Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:2 - Kitaaba Woyyuu

2 Worra akka sare'ee foon namaa nyaatanii fi hojjattoota hammeeyyii irraa uf eegaa'a. Worra seera fooniitiin waan hin taaneen dhugamaan gadoomneerra jedha'aa soban irraa uf eegaa'a.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

2 Worra akka sare'ee foon namaa nyaatanii fi hojjattoota hammeeyii irraa uf eegaa'a. Worra seera fooniitiin waan hin taaneen dhugamaan gadoomneerra jedhaa'a soban irraa uf eegaa'a.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

2 Akka sare'ee asii fi achi worra fiigan hameenna raawwattoota irraa ufi eeggadhaa, foon ka mummuran worra gadoomssan, irraa ufi eeggadhaa.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:2
31 Iomraidhean Croise  

Isin cubbamtoonni na irraa fagaadhaa'a; ani ajaja Rabbii kiyyaa eega.


Sariin na marsan, gumiin worra hammeeyyi'ii naannaya kiyya hiriiraniiran; lukaa fi harka kiyyallee woraananiiran.


Lubbuu tiyya guraade'ee fi harka sariin kanniinii jalaa na oolchi.


Akkuma sareen diddiga ufiititti deebitu; gowwaan gowwummaa ufii irra deddeebi'a.


Hennaa san namoonni hedduu amantaa irraa duubatti deebi'an; isaan dabarsanii wol kennan; Wolillee hin jibban.


Yesuus ammallee akkana jedhe, «Raattota sobaa worra hoolaa fakkaachu'uuf gogaa hoola'aa uffatanii isinitti dhufan; ka keessi isaanii ammo akka Yayyii waa butuu ta'an irraa uf eegaa'a.


«Waan woyyoome sariinii hin kenninaa'a; isinitti gara galanii isin ciniinanii. Meeshaa keessan ka gatii mi'a'aa booyyota afoo hin buusinaa'a!»


Ka maqamaaf Yihuudii ta'e Yihuudii waan hin taaneef; addaataa gadoomuun fooniin ta'e gadoomuu waan hin taaneef.


Namoonni akkanaa kunniin ergamtoota Kiristoosii fakkaatu'uuf uf jijjiira'aa worra kijibdootaa fi ergamtoota dhara hojjatan.


Obboleeyyan tiyya! Isin wolabumma'aaf waamamtaniirtan; ammoo wolabumnaan keessan foonii akka sababaa hin kennine. Haa ta'uu ammo isin akka garbootaa wolii ta'aa'a.


Haa ta'uu ammo isin uduu wol ciniintanii fi wol nyaattan akka wol hin balleessine uf eegaa'a!


Jaalala amantii Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookaan gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaati; dhumti isaanii badi'i.


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin waaqeffatuu, nu worra Yesuus Kiristoosiin dhaadannu, worra waan foonii hin hedanne, worra gadoomne waan taaneef.


Amanti'ii fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni gari gariin qalbii ufii gatanii akka markabni ka oofu malee baduu, waan amanti'iitiin waan badaniiraniif.


Isaan «Rabbiin beenna» jedha'aa ifa dubbatan. Haa ta'uu ammo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif hujii ufiitiin isa ganan.


Kunillee akkuma mammaanni, «Sareen diddiga ufiititti deebiti» akkasuma, «Booyyeen dhiqamtee deebitee dhoqqe'etti gangalatti» jedhu sun isaan irratti ta'e.


Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif; isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne; worra badhadha Waaqaa seebarumma'atti jijjiiran, ka ufumatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e Yesuus Kiristoosiin hin ganan.


Rakkinna keetii fi hiyyummaa kee hin beeka. Haa ta'uu ammo ati dureessa; arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka; isaan woldaa seexanaati.


Haa ta'uu ammo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa waaqeffatan, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu; kun du'a lammeesso'ooti.»


Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolfamaa waaqeffatan, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.


Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan