Gara Worra Filiphisiiyusii 1:27 - WAADAA LAMMATAA27 Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a. Faic an caibideilWaadaa Haarawa27 Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya. Faic an caibideilKitaaba Woyyuu27 Eeganaa Dubbii Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a; yoo kana ta'e, yoo dhufee isin arge yookaan isin irraa yoo fagaadhellee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessanii fi akka tokkumma'aan Dubbii Nagayaa wol geessu'uuf tattaafattaniirtan hin dhagayaa. Faic an caibideil |