Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:19 - Kitaaba Woyyuu

19 Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaati; dhumti isaanii badi'i.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

19 Dhumti isaanii badi'i. Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shiingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaatti.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

19 Isaaniif Waaqinni isaanii garaa isaaniiti, wonitti saalfachiisaa ta'e isaaniif ulfinna isaaniiti, yaadinni isaanii'llee ka xiyyeeffatu waan arddiilessa irratti, kanaaf muummeen isaanii badi'i.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:19
52 Iomraidhean Croise  

Yaa Rabbi! namoota hireen isaanii waan ardii tanaa callaa ta'e jalaa na oolchi; galmee kee keessaa garaa isaanii guutte; ijoollee isaaniitiillee baay'ateera; ijoolleen isaanii qabeenna kuufatan;


Jabaa'a! ati maaf hamaa hojjachu'uun uf jajja? ati ka ija Rabbiitiin tuffatamte; attamitti hennaa maraa boonta?


nu'u waan hin raawwanna jennee yaanne maraa hin goona; nu waaqa tolfamaa teenna ta mootittii sami'ii jedhamtuu hixaana hin aarsina; nu'u abboonni teenna ta durii mootonni teennaa fi bulchoonni teenna qachoota Yihuuda'aatii fi akkaatama karaa Yerusaalemiititti godha'aa turre san ammallee kennaa daadhii woyini'ii isi'ii dhiyeessina; hennaa waan kana maraa goonu san atoota heddu qabna; nu dureeyyii waan turreef rakkoo woyiituu hin qabnu.


Isin garbuu cum'oo tokkootii fi buddeena kutaa diqqoo argatu'uuf jettanii banii kiyya ka soba dhagayutti soba dubbata'aa, worra du'uun isaan hin barbaachifne ajjeesa'aa, worra jiraachuu hin barbaachifne akka jiraatan godha'aa banii kiyya keessatti akka maqaan kiyya arrabamu gootaniirtan.»


Aannan isaanii hin dhuddan; uffata rifeensa isaanii irraa hojjatamellee hin uffattan; hoolaa coome qalattanii nyaattan; ammo hoolota bobbaaftanii hin tissitan.


«Isin gadoota, akkuma baay'inni keessan eda'a'aa deemuun yakki keessanillee afoo kiyyatti baay'ata'aa deemeera; kanaafuu ani ulfinna keessan isin irraa mulqee isin salphisa.


Worri jajjabaan qachattii keessa jiran horii fudhata'aa murteessan; gadoonni gatii malee hin barsiisan; raattonnillee qarshii malee raaga hin dubbatan; isaan waan kana maraa godha'aa «Rabbi waan nu woliin jiruuf wonti hamaan woyiituu nutti hin dhufu jedha'aa» Rabbiin dhaadatan.


Rabbi waan raattota sobaa waan bu'aa itti argatan yoo ta'e nageenni isinii bu'a jedha'aa lallaban; hennaa bu'aa hin arganne ammo lolatu isinitti gala jedha'aa labsa'aa banii dogoggorsan.


Isin ammo hennaa huleen ciinca'aa ka Rabbii battaaya'a jettanii ciincaa tuffatamaa dhiyeessitan hin batteessitan.


Inni ammo gara galee Pheexroosiin, «Ati seexana! asii deemi! Ati waan namaa malee, waan Rabbii waan hin yaanneef gufuu natti taateerta» jedheen.


Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a!


Achiin maayii ufiin, ‹ati lubbuu tiyya eebba guddaa bara hedduuf sii gayu waan qabduuf hara baafadhu! nyaadhu! dhugi! gammadi› jedha.


Namicha dureessa uffata diima'aa fi uffata haphii fuuttaa irraa hojjatame uffate tokkotu ture. Hennaa maraa qananii keessa jiraata.


Isiin guyyaa hedduu isatti deddeebitee inni ammo murtee isi'ii kennuu hin barbaanne. Achiin maayessa ammo inni yaada ufii keessatti, ‹Rabbiinillee yoo hin sodaanne, namallee yoo hin saalfanne,


Worri akkana jiran kunniin garaa ufiitiif malee, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiif waan hin bitamneef. Waan misha'aaf dubbii shele'eetiin qalbii namoota dhara hin qabnee soban.


