Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:8 - Kitaaba Woyyuu

8 Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee, isaaf jedhee waa maraan miidhame.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

8 Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee isaaf jedhee, waa maraan miidhame.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

8 Kana malee'llee Gooftaa kiyya Yesus Kristosiin beeku'uun alatti womaayyuu akka waan hin jirree titti waan amanuuf, waan maraa akka kasaara'aa titti ni lakkaaya, waayee isaatiif'llee waan maraa dhabee jira. Kristosiin argachu'uuf jecha waan maraa akka balffaa manaa haramee titti ni lakkaaya.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:8
53 Iomraidhean Croise  

Kanaaf ani mana Iyyoorbi'aamiititti waan hamaa fida; mana isaa keessaa garbichaa fi wolabticha dhiira maraa banii Israa'elii keessaa hin balleessa; akka namni fiindoo haree gubee gatuutitti mana Iyyoorbi'aamii sirima balleessa.


akka dike'eetitti raasaa keessa bittiinnaaya; kanaafuu eennullee isiin Eelzaabeel jedheenii namni reeffa isi'ii addaan baasu hin jiru ka jedhametu raawwatame» jedhe.


Inni baraa haga bara baraa akka fiindo'ootitti bada; namoonni isa arga'aa turan eessa dhaqe? jedhan.


Worri sanyii baadhatanii booya'aa deeman; hennaa deebi'an ammo gammachu'uun ililfata'aa qixiraa ufii baadhatanii deebi'an.


Ani sami'itti simalee eennuun qaba? lafa irrattillee si malee waan hawwu hin qabu.


Tajaajilaan kiyya balchaan rakko'oon maayessa ifa jireennaa argee dheebuu baya; beekkumsa ufiitiin namoota hedduu qajeelcha; yakka isaaniillee hin baadhata.


Sababaa keessaniif ijoollee teessan hin adaba; dhoqqee horii isin ciinca'aaf naa dhiyeessitanii fuudhee fuula keessanitti facaasa; afoo kiyyaallee isin balleessa.


ilma Yoofoonii Kaaleebii fi ilma Nawwe'ee Iyyaasuu malee gara biyya ani harka kiyyaan isinitti akeekee itti galtan jedhee isinii kakadhe sanitti dhugamaanuu hin galtan.


Haadha Gooftaa kiyyaa! gara kiyya dhufuun kee naa ulfinna attamiiti?


Ani ammo hunna Rabbiitiin yoo ka jinnii baasu ta'e, eegasuu jeennanni Rabbii gara keessan dhufteerti.


Akka ani Abbaa kiyya keessa jiru akka isinillee na keessa jiraattan akka anillee isin keessa jiru gaafa san hin beettan.


Ana uduu beettanii akkasuma Abbaa kiyyallee hin beettan. Amma irraa jalqabdanii hin beettan; argitaniirtanille'e» jedheen.


Kanallee wonti isin irratti godhaniif Anaa fi Aabbaanillee waan hin beenneef.


Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraati.


Dubbii naa kennite isaanii kenneera; isaanillee fudhataniiran; akka si biraa dhufe dhugamaan beekaniiran; akka ati na ergitellee amananiiran.


Isaanillee, «Intala nana! maaf bootta?» isi'iin jedhan. Isiinillee, «Gooftaa kiyya fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beenne!» isaaniin jette.


Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef.


Haa ta'uu ammo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe innillee Dubbii Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na biratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.


Rakkinni bara kanaa kun ulfinna durana dhufee mudhatu woliin yoo wol bira qabamee laallamu womaa akka hin taane yaada.


hunna qabeeyyii ol gubba'aa gad bu'u uumama addaallee yoo ta'e, jaalala Rabbii ka karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessaan arganne keessaa akka nu baasuu hin dandeenne hubadheera.


Hennaa isin jidduu jiru Yesuus Kiristoosii fannifame san callaa akka beeku waan murteeffadhee tureef.


Ka kana jedha'aaru sirima waan keennaafii mitii? ka qotu abdi'iin akka qotu, qotiyyoon qotullee ka qote irraa akka nyaatu kun maruu qooda midhaanii akka argatu abdata'aa haa hojjatuu.


Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, seexanni waaqa adunyaa tanaa ta'e qalbii worra hin amannee jaamse.


Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkumsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.


Dubbii Nagayaa isaa akka himuuf, Ilma ufii akka kiyyatti ibsu'uuf hennaa barbaade, yoosuu ani nama tokkoonillee hin mari'anne.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootewoosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan worra qulqullootaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin qajeellota ta'an maraaf; akkasuma jaarsotaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Isaa fi hunna du'aa ka'iinsa isaa akka beeku, rakkoo isaallee akka qoodamuuf.


Kana maraa argeera; yookaan guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haa ta'uu ammo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.


Haa ta'uu ammo waan bu'aa naaf qabaa maraa Kiristoosiif jedhee akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayeera.


Lubbuun tiyya amma akka dhibaayyu'uutitti jigu'uuf taati; hennaan deemullee gayeera.


Amantii keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.


Eegasuu ulfinni isin worra amantaniif; worra hin amannee ammo, «Dhagaan ogeeyyiin mana ijaaran gatan sun, dhagaa bu'uura ijaarsaa, dhagaa guutu'uutii fi siidaa gufachiisaa ta'e»


Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin beeku'uun badhaaninii fi nageenni isiniif haa ta'u.


Waan jireennaatii fi Ayyaantummaa dhuga'aa nu barbaachisu maraa hunna Waaqummaa ufiitiin nuu kenneera.


Yoo wonti kunniin isinii guddisee baay'ate beekkumsa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin worra hujii hin qabnee fi worra daraaraa jireennaa hin qabne akka hin taane isin taasisa.


badhaadhumma'aa fi beekkumsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka arginee fi ka dhageenne isinitti himna; tokkummaan keenna Aabba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin.


Isaan nu biraa bayan malee worra keennaa miti. Uduu worra keenna ta'anii silaa nu woliin jiraatan. Haa ta'uu ammo maruu akka worra keenna hin taane beessisu'uuf bayan.


Ilmi Rabbii akka dhufee fi waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jirra. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan