Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:9 - Kitaaba Woyyuu

9 Waan na irraa barattanii fi waan na irraa fudhattan waan dhageettanii fi waan argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

9 Waan narraa barattanii fi waan narraa fudhattan waan dhageettanii fi argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

9 Ka ana irraa barattanii fi ka fudhattan, ka dhageettanii fi ka argitan maraa raawwadhaa, Waaqinni nagayaa isin woliin ni ta'a.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:9
36 Iomraidhean Croise  

Ani si woliin jiraa hin sodaatin! Ani Waaqa keetii abdii hin kutatin! Ani si jajjabeessa, si gargaaralle'e; irree kiyya ka balchumma'aa ka mirgaatiin irkisee si qaba.


mari'adhaa'a; garuu hin milkooftan; waan Rabbi nu woliin ta'eef; akeenni isin baafattan isinii hin ta'u.


Wonti dubbatame sun, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilma deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u.


Waan ani isin seere maraa akka eegan barsiisaa'a. Ani hennaa maraa haga dhuma biyya lafaa isin woliin jiraa» isaaniin jedhe.


Yesuus, «Nama fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatutu jeennata sami'ii gala malee ka, ‹Gooftaa! Gooftaa!› jedhee na waamu marti hin galu.


«Waan ani isinitti himu uduu hin raawwanne maaf, ‹Gooftaa'a! Gooftaa'a!› jedha'aa na waamtan.


Inni deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleewwan tiyya worra dubbii Rabbii dhagayanii hojii irra oolchan» isaaniin jedhe.


Yoo beettanii kana gootan isin worra eebbifame.


Uduu waan ani isin ajaje maraa gootanii isin jaalalloota tiyya.


Achiin maayessa haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godhaa'a» jettee worra cidha galchutti himte.


Hollata'aa maalalfatee, «Gooftaa kiyya! Akka maal godhu feeta?» jedheen. Gooftaanillee, «Amma ka'iitii gara qachatti'ii seeni; achitti waan gootu sitti himamaa» jedheen.


Waandhi nagayaa isin maraa woliin haa ta'u! Amiin!


Waandhi nagayaa seexana luka keessan jalatti gadi dhaya. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin haa ta'u.


Eegasuu waan dhuddanii fi waan nyaattan yoo ta'e yookaan waan kamiinillee yoo gootan, waa maraa ulfinna Rabbiitiif godhaa'a.


Rabbii Waaqa nagayaati malee Waaqa wocaa waan hin taaneef. Woldaa Woyyuu Kiristaanaa marattuu akkanuma.


Eegasuu worra na fakkaatu ta'aa'a jedhee isin kadhadha.


Waan hafeen obboleewwan tiyya! nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.


Muuseen banii Israa'elii maraa waamee akkana isaaniin jedhe, «Isin banii Israa'elii seeraa fi murtii ani adha isinitti himu maraa akka barattan akka eeddan na dhagayaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Worra na fakkaattan ta'aa'a. Akkuma nullee fakkeenna isinii taanu, akkasumma worra fakkeenna keennaan jiraatu laalaa'a.


Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega.


Isinillee akkasuma dubbii Rabbii rakkoo hedduun gammachuu Ayyaana Woyyu'uu woliin fudhattanii worra nu'uu fi Gooftaa fakkaatu taataniirtan.


Isin obboleeyyan tiyya, worra Yihuudaa jiraatan ka Yesuus Kiristoositti amananii worra woldaa Rabbii fakkaatan taataniirtan; akkuma worra Yihuudotaa irraa rakkinni isaan irra gaye, isinillee akkasuma rakkinni akkasii sun namoota biyya keessanii irraa isin irra gayeera.


Waandhi nagayaa qaama keessan hundaa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.


Waan isin ajanyu amma akka gootan, duranallee akkasuma akka gootan, waan keessaniif Gooftaa hedanneerra.


Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura kee woliin haa jiraatu. Badhaani isin woliin haa ta'u. Amiin!


Worra dubbii Rabbii raawwattan ta'aa malee worra uf dogoggorsa'aa dubbii callaa dhageettan hin ta'inaa'a.


Kanaafuu obboleeyyan tiyya! waamamuu keessanii fi filamuu keessan akka jabeessitan ka duraa caalaa jabaadhaa'a. Waan kanniin yoo gootan horomaa hin gufattan.


Ajaja isaa waan eennuuf, afoo isaatitti worra isa gammachiisu waan taaneef waan kadhannu maraa isa irraa arganna.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan