Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -

Mudhata Yohaannisii 9 - Waadaa Haarawa

1 Maleyikkaan shanaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo sami'ii gara ardi'ii ka kufe urjjii tokko ni arge, furttuun boolla gad fago'oo'llee ni kennameef.

2 Inni boolla gadi fagoo ni bane, aarri'llee akka aara ibidda ka guddaa ol aana'aa bayuu ta'ee boolla gadi fagoo keessaa ni baye, waayee aara boollaa bayeetiin'llee adu'uu fi samiin ni dukkanaayan.

3 Aara keessaa'llee awaannisoonni arddii irratti ni bayan, huminna qaajjibuuwwan arddi'ii ka fakkaatu'llee isaaniif ni kenname,

4 Marga arddi'ii ta'ee wonittoota lalise kamiinuu yookiin muka kamiinuu akka hin miineef isaanitti ni himame, miidhuun ka qaban garuu kallacha isaanii irratti chaaphaa Waaqa namoota hin qabnne qofa ture.

5 Isaan'llee yoo ta'e ji'a shaniif isaan makkaraarsu'uuf malee ajeesu'uuf eeyyamnni hin kennamnneef, awaannisoonni makkaraarnni isaan irra gayan ka akka qaajjibbuun yoo nama iddituu titti ka namatti dhagayamuut.

6 Guyyoota sanniinitti namoonni du'a ni barbaadan garuu hin argataniin, du'u'uuf'llee ni hawwan, garuu duuti isaan irraa ni dheessa.

7 Awwaannisoonni'llee faradoo woraanaaf qophaayan ni fakkaatan turan, mataa isaanii irra waan gonfaan worqqi'ii fakkaatutu jira ture, fuulli isaanii fuula namaa ni fakkaata ture,

8 rifeenissa mataa dubartti'ii ka fakkaatu rifeenissa ni qaban turan, ilkaan isaanii'llee ilkaan leenccaa ni fakkaata ture.

9 Uffata sibiilaa ka fakkaatu uffata woraanaa ni qaban turan, qooniqqi koolota isaanii, gara bakka woraanaa titti ka gulufan mishaawwan farado'oo fi qooniqqa mishaa farado'oo baayi'e'ee, qooniqqa dhageesisan ni fakkaata ture.

10 Akka eegee qaajjibbu'uu titti waan ittiin iddan ni qaban ture, eegee isaanii keessatti namoota ji'a jahaaf huminna ittiin miidhan, ni qaban turan.

11 Nugusa'llee ni qaban turan, inni'llee maleyikkichaa boolla gad fago'oo, maqaan isaa'llee afaan worra Ibirootaatiin, «Abaadoon», Giriki'iin ammoo, Apholiyon jedhama.

12 Uunisha'aan jalqabaa dabrree jira, kunoo kanaan duubatti uunishaan bira'aa lama ufi durana ni dhufa.

13 Maleyikkaan jahaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo, Waaqa duran ka jiru furdda worqqi'iin hojjatame, gara kallattii arfan furddootaatiin, qooniqqi yoo bayu ni dhagaye.

14 Qooniqqi isaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ka qabate maleyikkaan jahaffaa, «Laga ol aanaa Efraaxiisii titti ka hidhaman, maleyikkoota arfanii isaan hiiki!» ni jedheen.

15 Saa'aatii kanaa fi guyyaa kanaaf, ji'a kanaa fi woggaa kanaaf ka qophaayan maleyikkoonni arfan, fiixaa namaa harka sadihi keessaa harka tokko akka ajjeesaniif, ni hiikaman.

16 Baayi'inni hoomaa worra farado'oo miliiyoona kuma dhibba lama ta'uu isaa, ni dhagaye.

17 Farado'oo fi faradoo irra namoota taa'an muldhataan ka isaan arge akka itti aanee jirutti ture, uffanni sibiilaa ka laphee isaanii irra ni jira ture akka mukukula ibiddaa diimaa, akka gurraacha yaakiniitii sami'ii, akka dinni'ii boora ni fakkaata ture, mataa farado'oo'llee mataa leenccaa ni fakkaata ture, afaan isaaniitii'llee ibiddaa fi aarri dinniini'llee ni baya ture,

18 Ibidda afaan isaaniitii baasaniin, aaraa fi dinni'iin, balaawwan kanniin sadiin kanaan, fiixaan ilma namaa harka sadihi keessaa harki tokko ni ajjeefame.

19 Huminni farado'oo afaan isaaniitii fi eegee isaanii irra ture, eegeen isaanii'llee bofa ni fakkaata mataa bofaa'llee ni qaba, nama'llee ka miidhan isaan ture.

20 Balaawwan kanniiniin du'a irraa ka hafan fiixaan ilma namaa hujii harka isaanii irraa dhiifamaan gara Waaqaa hin deebine, jinniiwwanii fi worqqii, meeta, sibiila diimaa, dhaga'aa fi muka irraa ka hojjataman laaluu yookiin dhagayuu, yookiin waaqolee harkaan hojjataman ka deemu'uuf hin dandeenne, waaqeffachuu'llee hin dhiifnne.

21 Akkuma kana lubbuu ajjeefttummaa isaanii, falfaalaa isaanii, sagaagalttummaa isaaniitii fi hattummaa isaanii irraa gara Waaqaa titti hin deebine.

Swiv nou:



Piblisite