Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Nu worri Ayyaanaan Rabbiin waaqeffatuu, nu worra Yesuus Kiristoosiin dhaadannu, worra waan foonii hin hedanne, worra gadoomne waan taaneef.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

3 Nu worri Ayyaanaan Rabbiin kaddaamnu, ka Kiristoos Yesuusiin dhaadannu nu worra waan foonii hin hedanne worra gadoomne waan taaneef.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

3 Nu'u Waaqaaf Hafuuraan ka Waaqeffannuu fi seera duubanaan muldhatuun uduu hin ta'in, Yesus Kristosiin qofaan ka dhaadannu waan taaneef, dhugamaanuu gadoominnee jirra.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:3
32 Iomraidhean Croise  

Maqaa isaa woyyu'uun boonaa'a! worra Rabbiin soqan garaan isaanii haa gammaduu!


Garuu ijoolleen Israa'elii maruu ana Rabbiin irraa moote'ee fi ulfinna argatan.


Isin baniin Yihuuda'aatii fi worri Yerusaalemiin keessa jiraattan! Badooma garaa keessanii baasa'aatii sammuu qulqulleeffadha'aa namummaa keessan maraanuu Rabbitti bulaa'a; yoo waan kana godhuu baattan garuu sababaa hujii hamaa keessaniitiif lolli kiyya akkuma ibiddaa isinitti bobaya; lolli kiyya yoo akka ibiddaa bobaye eennullee dhaamsuu hin danda'u.»


Baniin biyya Misirii, biyya Yihuuda'aa, biyya Eedoomii, biyya Amoonii, biyya Mo'aabiitii worra rifeensa kallacha ufii bita'aa fi mirgaa haadatan ka daangaa lafa gammoojji'ii keessa jiraatan, akkasuma baniin Israa'eliillee worra gara'aan gadooman waan hin taaneef isaan maraa adabbima tokkoon isaan adaba.»


Baniin adunyaa irra jiru maruu qacce'ee haga qacce'ee ulfinna naa kennan hulee kamittuu hixaana aarsa'aa ciincaa qulqulluu naa dhiyeessan; baniin maruu na kabajja.


Dubbiin Nagayaa ka Ilma isaa ka ayyana kiyyaan tajaajilu Rabbi waan ragaa kiyya ta'eef maal laataa yoo heddu turellee gara keessan amma akka dhufu fedha Rabbiitiin karaan akka naa banamuuf Rabbiin kadhata'aa hennaa maraa yoo Rabbiin kadhadhu waan keessan uduu addaan hin kutin kadhadha.


Eegasuu waan Rabbiin biraa ta'uun Yesuus Kiristoosiin boona qaba.


Amma ammo isaa ka itti hidhamnee fi waan seera nu hidheeru jalaa duuneef, seera san irraa hiikkamneerra. Kanaafuu jireenna Ayyaana haarawaatiif bitamna malee, jireenna moofaa qube'eetiinii miti.


Isinillee Ayyaana ilmumma'aa ka Aabba! Aabbaa! jennee ittiin waamnu argattan malee deebitanii Ayyaana soda'aatii fi garbumma'aa hin arganne.


hunna qabeeyyii ol gubba'aa gad bu'u uumama addaallee yoo ta'e, jaalala Rabbii ka karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessaan arganne keessaa akka nu baasuu hin dandeenne hubadheera.


Haa ta'uu ammo dubbiin Rabbii ka diiggamee miti; kunniin worri Israa'eliin irraa dhalatan maruu Israa'eloota waan hin taaneef.


Hedduun waan biyya lafaatiin waan uf jajaniif anillee akkasuma uf jaja.


Yoo Ayyaana Woyyuu keessa jiraanne, Ayyaanuma kanaan haa jiraannuu.


Worra Seera kanaan jiraatan maraa fi Israa'elii worra Rabbii ta'an irratti nagayaa fi dhiifamsi haa ta'u.


Faate'ee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa Rabbiin kadhadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.


Eeganaa Rabbi Waandhi keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa jabaa'a, Waaqa nama sodaachisu; ka murtii wol hin caalchifne ka araaraa fi gatii nama hin gaafanne waan ta'eef isin daba onnee teessanii qajeelfadhaa'a; ammaa achi worra lum'a jabaatu hin ta'inaa'a.


Akka lubbu'uun jiraattu Rabbi Waaqa kee onnee guutu'uu fi qalbii guutu'uun akka isa jaalattu Rabbi Waandhi kee onnee keetii fi onnee fiixaa keetii qajeelcha.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootewoosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan worra qulqullootaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin qajeellota ta'an maraaf; akkasuma jaarsotaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Kana maraa argeera; yookaan guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haa ta'uu ammo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.


Gatii Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin ol na waame san argatu'uuf, gara galma sanii ariifadha.


Namummaa foonii mulqatu'uun, Kiristoosiin keessatti gadoomu'uun, gadooma harkaatiin uduu hin taane isa keessa taatanii gadoomtaniirtan.


Isin ammo jaalalloota tiyya! amantii keessan ka waa maraa caalaa qulqulluu ta'een uf ijaaru'uuf jabaata'aa Ayyaana woyyu'uun Rabbiin kadhadhaa'a!


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan