Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e, ragu'uuf.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

11 Afaan isaaniitiin'llee, «Yesus Kristos Goofta'a» jedhanii ragaa bayu'uun, Waaqa Abba'aaf ulfinna ni kennan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

11 Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e ragu'uuf.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:11
30 Iomraidhean Croise  

Ammallee Yesuus, «Ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu, anillee Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti ragaa isaa baya.


Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos.


Kana woliin bulchoonni hedduu akkasuma isatti amanan, akka Fariisonni mana sagada Yihuudotaa keessaa isaan hin baafneef, isaa ragaa hin baane.


Isin, ‹Barsiisa'aa fi Gooftaa› naan jettani, akkasuma waan ta'eef mishaa jettan.


Eeganaa ani, Gooftaa fi barsiisaa yoo ta'u luka keessan yoo dhiqe isinillee akkasuma luka wolii dhiqaa'a.


Ani gara Aabbaa waan deemuuf, Aabballee waan Ilmaatiin akka kabajjamu waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa hin godha.


Yesuusillee deebisee akkana jedheen, «Ka na jaalatu yoo jiraate dubbii kiyya eega, Abbaan kiyyallee hin jaalataan gara isaallee hin dhufna, isa bira jiraanna.


Yesuusillee kana dubbatee ija ufii gara sami'ii ol kaasee akkana jedhe, «Abbaa kiyya, sa'aatiin gayeera. Ilmi kee akka si kabajju foon uffataa maraa irratti baallii akka kenniteef worra kenniteef maraa akka jireenna bara baraa kennuuf Ilma kee kabajji.


Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef.


Maatiin isaa waan Yihuudota sodaataniif kana jedhan, ka inni Kiristoos jedhee ragu yoo jiraate, Yihuudonni mana sagada Yihuudotaatii akka isaan hin baafneef Yihuudonni waan woliigalaniiraniif.


Yesuus Kiristoos Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge.


«Eeganaa ka isin fanniftan kana Yesuusiin Rabbi Goofta'aa fi Kiristoosiin akkuma taasise worri gosa Isiraa'elii maruu dhugamaan haa beekuu!» jedhe.


«Ani jiraata'a! jedha Gooftaan; Jilbi maruu anaaf jilbiinfata; arrabni maruu Rabbiin galateeffata» jedhamee waan barreeffameeruuf.


Sababa kanaaf Kiristoos Gooftaa worra du'aniitii fi worra jiraatanii ta'u'uuf du'ee deebi'ee ka'e.


Kanaafuu eennullee Ayyaana Rabbiitiin yoo dubbatu, Yesuus ka abaarame ka jedhu tokkollee akka hin jirre; Ayyaana Woyyu'uun yoo ta'e malee, «Yesuus Goofta'a» jechuu tokkollee akka hin dandenne isin beessisa.


Namni dura lafa irraa waan uumameef ka lafaati, namni lammaffaan ammoo samii irraa dhufe.


Nuuf wonti martinuu isa irraa nuu ta'e, nullee ka isaa ka taane Waaqa kaddaamamaa Aabbaa tokkicha qabna. Wonti maruu karaa isaatiin ta'e, nullee worri ka isaa taane Gooftaa tokkicha Yesuus Kiristoosiin qabna.


Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e, ka amanee ragaa bayu maruu, Rabbi isa keessa jiraata. Innillee Rabbiin keessa jiraata.


Ayyaana Rabbii kanaan beettan. Yesuus Kiristoos akka fooniin dhalate Ayyaanni amanu maruu Ayyaana Rabbiiti.


Dogoggorsitoonni baayi'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aaf ka Kiristoosiin mormu.


Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan