Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:12 - Kitaaba Woyyuu

12 Kana maraa argeera; yookaan guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haa ta'uu ammo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

12 Kana maraa argeera yookiin guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haata'uu ammoo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasiifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

12 Kana maraa amma'llee hin arganne, yookiin kana maraanuu muda maleessa ta'ee jira jechu'uuf hin danda'u, haa ta'u malee Yesus Kristos ana ka isaa taasisee, kennaa naaf qopheesse argachu'uuf ufi durana fiigu'uun ni hisadha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:12
44 Iomraidhean Croise  

Qulqulloonni garuu karaa dhuga'aa irraa hin goran namni harki isaa qulqulluu ta'e hunna eda'ata'aa deema.


Ani seera kee eegu'uuf; akka karaan kiyyallee naa qajeelu; hin hawwa ture.


Rabbi kaayoo na irraa qabu hin raawwata; Yaa Rabbi! jaalalti tee baraa haga bara baraati; yabo'oo hujii harka keetiititti hin cadhisin.


Waandhana! akkuma borofni burqaa bisaanii hawwu, anillee si arguu hawwa.


Lubbuun tiyya sitti rarraate; harki kee ka mirgaa irkisee na qabe.


Lubbuun tiyya bayimman Rabbii yaaddi; guddifteellee dharraati; garaanii fi foon kiyyallee, Waaqa jiraata'aa ililfadhaa'a.


Murtiin deebi'ee seera balchumma'aa irratti hundaaya; worri garaa qajeela'aa maruu isa hordofan.


Karaan worra balcha'aa akka ifa haga guyyaa guutu'uu ifa'aa deemuu ka akka gagaarrinna ganamaati;


Rabbi akkana jedha, «Worri anaa fi balchummaa soxxan na dhagayaa'a; gara dhagaa irraa argamtaniitii fi gara boolla keessaa baatanii laalaa'a.


Koottaa'a Rabbiin haa beennuu; shakkii malee isa duukaa haa buunuu; inni akka ifa bariisa'aatii fi akka badheessaatitti dhugamaan gara keenna dhufa.»


Akkuma Abbaan keessan ka sami'ii guutuu ta'e, isinillee akkasuma guutuu ta'aa'a.»


Gooftaanillee, «Inni kun worra Yihuudii hin taane, moototaa fi ijoollee Israa'elootaa afo'otti akka maqaa kiyya baadhatuuf meeshaa naaf filatame waan ta'eef deemi.


hunna qabeeyyii ol gubba'aa gad bu'u uumama addaallee yoo ta'e, jaalala Rabbii ka karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessaan arganne keessaa akka nu baasuu hin dandeenne hubadheera.


Inni guutuun yoo dhufe, hagoon sun hin hafa.


Adha akka waan uf argaa dimimmisaa keessa laaluuti; hennaa san ammo addaata'atti wol argina. Wonti amma beeku hago'o. Hennaa san ammo anillee akkasuma akka beekkame hin beeka.


Hulee wol morkii fiigichaatitti namni maruu hin fiiga. Haa ta'uu ammo ka badhaafamu tokkicha akka ta'e hin beettanii? Isinillee akkasuma akka badhaasa argattan fiigaa'a.


Nu dadhabnee, isin hennaa jabaa taatan waan gammanneef. Isin guutuu akka taatan, kanaafillee akkasuma Rabbiin kadhatan.


Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu.


Fedhiin foonii fedhii Ayyaanaatiin waan wol faalleessuuf kunniin lamaan waan wol mormaniif kanaafuu waan jaalattan godhuu hin dandeettan.


Uduu adunyaan hin uumamne afoo isaatitti woyyootaa fi worra mudaa hin qabneef jaalalaan akka jiraannuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate.


Nu marti keenna gara tokkummaa Ilma Rabbii amanu'uu fi beeku'uun argamuutiif gara nama guutuu ta'u'uu haga waan Kiristoosiitiin guuttamuu geennuuf tajaajila woyyootaa hojjatu'uuf qaama Kiristoosii ijaaru'uuf guutuu akka ta'an.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootewoosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan worra qulqullootaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin qajeellota ta'an maraaf; akkasuma jaarsotaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Ta'ullee woma duraan baranne callaa jabeessinee haa qabannuu.


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin waaqeffatuu, nu worra Yesuus Kiristoosiin dhaadannu, worra waan foonii hin hedanne, worra gadoomne waan taaneef.


Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee, isaaf jedhee waa maraan miidhame.


Eennullee eennuun irratti waan hamaa akka hin deebifne uf eegaa'a. Haa ta'uu ammo hennaa maraa martii keessanuu waan mishaa wolii godhu'uuf jabaadhaa'a.


Nu ammo worra Goofta'aan jaalatamtan! hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galatoonfachuu nu barbaachisa. Rabbi Ayyaanaan woyyoomuu dhugaallee amanu'uun fayyinnaaf akka hangafaatitti waan isin filateeruuf.


Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.


waan mishaa godha'aa hujii misha'aan dureeyyii akka ta'an, worra nama gargaaranii fi worra namaa qoodan ta'u'uuf akka qophaayan isaan gorsi.


Namoota maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a; Woyyoomuu barbaadaa'a. Isaan malee ka Gooftaa arguu danda'u waan hin jirreef.


gara worra sami'itti maqaan isaanii barreeffamee, gara tokkummaa hangafa abbaa murti'ii maraatuu ka ta'u, gara Rabbii, gara lubbuu qajeellota guutu'uu,


karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Nu martinuu waan hedduun hin dogoggorra; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggorre, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.


Waandhi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa inninuu guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jajjabeessa.


badhaadhumma'aa fi beekkumsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan