Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan Karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

7 Hubannaa namaatii ol ka ta'e nageenni Waaqaa onnee teessanii fi sammuu keessan, Yesus Kristosiin ni eegaan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

7 Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:7
43 Iomraidhean Croise  

Ifni isaallee worra dukkanaa fi gaaddidduu du'aa keessa jiraniif hin ifa. Luka keennallee gara karaa nagayaa qajeelcha» jedhee raage.


«Ani nagaya isinii dhiisa. Nagaya kiyyallee isinii kenna, nageenni ani isinii kennu, ka akka Adunyaan isinii kennituu miti. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatina'alle'e.


Nageenni na'aan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera, biyya lafaa keessa hennaa jirtan hin rakkattan, haata'uu ammoo jabaadhaa'a! womaa mit ani biyya lafaa mooyadheera.»


Worra Rabbiin jaalatamtan, woyyoota ta'u'uuf worri waamamtanii fi worri Roomaa keessa jirtan maruu, abbaa keenna Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.


Jeennanni Rabbii qajeellumma'aa fi nagaya gammachuu Ayyaana Woyyu'uuti malee, nyaataa fi dhuddoo waan hin taaneef.


Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu.


Eegasuu amanta'aan yoo qajeellota taane, karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin woliin nagaya haa qabaannuu.


Waan foonii yaaduun du'a waan ta'eef waan Ayyaana yaaduun ammoo jireennaa fi nagaya.


Yaada namaallee ka beekkomsa Rabbii irratti kakka'u waan ol ka'e maraa hin diinna. Kiristoosiif ajajamu'uun sammuu maraa boojina.


Waan hafeen obboloota tiyya nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.


Daraaraan Ayyaanaa ammoo, jaalala, gammachuu, Nagaya, obsa, arjummaa, mishooma.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.


Waandhi kiyyallee akkuma durummaa ulfinna Kiristoosiitiin waan isin barbaachisu maraa isinii guuta.


Woyyoota maraafuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nagaya isaanitti naa himaa'a. Obboleeyyan na woliin jiran nagaya isinii dhaamaniiran.


Waan narraa barattanii fi waan narraa fudhattan waan dhageettanii fi argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa.


Kutaa qaama tokkoo taatanii wonti waamamtaniif nagaya kanaaf waan ta'eef nageenni Kiristoosii onnee keessatti haa mooyu; worra galateeffattan ta'aa'a.


Rabbiin nagayaa, hennaa maraa karaa maraan, inninuu nagaya isinii haa kennu. Gooftaan isin maraa woliin haata'u.


Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa,


Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,


Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,


«Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan