Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:10 - Kitaaba Woyyuu

10 Haa ta'uu ammo hennaa kanaan maayessa waan kiyya deebitanii waan yaaduu jalqabdaniif Goofta'aan guddisee gammada. Hennaa dhabdan malee yaaduullee hin yaaddan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

10 Haata'uu ammoo hennaa kanaan maayessa waan kiyya deebitanii yaaduu waan jalqabdaniif, Goofta'aan guddisee gammada. Hennaa dhabdan malee yaaduullee hin yaaddan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

10 Yeroo baayi'e'een duubatti deebitanii waayee rakkinna kiyyaatiif yaaduu waan jala qabddaniif, Goofta'aan gammachuun ol aanaa ta'e natti ni dhagayama, kana'llee yoo jedhu waan yaadanii jirttan huji'iin muldhisu'uuf carraa hin arganne ture jechuu kiyya malee, waayee rakkinna kiyyaa yaaduu keessan addaan kuttanii jirttan jechuu kiyyaa miti.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:10
11 Iomraidhean Croise  

Mootichi Hisqiyaasii fi bulchoonni bani'ii dhufanii hennaa tuulaa san argan Rabbii fi banii Israa'elii maraa eebbisan.


Baniin kee akka siin usheexxu; deebiftee jiraattota nu hin taasiftuu?


Isaan deebi'anii gaaddisa kiyya jala taa'an; akka biqila midhaaniititti lalisan; akka dhaaba woyini'iititti abaaban; akka daadhii woyinii Libaanosii beekkamaa ta'an.


Isin woliin uduu jiru hennaa na jalaa hanqate eennuttillee hin ulfaanne; obboleewwan Maqedooniyaa irraa dhufan waan na jalaa hanqate maraa na kennaniiran. Woma maraanuu akka isinitti hin ulfaanne uf eege, uf eegalle'e.


Dubbii dhuga'aatiin, hunna Rabbiitiin, meeshaa woraana qajeellumma'aa harka mirgaatii fi harka bita'aatitti qabachu'uun,


Eeganaa yoo hennaa arganne nama maraafuu, keessattuu worra amantootaatii waan mishaa haa goonuu.


Haa ta'uu ammo namni dubbii Rabbii baratu ka barsiisu woliin waan mishaa maraa qoodama. Hin dogoggorinaa'a! Rabbi ka itti baldanii miti.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootewoosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan worra qulqullootaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin qajeellota ta'an maraaf; akkasuma jaarsotaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Hennaa maraa kadhaa kiyyaan waan keessan maraa gammachu'uun Rabbiin kadhata'aa guyyaa duraatii jalqabee haga ammaa Dubbii Nagayaa lallabu'uun na woliin waan hojjattaniif hennaa isin yaadu maraa Rabbii kiyya hin galatoonfadha.


Tajaajila isin naaf kennuu hin dandeenne guutu'uuf jedhee hujii Kiristoosiitiif jedhee jiruu ufii uduu hin filatin du'uu gaye.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan