Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:15 - Kitaaba Woyyuu

15 Eegasuu nu worri guutuu taane martinuu, kana haa yaannuu; waan tokko keessatti yaada addaa yoo qabaattan Rabbi akkasuma waan akkasii isinii ibsa.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

15 Eegasuu nu worri guutuu taane martinuu, kana haa yaannuu; waan tokko keessatti yaada addaa yoo qabaattan; Rabbi akkasuma waan akkasii isinii ibsa.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

15 Eegaa nu'u worri jireenna Hafuuraatiin jabaanne marrinuu yaada kana fakkaate kana qabaachuu ni qabnna, Yaanni ittiin gargar baatan jidduu keessan yoo jiraate, yaada kana'llee Waaqinni ifa isiniif ni taasisa.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:15
21 Iomraidhean Croise  

Huleen sun karaa guddaa ta'a; «Karaa woyyuu» jedhamee waamama; worri battaaye keessa hin deemu; worra karaa irra jiran calla'aaf ta'a; gara laafeyyiin karaa irraa hin daban.


Akkuma Abbaan keessan ka sami'ii guutuu ta'e, isinillee akkasuma guutuu ta'aa'a.»


Eegasuu isin hammeeyyii taatanii ijoollee teessaniif yoo kennaa mishaa kennuu ka beettan ta'e, abbaan keessan ka sami'ii worra Isa kadhataniif attamitti Ayyaana Woyyuu caalchisee isaanii hin kennineef ree?


‹Isaan martinuu worra Rabbiin irraa baratan ta'an› jedhamee raattotaan barreeffameera. Eeganaa ka Abbaa irraa dhagayee fi ka barate maruu gara kiyya dhufa.


Ka fedhii isaa raawwatuu jaalatu yoo jiraate, inni barumsi kun Rabbiin irraa yoo ta'e yookaan ka ani uf irraa dubbadhu yoo ta'e hin beeka.


Nu worri amanti'iin jajjabaa taane, dadhabbii worra dadhabanii baadhachuu nu barbaachisa malee, uf gammachiisuu nu hin barbaachisu.


Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'imman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a.


Worra bilchaatan wodhakka'atti ammo ogummaa dubbanna; haa ta'uu ammo, Ogummaa worra adunyaa tanaati miti. Ogummaa adunyaa tanaa ta diiggamtu ta akka ogummaa bulchoota saniitii miti.


Waan adda ta'e horoma akka hin yaanne, ani Gooftaa waan keessaniif hedadheera; eennullee ka isin raasu yoo jiraate murtee ufii argata.


Abbaan ulfinnaa Rabbiin Abbaa keenna Yesuus Kirstoosii akka isin isa beettan, Ayyaana Ogumma'aatii fi mudhata akka isinii kennu Rabbiin kadhadha.


Nullee karaa Kiristoosiitiin nama guutuu ta'u maraa dhiyeessu'uuf, nama maraa gorsa'aa, namoota maraa ogummaa maraan barsiisa'aa ka lallabnu kana.


Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata.


Waan wol jaalachuu obboleeyyanii isinii barreessuun hin barbaachisu. Wol jaalachuun akka isin barbaachisu isinuu Rabbiin irraa waan barattaniirtaniif.


Kitaabni Ayyaanni Rabbii keessa jiru martinuu barumsaaf, gorsa, onnee namaa qajeelchu'uu fi gorsa karaa qajeellumma'aa maraafuu hin fayyada.


Dhiyanni jabaan ammo worra waan misha'aa fi waan hamaa addaan baasuuf, worra waa hubatanii fi worra yaada guutu'uutiif barbaachisa.


Ka dubbii isaa eegu maruu jaalalli Rabbii isa keessatti dhugamaan raawwatameera. Isa keessa jiraachuu keenna kanaan beenna.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan