Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:17 - Kitaaba Woyyuu

17 Kunillee akka eebbi baay'atee isinii kuufamuuf malee ani kennaa keessan barbaadeetii miti.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

17 Kunillee akka eebbi baayi'atee isinii kuufamuuf malee, ani kennaa keessan barbaadeetii miti.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

17 Kana'llee yoo jedhu kennaa keessan argachu'uuf dhormmu'uun uduu hin ta'in, firiin arjjooma keessan akka isinii baayi'atuuf, hawwu'uun.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:17
26 Iomraidhean Croise  

Namni hiyyeessaa waa kenne akka waan Rabbii liqeesseeti; waan mishaa inni godhe san Rabbi hin deebisaaf.


Daraaraan hennaa haama'aa wolitti qabamee daraaraan woyini'ii ka harca'e haga guurameen maayessa ani akka nama hurbuu woyini'ii ka nyaatu'uuf barbaadu hin argannee waan ta'eef na hobbaasi! daraaraan muka hurbu'uu ka ani hawwe ka dura gaye hin jiru.


Waandhi banii maraa hulee ciinca'aa kiyya irratti ka ibidda duwwaa itti bobeessitanii mannaa maal isin keessaa namni balbala mana woyyu'uu cufu tokko uduu argame! ani waan isinitti hin gammanneef kennaa isin naa dhiyeessitan hin fudhadhu.


Anatu isin filate malee isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii akka daraaraa godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude.


Uduu daraaraa heddu godhattanii darasoota kiyya taatan, Abbaan kiyya kanaan kabajjama.


Eeganaa kana raawwadhee gargaarsa wolitti qabame kana eega isinitti kenneen maayii karaa keessaniin lufee gara Ispaaniya'aa deema.


Ammallee akkana jedha; nama kamiifillee gowwaa waan ta'e isatti hin fakkaatin. Yoo gowwaallee isinitti fakkaadhe, diqqoo akka boonu akka gowwa'aatitti na laakkayaa'a.


Obboleewwan naan dura gara keessan dhufanii gargaarsa arjoomu'uuf waadaa galtan dura keessan akka qopheessitan akka isin qaabsisaniif isaan gara keessan erguun barbaachisaa akka ta'e yaadeera.


Kana yoo jedhu waan hanqinnaa jechuu kiyyaa miti. «Wonti qabu na gaya» jechuu waan baradheeruuf.


Akkuma isin beettan, akkuma Rabbillee nuu ragu dubbii sossobu'uutiin hin dubbanne. Kajeellaa dhoffachu'uuf jennee hin fakkeessine, hin hojjannelle'e.


ka hin machoofne, ka nama hin ujulle, gara laafessa, nama hin mormine, ka birrii hin jaalanne,


Birrii jaalachuun hidda badii maraa waan ta'eef, namni gariin uduu kana hawwan amantii ufii irraa dogoggoranii karaa hedduun uf miidhaniiran.


Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi ka waan shinga'aa hin jaalanne,


Worra gosa keennaa keessattillee akkasuma jireenna bu'aa hin qabne akka hin jiraanne waan barbaachisu maraan hujii misha'aa fi uf kennuu haa baratanii.


Waan woyyoota tajaajiltaniif, haga ammaallee waan tajaajila'aa jirtaniif hujii hojjattan, jaalala maqaa isaatiif mudhiftan akka hin irraanfanne Rabbi hama'aa miti.


Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa'a; giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti; fedha mishaa'an malee.


Karaa qajeelaa dhiisanii dogoggoran. Karaa Bala'aamii ilma Baasooriitiin deeman; inni mindaa hammeennaa jaalate.


Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitiif ufumaa mammaaka dubbata'aa isin irraa nyaatan; murtiin isaanii dur irraa jalqabee hin turu; badiin isaan eeggata.


Waan karaa Qaa'eliitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila Qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e!


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan