iif itti amanuu dhabddan ree?› nuun jedha,

26 ‹nama biraayyi› yoo jenne ammoo, Yohaanisiin marri isaaniituu akka nabiyyi'ii titti waan isa laalaniif, ummata ni sodaanna.»

27 Kanaaf, «Hin beekinnu!» jechu'uun, Yesusii ni deebisan. Inni'llee, «Eegasuu ani'llee aangoo maali'iitiin kana mara akka raawwadhu, isinitti hin himu!» isaaniin jedhe.


Fakkeenna Ijoollee Lamaanii

28 Itti aanssee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Eegaa maal isinitti fakkaata ree? Naminni tokko ijoollee lamaa ni qaba ture, isaan keessaa gara tokkoo dhiyaatee, ‹yaa ilma kiyya, adha gara bakka biqilttuu kiyya ka woyinnii deemittee, akka hojjattu haa ta'u!› ni jedheen.

29 Ilmi'llee, ‹dide hin deemu!› jedhe. Ha ata'u malee maa'ii gaabbeeti, hojjachu'uuf ni deeme.

30 Abbaan ammoo gara ilma isaa ka lamaffa'aa deebi'ee dhaqeeti, inni'llee akkuma kana akka hojjatuuf ni ajajeen, ilmi'llee, ‹tole abbaa kiyya ni deema!› jedhe. Garuu hin deeminne.

31 Eegaa ijoollee kaniin lamaan keessaa, ka ajaja abbaa isaa raawwate kamii?» Isaan'llee, «Ka jalqabaati kaa!» jedhan. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin ni jedha, cubbamoonnii fi sagaagalttoonni gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uun, isin ni durssan.

32 Yohaannisiin cuuphaan karaa qulqullaayomaa isinitti muldhisu'uuf dhufnnaan hin amanneen, cubbamoonnii fi sagaagalttoonni garuu ni amananiin, kanuma'llee argitanii gara Waaqaa deebitanii, hin amanneen.»


Fakkeenna Qotee Bulttoota Biqilttuu Woyinni'ii
( Mar 12:1-12 ; Luq 20:9-19 )

33 Irra deebi'ee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Fakkeenna bira'aa'llee dhagayaa, biqilttuu woyinni'ii ka dhaabe nama tokkotu jira ture, inni'llee biqilttuu woyinni'ii naannayatti dalaya ni dallaye, cuunffaa wooyinni'iitiif ka ta'u boolla qotee ni midhaasse, eegiddoo woyinni'iitiif ka tajaajilu kaabaa dhaga'aa dheeraa ni hojjate, kanaan duubatti bakka biqilttu'uu qotee bulttootaaf kireessee, gara biyya bira'aa ni deeme.

34 Ji'a calla'aa gayetti gayee isaa akka isaa fuudhaniif, tajaajilttoota isaa gara qotee bulttootaa ni erge.

35 Qotee bulttoonni garuu tajaajilttoota isaa qabanii tokko ni dhaananiin, tokko ni ajjeesaniin, ka bira'aa ammoo dhaga'aan ni woqaraniin.

36 Abbaan bakka biqilttuu woyinni'llee deebi'ee tajaajilttoota, laakkofssi isaanii worra duraanii caalu erge. Qotee bulttoonni isaan irratti'llee gochuma wol fakkaataa ni raawwatan.

37 Muummee irratti abbaan bakka biqilttuu woyinni'ii, ‹ilma kiyya ni kabajaniin!› jechu'uun, ilma isaa gara qotee bulttootaa ni erge.

38 Qotee bulttoonni garuu ilma isaa yeroo arganitti, ‹kun ammoo dhaalaa isaati, kootaa isa ajjeefinneeti, qabiyyee isaa nu'u haa dhaalluunii!› woliin ni jedhan.

39 Ilma isaa'llee qabanii bakka biqilttuu woyinni'iitiin alaa, fidaniiniiti ni ajjeesaniin.»

40 «Eegaa, abbaan biqilttuu woyinni'ii yeroo dhufetti, qotee bulttoota kanniin irratti maal ka raawwatu isinitti fakkaata?»

41 Inni'llee, «Raawwiin namoota hamaaleyyii kanniinii ka hammaate ni taasisa. Bakka biqilttuu woyinni'llee worra callaa yeroon isaaf kennan, qotee bulttoota bira'aatiif ni kireessa» jedhaniin.

42 Itti aanssee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Kitaabban qulqullaawota keessatti, ‹dhagaa worri kaabaa dhaga'aa ijaaran tuffataniin, inni dhagaa ijoo cabissata mata'aa ni ta'e, kun'llee hujii Goofta'aati, ija teennaaf'llee baasa› jedhamee ka barreeffame, gonkumaa isin hin dubbifinnee moo?»

43 Kanaaf, «Akkana isiniin ni jedha, Mootummaan Waaqaa isin irraa fudhatamittee, ummata firii daraararuuf ni kennamtti. [

44 Ka dhagaa kana irratti kufu ni caba, naminni dhagaan isa irratti kufe garuu, ni bullaaya.»]

45 Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisoonni fakkeennota kanniin yeroo dhagayanitti, Yesusii ka dubbatte waayee isaaniitiif ta'uu, ni hubatan.

46 Kanaaf isa qabu'uuf barbaadanii turan, ummanni garuu akka nabiyyi'ii titti ni laalan waan turaniif, ni sodaatan.

Swiv nou:



Piblisite