Eegasuu dubbii adha itti saalfattan irraa hennaa san bu'aa maal argattan? Dhumti waan kanaa du'a waan ta'eef.


Worra yaada foonii qabu waan taataniif, haga ammaa nyaata jabaa nyaachuu hin dandeettan. Hinaaffa'aa fi mormiin waan isin keessa jiruuf worra fooniin yaadu ta'uu keessanii mitii? Akka Aadaa namaatitti deddeebitanii?


Isin uf jajjaniirtan, guddiftanii gadduu isin hin barbaachisuu? ka hujii kana hojjate uf keessaa baasaa'a.


Uf jajuun keessan misha'aa miti, raacitiin diqqoon bukoo maraa akka bukeessu hin beettanii?


Haa ta'uu ammo waan uf jajan saniin akka keenna ta'anii argamu'uuf worra sababa soqan, sababaa isaan irraa hambisu'uuf waan amma godha'aaru ammaa achillee akkasuma godha.


Eeganaa tajajiltoonni isaallee tajaajiltoota qajeellota fakkaachu'uuf yoo uf jijjiiran waan gudda'aa miti. Dhumti isaanii akkuma hujii isaanii ta'a.


Gadoomuu keessaniin uf jajuu barbaadan malee, isaan worri gadoomanuu seera hin eenne.


Martinuu ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii uduu hin ta'in, woma ufii waan soqaniif.


Waan lafa irra jiran hin yaadinaa'a.


Gaafa san woyyootaan ulfaachu'uu fi ragaa keennallee waan amantaniirtaniif, worra amanan maraa biratti ajaa'ibsiifamu'uuf hennaa dhufu, worri afoo Goofta'aatii fi ulfinna hunna Rabbii irraa fagaatan badii bara baraa keessatti adabaman.


Hennaa san ka Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura afaan ufiitiin balleessuu, hennaa deebi'ee dhufu mudhachuu ufiitiin ka balleessu ilmi badi'ii hin mudhata.


Worra qalbii hin qabne, worra dhugaan irraa fudhatamte, worra Rabbiin sodaachuun isaan keessa hin jirretu isaan keessatti argama. Namoota akkanaa kanniin irraa fagaadhu.


Worra waan mishaa hin jaalanne, gantoota, jarjartoota, worra uf jaju'uun bokokan, Worra Rabbiin gammachiisuu irra uf gammachiisuu jaalatan ta'an.


Amma ammo isin boontanii uf jajjan. Uf jajuun akkasii martinuu hama'a.


Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan.


Isaan guyyamaan fedha ufii guuttachu'uuf waan fedhan godha'aa gammadan. Hennaa nyaataaf isin woliin waamaman isinuma jiddu'utti waan batti'ii fi fafa hojjatan.


Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitiif ufumaa mammaaka dubbata'aa isin irraa nyaatan; murtiin isaanii dur irraa jalqabee hin turu; badiin isaan eeggata.


Kunniin ammo worra hin beenne maraa hin arrabsan. Akka bineensota sammuu hin qabnee juu jedhanii woma beekaniin badan.


Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa guungumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.


Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif; isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne; worra badhadha Waaqaa seebarumma'atti jijjiiran, ka ufumatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e Yesuus Kiristoosiin hin ganan.


Haguma isiin uf kabajjitee fi haga uf boonsiteen miidha'aa fi gadda isi'ii kennaa'a. Onnee isi'ii keessatti, «Ani mootittii ta'ee jiraadha, haadha hiyyeessaa hin ta'u, horomaa hin gaddu» waan jetteef.


Bineensillee hin qabame; worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.


Haa ta'uu ammo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa waaqeffatan, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu; kun du'a lammeesso'ooti.»


Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolfamaa waaqeffatan, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.


Kenna'aa fi ciincaa kiyya ka ani akka naa dhiyeessaniif ajaje isin maaf salphiftan? Ijoolleen tee waan ciinca'aaf dhiyaatu mishaa irraa fudhatanii furdatu'uuf nyaatan ati na caalaa maaf isaan kabajjite?›


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan