Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Nu worri Ayyaanaan Rabbiin kaddaamnu, ka Kiristoos Yesuusiin dhaadannu nu worra waan foonii hin hedanne worra gadoomne waan taaneef.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

3 Nu'u Waaqaaf Hafuuraan ka Waaqeffannuu fi seera duubanaan muldhatuun uduu hin ta'in, Yesus Kristosiin qofaan ka dhaadannu waan taaneef, dhugamaanuu gadoominnee jirra.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

3 Nu worri Ayyaanaan Rabbiin waaqeffatuu, nu worra Yesuus Kiristoosiin dhaadannu, worra waan foonii hin hedanne, worra gadoomne waan taaneef.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:3
32 Iomraidhean Croise  

Oduu Nagayaa ka Ilma isaa ka ayyana kiyyaan tajaajilu Rabbi waan ragaa kiyya ta'eef, maal laataa yoo heddu turellee gara keessan amma akka dhufu fedha Rabbiitiin karaan akka naa banamuuf Rabbiin kadhata'aa hennaa maraa yoo faatefadhu waan keessan uduu addaan hin kutin kadhadha.


Eegasuu waan Rabbiin biraa ta'uun Yesuus Kiristoosiin boona qaba.


Amma ammoo isaa ka itti hidhamnee fi waan seera nu hidheeru jalaa duuneef, seera san irraa hiikkamneerra. Kanaafuu jireenna Ayyaana haarawaatiif bitamna malee, jireenna moofaa qube'eetiinii miti.


Isinillee Ayyaana ilmumma'aa ka Aabba Aabbaa jennee ittiin waamnu argattan malee, deebitanii Ayyaana soda'aatii fi garbumma'aa hin arganne.


hunna qabeeyyii ol gubba'aa gad bu'u uumama addaallee yoo ta'e, jaalala Rabbii ka karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessan arganne keessaa nu baasuu akka hin dandeenne hubadheera.


Haata'uu ammoo dubbiin Rabbii ka diiggamee miti, kunniin worri Israa'eliin irraa dhalatan maruu Isiraa'eloota waan hin taaneef.


Hedduun waan biyya lafaatiin waan uf jajaniif anillee akkasuma uf jaja.


Ayyaana Woyyuu keessa yoo jiraanne, Ayyaanuma kanaan haa jiraannuu.


Worra Seera kanaan jiraatan maraa fi Isiraa'elii worra Rabbii ta'an irratti, nagayaa fi dhiifamsi haa ta'u.


Faatee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa faateffadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Kana maraa argeera yookiin guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haata'uu ammoo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasiifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.


Gatii Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin ol na waame san argatu'uuf, gara galma sanii ariifadha.


Namummaa foonii mulqatu'uun Kiristoosiin keessatti gadoomu'uun gadooma harkaatiin uduu hin taane isa keessa taatanii gadoomtaniirtan.


Isin ammoo jaalaloota tiyya, amantaa keessan ka waa maraa caalaa qulqulluu ta'een uf ijaaru'uuf jabaata'aa Ayyaana woyyu'uun faateffadhaa'a!


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan