Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Wongeela Maatewos 13 - Waadaa Haarawa


Fakkeenna Nama Sanyii Facaasuu
( Mar 4:1-9 ; Luq 8:4-8 )

1 Guyyama sanitti Yesus manaa bayee garba ciisaa bira ni taa'e,

2 namoonni baayi'een gara isaa dhufanii wolgayuu isaaniitiin hoboloo irra bayee ni taa'e, ummanni marri'llee garba ciisaa bira dhaabatanii ni jiran turan.

3 Saniin duubatti'llee wonittoota baayi'ee fakkeennaan akkana jedha'aa, isaanitti himuu jala ni qabe, «Kunoo! Qotee bulaan tokko sanyii facaasu'uuf ni baye.

4 Yoo facaasutti'llee sanyiin tokko tokko karaa biratti bu'eeti, sinbirroonni dhufanii ni nyaatan.

5 Sanyiin bira'aa bakka biyyeen baayi'een hin jirre, lafa dhaga'aa irra ni bu'e, laftti'llee biyyeen baayi'een waan irra hin jirreef gad fageenna hin qabu ture, kanaaf sanyiin bakkumatti ni baye.

6 Haa ta'u malee yeroo aduun baatetti ni qaamaye, hidda waan hin qabneef'llee ni goge.

7 Sanyiin bira'aa'llee lafa ximirroo qore'ee jidduu ni bu'e, qoreen ximmirroon'llee guddateeti, biqillittuu sanyi'ii hudhee ni hanbiseen.

8 Sanyiin bira'aa'llee lafa mishaa irratti bu'ee biqileeti, firii baayi'ee ni daraare, tokko dhibba, tokko jahaatama, tokko'llee firii soddomaa ni kenne.

9 Ka gurra dhagayu qabu, haa dhagayu!»


Yesus Waayee Maali'iitiif Fakkeennaan Ni Dubbata Akka Ture
( Mar 4:10-12 ; Luq 8:9-10 )

10 Kanaan duubatti barattoonni isaa gara Yesusii dhiyaatanii, «Waayee maali'iitiif ummatatti fakkeennaan dubbattaa?» jedhaniin.

11 Inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isiniif waayeen dhossaa Mootummaa Sami'ii beeku'uu kennamee jira, isaaniif garuu hin kennamnneef.

12 Nama qabuuf ka caalu ni kennamaaf, ni baayi'ataaf'lle'e, nama hin qabnne irraa garuu ka qabu, irraa ni fudhatama.

13 Uduu argan akka waan hin arginee, uduma dhagayan akka waan hin dhageennee yookiin akka waan hin hubannee waan ta'aniif kunoo, ani fakkeennaan isaanitti ni hima.

14 Kanaaf nabiyyicha Isaayaasiin akkana jedhamee, isaan irratti ni raawwatama, ‹dhagayuu ni dhageettan, garuu hin hubattan, arguu'llee ni argitan, garuu onne'etti hin qabattan.›

15 Onneen ummata kanaa hadooddee jira, gurri isaanii'llee duudee, ijji isaanii'llee dununfatanii jiran, akkana uduu ta'uu dhabaateetii, ija isaaniitiin laalanii, gurra isaaniitiin'llee dhagayanii, onnee isaanii titti'llee hubatanii, gara kiyya deebi'anii ani'llee isaan ni fayyisa ture.»

16 «Keessan garuu ijji waan laalanii fi gurri keessan'llee waan dhagayuuf, ka eebbifaman.»

17 Dhugamaan isiniin jedha, nabiyyoonni baayi'ee fi qulqullaayoman waan isin argitan argu'uuf hawwanii turan, garuu hin argine, waan isin dhagaya'aa jirttann'llee dhagayu'uuf hawwanii ture, garuu hin dhageenne.


Hiikkaa Fakkeenna Nama Sanyii Facaasuu
( Mar 4:13-20 ; Luq 8:11-15 )

18 «Eegaa isin fakkeenni nama sanyii facaasuu maal akka ta'e dhagayaa,

19 sanyiin karaa biratti bu'e ka muldhisu, dubbii Mootummaa Waaqaa dhagayee waayee nama hin hubanneeti, bakkumatti sheexanni dhufee onnee isaa keessatti dubbii facaafame, irraa ni fudhata,

20 lafa dhaga'aa irratti sanyiin facaafame ka muldhisu, waayee nama dubbii isaa dhagayee bakkumatti, gammachu'uun fudhatuuti.

21 Haa ta'u yeromaaf malee onnee isaa keessatti hidda gad hin fageeffanne, kanaaf sababa dubbii Waaqaatiin rakkinni tokko yookiin ari'ataminni yeroo isa irra gayetti, dafee ni gufata.

22 Qoree ximmiraayaa jiddu'utti sanyiin facaafame ka muldhisu, waayee nama dubbii Waaqaa yero'oof dhagayuuti, haa ta'u malee yaadinni biyya lafaa kanaatii fi jaalalli qabeennaa gara onnee isaa aseenee, dubbicha waan dhudhuuf firii malee ni hafa.

23 Sanyiin lafa mishaa irratti facaafame ka muldhisu, waayee nama dubbii isaa dhagayee hubanna'aan fudhatuuti, inni'llee firii ni daraara, tokko dhibba, tokko jahaatama, tokko firii soddomaa» ni kenna.


Fakkeenna Ingirdaadaa

24 Akkuma kana Yesus akkana jechu'uun fakkeenna bira'aa isaanitti ni hime, «Mootummaan Sami'ii oorruu isaa ta qonnaa titti nama sanyii mishaa facaase fakkaati,

25 garuu naminni marrinuu eega rafeen duubatti diinni dhufeeti qamadii keessatti, ingirdaada facaasee ni deeme.

26 Qamadiin guddatee yeroo daraaretti, ingirdaan'llee yeroma sanitti ni muldhate.

27 Kanaaf tajaajilttoonni abbaa bakka qonnaa gara isaa dhiyaatanii, ‹yaa Gooftaa, bakka qonna keetii keessatti sanyii mishaa facaafttee hin turree? Eegaa, ingirdaanni eessaa dhufe?› jedhaniin.»

28 «Inni'llee, ‹kana ka raawwate diina› isaaniin jedhe. Tajaajiltoonni'llee, ‹eegaa deeminnee ingirdaadicha akka buqqifnnuuf ni barbaadaa ree?› jedhaniin.

29 Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, ‹hin ta'u ingirdaadicha yoo buqqifttanitti qamadii'llee woliin ni buqifttan.

30 Kanaaf isaan dhiisa'aan, haga yeroo calla'aa titti qamadi'ii fi ingirdaan'llee wolumaan haa gudatan, yeroo calla'aa titti haamittotaan ingirdaada durssa'aatii buqqisaa, ibiddaan akka gubatuuf'llee nadoon hidhaa, qamadii garuu wolitti qaba'aatii gootaraa kiyyatti galchaa› isaaniin ni jedhe.»


Fakkeenna Sanyii Suuniffa'aa
( Mar 4:30-32 ; Luq 13:18-19 )

31 Yesus fakkeenna biraa'llee akkana jechu'uun isaanitti ni hime, «Mootummaan Sami'ii suuniffa'aa ka naminni tokko fidee, qonnaa isaa keessatti facaase fakkaatti.

32 Isiin'llee sanyii maraa irra ta diqqaatte, yeroo guddatetti garuu biqilttuuwwan maraa ni caaltti, muka guddaa'llee ni taati, Sinbirroonni'llee dhufanii dameewwan mukichaa irratti mandheewwan isaanii ijaaratanii, irratti ni quphatan.»


Fakkeenna Shiisha'aa
( Luq 13:20-21 )

33 Dabalee'llee Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Mootummaan Sami'ii daakuu kurree sadihii ka dubarttiin takka fiddee shiisha'aan wolitti bukeessite fakkaatti, shiishaan'llee miciqaan marri akka bukaayu ni taasise.»


Yesus Maali'iif Fakkeennan Akka Barsiise
( Mar 4:33-34 )

34 Yesus waan kana mara fakkeennaan ummatatti ni dubbate, fakkeenna malee womaayyuu isaanitti hin dubbanne.

35 Kun'llee sababinni ta'eef, nabiyyichaan akkana jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, «Haasaya kiyya fakkeennaan ni ibisa, biyyi lafaa yeroo uumamee jalaqabee waan dhokatee jiru, ni dubbadha.»


Yesus Fakkeenna Ingirdaadaa Akka Hubachiise

36 Kanaan duubatti Yesus ummata geegessee gara manaa ni aseene, barattoonni isaa'llee gara isaa dhiyaatanii, «Hiikkaa fakkeenna ingirdaadaa qonnaa nu hubachiis!» jedhaniin.

37 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Sanyii mishaa ka facaase Ilma Namaati,

38 qonni biyya lafaa kana, firiin mishaan ijoollee Mootummaa Waaqaati, ingirdaanni ijoollee sheexanaa.

39 Ingirdaada ka facaase sheexana diina ta'e, callaan muummee biyya lafaati, haamittonni maleyikkoota,

40 akkuma ingirdaanni buqqifamee, nadoo nado'oon hidhamee gubatu mara, muummee biyya lafaa titti'llee akkuma kana ni ta'a.

41 Yeroo sanitti Ilmi Namaa maleyikkoota isaa ni erga, isaan'llee sababa cubbu'uu worra ta'anii fi hamaa raawwattoota mara, Mootummaa isaa keessaa wolitti qabanii ni baasan,

42 gara ibidda wosiisaa titti'llee isaan ni gatan, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.

43 Worri qulqullaayotaa garuu Mootummaa Abbaa isaanii keessatti, akka adu'uu titti ni ifan, ka gurra dhagayu qabu haa dhagayu!»


Fakkeenna Qabeenna Dhoffamee

44 Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaan Sami'ii qabeenna lafa qonnaa keessatti dhoffamee jiruu ni fakkaatti. Naminni tokko'llee qabeenna kana yeroo argatetti deebisee ni dhosse, baay'inna gammachu'uu irraa kan ka'een'llee deemeeti, waan qabu maraa gurguree qonna san ni bite.»


Fakkeenna Dooqaa

45 Deebi'ee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Deebi'ee'llee Mootummaan Sami'ii daldalaa dooqa michuu bitu'uuf barbaadu fakkaatti,

46 daldalaan'llee dooqa haalaan gatiin isi'ii guddaa ta'e yeroo argatetti, deemee waan qabu maraa gurgureeti, dooqa san ni bite.»


Fakkeenna Tabbaarri'ii

47 Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Akkuma kanaan Mootummaan Sami'ii tabbaarrii gara garba ciisa'aa titti darbamtte ni fakkaatti, isiin'llee bifa maraan qurxummii ta wolitti qabddu,

48 yeroo guutamttetti'llee qurxummii qabddoonni gara maddii garba ciisa'aa titti harkisanii ni baasaniin, taa'anii'llee qurxummii mishaa mishaa keessaa filanii meeshaa keessa ni kaayan, badaa garuu achi ni gatan.

49 Muummee biyya lafaa titti'llee akkana ni ta'a, maleeyikkoonni dhufanii cubbamoota worra qulqullaayotaan adda ni fooyaniin.

50 Hamaaleyyii garuu gara ibidda wosiisaa titti'llee isaan ni gatan, acitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.»

51 Dabalee'llee Yesus, «Waan kana mara hubattanii jirttanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee, yaa Gooftaa!» jedhan.

52 Inni'llee, «Eegasuu waayee dhossaa Mootummaa Sami'ii ka sirri'itti beeku barsiisaan seeraa, mana kuusaa meesha'aatii haarawa ka ta'ee fi moofaa ka ta'e ka baasu, abbaan qabeennaa fakkaata» jechu'uun, isaaniif ni deebise.


Mormmii Naazireet Titti Yesusiin Irra Gayee
( Mar 6:1-6 ; Luq 4:16-30 )

53 Yesus'llee fakkeennota kanniiniin dubbatee eega xumureen duubatti, bakka sanii ni lixe.

54 Gara biyya isaa gara magaalaa Naazireetii dhufee bakkeewwan wolgayii isaanii titti, ummata ni barsiisa ture, worri isa dhageeffatan marri'llee maalalffachu'uun akkana ni jedhan turan, «Naminni kun ogummaa kanaa fi hujii maalale'ee kana garamii fide?

55 Kun ilmi muka boca'aatii mitii? Haati hoo Mariyaam ta jedhamtuu mitii ree? Obboleeyyan isaa hoo Yaaqoob, Yooseef, Simoonii fi Yihuda'aa mitii?

56 Obboleettiiwwan isaa marrinuu, ka nu woliin jiranii mitii ree? Eegaa naminni kun ogummaa kana mara eessaa argate?»

57 Waayee kanaan'llee isaan gufatanii uduu ufitti hin fudhatin ni hafan. Yesus garuu, «Nabiyyiin ka hin kabajaminne biyya isaatii fi mana isaa qofatti» isaaniin jedhe.

58 Amanuu dhabuu isaaniitiin'llee Yesus bakka sanitti, waan baasaa baayi'ee hin taasfnne.

Swiv nou:



Piblisite