Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:13 - Kitaaba Woyyuu

13 Obboleeyyan tiyya! Haga ammaallee akka waan harkaan gayadheetitti hin laakkayu. Haa ta'uu ammo waan tokko godha. Waan na duubatti hafe irraanfata'aa ka afoo kiyya jiru qabachu'uuf hiixadha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

13 Obboleeyyan tiyya! Haga ammaallee akka waan harkaan gayadheetitti hin laakkayu. Haata'uu ammoo waan tokko hin godha. Waan na duubatti hafe irraanfata'aa ka afoo kiyya jiru qabachu'uuf hiixaadha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

13 Yaa obboleeyyan! Amma'llee akka waan achi gayee titti hin lakkaayu, garuu waan tokko ni raawwadha, waan duuba kiyyaan jiru iraafata'aa ka fuundura kiyyaan jiru qabu'uuf ni hiixadha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:13
15 Iomraidhean Croise  

Ani Rabbiin waan tokko kadhadha; isiillee hin barbaada; bara jireenna kiyyaa maraa mana Rabbii keessa jiraachuu; bareedaa fi ulfinna isaa maalalee inni godhu laalu'uu fi akka mana woyyuu keessatti isa kadhachuu danda'u.


Mucattii tiyya! caqasi; hubadhu; gurra kee as qabadhu; banii keetii fi mana abbeetii irraanfadhu.


Wonti barbaachisu ammo waan diqqo'o; yookaan waan tokko. Maariyaam hiree mishaa filatteerti isii irraa hin fudhatamu» isi'iin jedhe.


Yesuus ammo, «Eennullee ka dongoraa harkisa'aa harkatti qabatee uf duuba laalu jeennata Rabbiitiif hin malu» jedheen.


Kanaafuu ammaa achi eennuttillee fuula laala'aa hin murteessinu; Akki Kiristoosiin itti laalle ija laalcha fooniitiinillee yoo ta'e, ammaa achi haala kanaan hin laallu.


Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.


Kana maraa argeera; yookaan guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haa ta'uu ammo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.


Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee, isaaf jedhee waa maraan miidhame.


Eeganaa barumsa waan Kiristoosii ka jalqabaa dhiifnee gara barumsa worra gugurda'aa haa deemnuu; bu'uura deebifnee hin bu'uursinuu. Sunillee hujii gara du'aa nama geessu irraa aagii galuu,


Isin ammo jaalatamtoota tiyya! Gooftaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaati. Woggaan kumaa akka guyyaa tokkoo akka ta'e waan kana hin dagatinaa'a.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan