Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:18 - WAADAA LAMMATAA

18 Hedduun isaanii fannoo Kiristoosiitiif diina ta'anii waan jiraataniif, waan isaanii akkana isiniin jedhee, ammumaa booya'aa isinitti hima.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

18 Ammaan durana yeroo baayi'ee akka isinitti himee fi amma'llee imimmaan kiyya jissa'aa akkuma isinitti himu mara baayi'eewwan adeemissa isaaniitiin, diinota fannoo Kristosii ta'anii jiran.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

18 Hedduun isaanii fannoo Kiristoosiitiif diina ta'anii waan jiraataniif, waan isaanii akkana isiniin jedhee ammumaa booya'aa isinitti hima.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:18
30 Iomraidhean Croise  

Yesuusillee hennaa Yeruusaalemitti dhiyaate, qachaa san argee akkana jedhee booyeef.


Hin sobu; sammuun kiyya ka Ayyaana Woyyu'uun masakkamullee, akka ani hin sobne naa raga.


Dubbiin fanno'oo worra badaniif gowwumma'a; nu worra fayyinuuf ammoo hunna Rabbii waan ta'eef.


Moo hammeeyyiin jeennata Rabbii akka hin dhaalle hin beettanii? Hin dogoggorinaa'a. Seebartoota yoo ta'an yookiin worra waaqa tolfamaa kaddaaman yookiin worra seebaran yookiin dhiira dhiira bira geettu,


Namoonni akkanaa kunniin ergamtoota Kiristoosii fakkaatu'uuf uf jijjira'aa worra kijibdootaa fi ergamtoota dhara hojjatan.


Ka hin dadhabne eennu? ani hin dadhabuu? Ka cubbuu keessa hin seenne eennu? yoo san ani hin aaruu?


Rakkinna gudda'aa fi dhiphachuu yaadaatiin, imimmaan gudda'aan isinii barreessee waan tureef, kunillee guddisee jaalala isin jaaladhu akka beettaniif malee, isin gaddisiisu'uufii miti.


Akkana jechuun Oduun Nagayaa ka biraa hin jira jechu'uu miti. Ta'ullee worri Oduu Nagayaa Kiristoosii irraa isin raasu'uu fi isin dabsuu barbaadan namoonni tokko tokko hin jiran.


Haata'uu ammoo, akka dhugaa Oduu Nagayaatitti akka isaan qajeellumma'aan hin deemne hennaa arge, maraa afo'otti Keefa'aan, «Ati nama Yihuudi'ii taatee, akka nama Yihuudii hin taaneetitti eega jiraatte, attamiin worra Yihuudii hin taane akka Yihuudotaatitti akka jiraataniif isaan giddisiiftaa? jedheen.»


Badhadha Rabbii hin gatadhu. Qajeellummaan karaa seeraatiin yoo ta'e, eegasuu Kiristoos akkanumaan du'e!


Nama wol caalchisuu, barumsa sobaa, dhiibbifatuu, ajjeesuu, machii, sirbaa fi ka kanniin fakkaatu; akkuma kanaan dura isinitti hime, worri waan kana godhan horoma jeennata hin galan.


Worri fooniin mishaa ta'anii mudhachuu fedhan maruu, akka isin gadoomtan isin giddisiisan; Haata'uu ammoo, waan fannoo Kiristoosiitiif akka miidhaan isin irra hin geenne calla'aaf.


Fannoo Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosii akka adunyaan ittiin naa fannifamte, ka anillee ittiin adunya'aaf fannifame saniif malee, waan biraatiin uf jajuun narraa haa fagaatu.


Eeganaa worri Yihuudota hin taane akkanumaan sammuu duwwa'an akka jiraata'aa turan sanitti ammaa achi akka hin jiraanne jedha'aa Gooftaa keessa ta'ee raga.


Ammallee akkuma duraan isiniin jennee fi akkuma isinii ranne, Gooftaan waan kana maraa waan haluu bayuuf eennullee waan kanaan akka hin yakkine obboleessa ufiillee akka hin sobne.


Sirima hujii uduu hin hojjanne waan namaa keessa gaala'aa seera malee isin keessa worra deemaniif waan namoota gari gari'ii dhageenneerra.


Akka hoomacha dambalii bisaaniitiin hoomachaawuuti; isaan akka urjii tuuttota huleen dukkana bara baraa isaanii qophaayeeti.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan