Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:7 - Kitaaba Woyyuu

7 Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

7 Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan Karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

7 Hubannaa namaatii ol ka ta'e nageenni Waaqaa onnee teessanii fi sammuu keessan, Yesus Kristosiin ni eegaan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:7
43 Iomraidhean Croise  

Innillee, «Deema'aa dhiyana mishaa nyaadhaa'a, daadhii woyini'ii mi'aayaallee dhugaa'a, worra waa hin qabneefillee ergaa'a, adhi guyyaa Gooftaa keennaaf woyyoome; gammachuun Rabbii hunna keessan waan ta'eef hin gaddinaa'a» isaaniin jedhe.


«Kanaafuu Iyyoob! Rabbiin wolii gali; isa woliin nagaya qabaadhu; yoo kana goote waan mishaa argattaa.


«Yoo inni cadhise eentu isa ajiifata? yoo fuula dhoffate eentu isa arguu danda'a? Inni namaa fi bani'iillee oli.


Rabbi banii ufiitii hunna kenna; Rabbi banii ufii nagayaan isaan eebbisa.


Ani waan Rabbi Waandhi dubbatu hin dhagaya; banii ufiititti; woyyootatti nagaya waan dubbatuuf; isaan ammo yoo gara hujii ufii duwwa'aatitti deebi'uu baatan;


Dandeettiin gar gar baafachu'uu si golga; hubannaanillee si eega.


Ogummaa hin dhiisin, golga sii taatii; jaaladhuun si eeddii.


Yoo deemtu maraa si masakkan, hennaa raftullee si eegan; hennaa dammaxxullee si qaassan.


Yaa Rabbi! Ati nagaya nuu hundeessite; waan hojjanne maraa ati nu milkeessite.


Sitti waan amanatteef; lubbuu sitti irkattu sirima nagayaan isii eedda.


Ani ifaa fi dukkana uuma; nagayaa fi badiillee hin fida; ani Rabbi waan kana maraa hin godha.


«Uduu ajaja kiyya seeraan dhageettanii jiraattanii, Eebbi keessan akka laga bisaan hin gonnee, balchummaan keessanillee silaa akkuma dambalii galaanaa guddatee isinii dhufa!


Garuu Rabbi, «Hammeeyyiin nagaya hin qaban» jedha.


Ani haga wolii galtee gurgurtaa lafaa Baarookii ilma Neeriya'aatitti kenneen maayessa akkana jedhee Rabbiin kadhadhe,


Qachaa tanaa fi banii isii keessa jiraatan garuu deebi'ee fayyisa; nageenni isaanii guutuu ta'a; ani hulee marattuu nagayaa fi jireenna dhuga'aa isaanii baay'isa.


Rabbi fuula ufii gara kee haa deebifatu; nagaya sii haa kennu› » jedheen.


Ifni isaallee worra dukkanaa fi gaaddidduu du'aa keessa jiraniif hin ifa. Luka keennallee gara karaa nagayaa qajeelcha» jedhee raage.


«Samii irratti ulfinni Rabbiif; lafa irratti nageenni namoota inni jaalatuuf haa ta'u» jedhanii Rabbiin galatoonfatan.


«Ani nagaya isinii dhiisa; nagaya kiyyallee isinii kenna; nageenni ani isinii kennu ka akka Adunyaan isinii kennituu miti. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatina'alle'e.


Nageenni anaan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera; hennaa biyya lafaa keessa jirtan hin rakkattan, haa ta'uu ammo jabaadhaa'a! womaa miti ani biyya lafaa mooyadheera.»


Worra Rabbiin jaalatamtan, woyyoota ta'u'uuf worri waamamtanii fi worri Roomaa keessa jirtan maruu, abbaa keenna Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa badhaadhaa fi nagaya argadhaa'a.


Jeennanni Rabbii qajeellumma'aa fi nagaya gammachuu Ayyaana Woyyu'uuti malee, nyaataa fi dhuddoo waan hin taaneef.


Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu.


Eegasuu amanti'iin yoo qajeellota taane, karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin woliin nagaya haa qabaannuu.


Waan foonii yaaduun du'a waan ta'eef; waan Ayyaana yaaduun ammo jireennaa fi nagaya.


Yaada namaallee ka beekkumsa Rabbii irratti kakka'u waan ol ka'e maraa hin diinna. Kiristoosiif ajajamu'uun sammuu maraa boojina.


Waan hafeen obboleewwan tiyya! nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.


Daraaraan Ayyaanaa ammo jaalala, gammachuu, nagaya, obsa, arjummaa, mishooma,


woyyoota maraa woliin beeku'uuf akka waan Rabbii maraan jabaattanii guuttamtaniif isinii kadhadha.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootewoosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan worra qulqullootaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin qajeellota ta'an maraaf; akkasuma jaarsotaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadhaa fi nageenni isiniif haa ta'u.


Waandhi kiyyallee akkuma durummaa ulfinna Kiristoosiitiin waan isin barbaachisu maraa isinii guuta.


Woyyoota maraafuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nagaya isaanitti naa himaa'a. Obboleeyyan na woliin jiran nagaya isinii dhaamaniiran.


Waan na irraa barattanii fi waan na irraa fudhattan waan dhageettanii fi waan argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa.


Kutaa qaama tokkoo taatanii wonti waamamtaniif nagaya kanaaf waan ta'eef nageenni Kiristoosii onnee keessan keessatti haa mooyu; worra galatoonfattan ta'aa'a.


Rabbiin nagayaa, hennaa maraa karaa maraan, inninuu nagaya isinii haa kennu. Gooftaan isin maraa woliin haa ta'u.


Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa,


Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,


Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture; ka ammallee jiru; ka dhufu'uuf ta'uu fi Ayyaanota torban teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa,


«Waan Ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan