Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:20 - Kitaaba Woyyuu

20 Nu biyyi teenna samii waan ta'eef, achiillee ammo qorichi deebi'ee dhufa jennee eeggannu Gooftaa Yesuus Kiristoos.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

20 Nu biyyi teenna samii waan ta'eef, achiillee ammoo qorichi deebi'ee dhufa jennee eeggannu Gooftaa Yesuus Kiristoos.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

20 Nu'u garuu lammiiwwan mootummaa sami'iiti, achii'llee ka dhufu Fayyisaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin, hawwi'iin ni eeggannaan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:20
36 Iomraidhean Croise  

Ati karaa jireennaa natti mudhifta; afoo keetitti gammachu'uun guuttamuu, mirga keetitti hulee qanani'ii ka baraa haga bara baraatitu jira.


Ani garuu balchumma'aan fuula kee laala; yoo ulfinna kee argu hin quufa.


Akka gara asaabaa gad hin buune; nama ogeessa gara karaa jireennaa masakkiti.


Yesuus deebisee, yoo guutuu ta'uu feete deemii waan qabdu maraa gurgurii meetii hiyyeeyyi'ii kenni; samii irratti durummaa argattaa; achiin maayessa koottuu na faana deemi» jedheen.


Namni qabeenna ufiif tuulatu ka Rabbiin biratti dureessa hin taane akka kana ta'a.»


Isaan waan jasaa deebisan hin qabneef hin eebbifamta; hennaa qajeellonni du'aa ka'anitti sii deebi'a.»


«Namoota Galiila'aa! maaf dhaabattanii gara sami'ii laaltan? Yesuusiin isin biraa gara sami'ii baye kun akkuma hennaa deemu argitan akkasuma deebi'ee dhufa» isaaniin jedhe.


Yoo akkanatti mudhachuu Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii eeggattan, kennaan badhaadhummaa woyyu'uu tokkollee isin jalaa hin hanqatu.


Worri lafa irraa akkuma nama biyya lafaa san; worri samii irraa dhufan akkasuma nama samii irraa dhufe san.


hennaa heddu ulfinna bara baraa maraa caalaa waan nuu godhamuuf. Wonti mudhatu haguma henna'aati. Wonti hin mudhanne ammo ka bara baraati.


Keessattuu nafa akka mana keennaa ta'e kana irraa adda baanee baqa keessa jiraata'aa Gooftaa woliin jiraachu'utu nu gammachiisa.


Yerusaalemiin ol gubba'aa ammo ta bilisumma'aan jiraata'aartu; isiinillee haadha teenna.


Eeganaa ammaa achi isin woyyoota woliin biyya tokkoo fi maatii Rabbiiti malee galtu'uu fi keessumma'aa miti.


Baroota dhufanillee karaa Kiristoosiitiin arjummaa nuu qabu ka maraa caaluun durummaa badhaadha isaa mudhisu'uuf isa woliin nu kaase; Yesuus Kiristoosiin keessaan hulee sami'ii isa woliin nu teessise.


Eeganaa Dubbii Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a; yoo kana ta'e, yoo dhufee isin arge yookaan isin irraa yoo fagaadhellee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessanii fi akka tokkumma'aan Dubbii Nagayaa wol geessu'uuf tattaafattaniirtan hin dhagayaa.


Ilma ufii ka du'a keessaa kaase, Yesuusii lola dhufu jalaa nu hambisu, samii irraa akka eeddan waaqolee tolfamaa irraa gara Rabbiititti attamitti akka deebitan isaanuu hin ragan.


Gooftaan inninuu ajajaan laagaa bulchaa Maleekka'aatiin, laagaa xurumbaa Rabbiitiinillee sami'ii waan bu'uuf worri Kiristoosiin amananii du'an firrisanii ka'an.


Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna.


Abdii eebbifamaa keenna, innillee mudhata kabajjamaa Rabbii keenna gudda'aa fi qoricha keenna Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa.


Haa ta'uu ammo gara gaara Tsiyooniitii fi gara ganda Rabbii jiraata'aa bira geettaniirtan. Gara Yerusaalemii, gara worra sami'itti gammachu'uun wol gayaniiranii, gara Maleekkota laakkobsaa olii,


akkasuma Kiristoosillee ammo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammeessoo deebi'ee isaanitti mudhata.


Inni duumessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan