Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:17 - WAADAA LAMMATAA

17 Sunniin ammoo hidhama kiyya irratti rakkoo waan narratti fidan isaanitti fakkaatee, waan worra isaaniitiif fayyadu barbaadanii yaada qajeela'aan uduu hin taane, akanumaan waan Kiristoosii qaaqan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

17 Sunniin garuu waayee Kristosii dabssanii ka lallaban qajeelummaan uduu hin ta'in, mataa isaanii jaalachuu fi hidhaana kiyya irratti rakkinna dabalataa ana irratti fidu'uuf yaadu'uun.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

17 Sunniin ammo hidhama kiyya irratti rakkoo waan na irratti fidan isaanitti fakkaatee, waan worra isaaniitiif fayyadu barbaadanii yaada qajeela'aan uduu hin taane, akkanumaan waan Kiristoosii qaaqan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:17
16 Iomraidhean Croise  

Kanaafuu, ‹Maal jennee deebifna› jettanii garaa keessan keessatti hin dhiphatinaa'a. Kana qalbitti qabadhaa'a.


«Isin obboleewwanii fi abboonii amma yaada kiyya yoo isinii ibsu na dhagayaa'a!»


Agriiphaanillee Phaawuloosiin, «Waan kee akka dubbattu sii hoffolchineerra» jedheen. Hennaa san Phaawuloos harka ufii hiixatee akkana jedhe.


Akkana jedhee waan ufii yoo deebisuu, Fiisxoos laagaa gudda'aan, «Phaawuloos! ati maraatteertaa bee, guddiftee baratuun kee gara maraattumma'aa si deebisa'aaraa!» jedheen.


Worra nama didanii bu'aa ufii soqaniif hammeeyyii ta'anii waan mishaa dhiisanii fi hammeenna duukaa worra deeman lola Rabbiitii fi bala'atu isaan irra gaya.


Womaa miti! Sobaan ta'ee yookiin qajeellumma'aan ta'ee, Kiristoos hin himama kanaaf gammadeera. Ammaa achillee akkasuma gammada.


Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif, ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Oduun Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.


Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookiin sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haata'uu ammoo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara-laafumma'aan haa laalu.


Anillee waan kanaaf amanta'aa fi dhugaa lallabu'uuf, worra Yihuudii hin taane barsiisu'uuf akka muudame, dhugaa dubbadha malee hin sobu.


Ani waan Kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammoo hin dhaamu.


Hennaa ani waan ittiin himatame san dhiyeeffadhe, martinuu narraa dheessan malee, eennullee na hin gargaarre. Rabbi kana isaanitti hin laakkayin.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan