Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:9 - Kitaaba Woyyuu

9 Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse; maqaa maqaa maraa caalu kenneef.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

9 Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse; maqaa maqaa maraa caalu kenneef.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

9 Waayee kanaan Waaqinni gara bakka waan maraa ol jiruu, bakka ulfinnaa ol isa ni qabeen, maqaa maqaa mara caalu'llee ni kenneef.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:9
46 Iomraidhean Croise  

Si'ii fi dubartii tana jidduu, fiixaa keetii fi fiixaa isi'ii jidduu diina akka ta'an godha. Inni mataa kee mushurussa; atillee koomee isaa iddita» jedheen.


Rabbi Gooftaa kiyyaan, «Diintota tee ejjata luka keetii jala haga sii godhutti mirga kiyya taa'i» jedheen.


Gooftaan mirga kee jira; guyyaa dheekkamsa ufii mootota butucha.


Anillee hangafa isa taasisa; mootota ardii irraa caalaa ol jedha.


«Waan na jaalateef hin oolchaan; maqaa kiyya waan beekeef isa golga.


Rabbi akkana jedha, «hujiin tajaajilaan kiyya hojjatu maruu hin qajeelaaf; ulfinni isaa gudda'a.


Lubbuu ufii du'aaf kenne; worra waan hamaa hojjateen wolitti laakkayame; inni garuu cubbuu nama maraa fudhate; worra cubbamtootaa bakka bu'ee Waaqa kadhate; kanaafuu ani akka inni worra jajjaba'aa fi gugurdaa woliin boojuu qoodamu godha.»


Badhinni mootummaa isaa; guddinni nagaya isaa daangaa hin qabu; ammaa jalqabee haga bara baraa mootummaa ufii haqaa fi balchumma'aan hundeessa; irkisee qabee jabeessa; teessoo Daawitii irra taa'a; biyya maraa hin bulcha; hinaaffaa Rabbii Gooftaa banii maraatitu kana godha.


Baniin biyya gara garaa keessa jiraatanii fi gofti afaan gara garaa dubbatan akka isa tajaajilan baalliin, ulfinnaatii fi mootummaan kennameef; bulchiinsi isaa ka baraa haga bara baraa hin banne; mootummaan isaa dhuma hin qabu.


Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru.


Yesuus gara isaanii dhufee, «Baalliin maruu ardi'ii fi sami'itti naa kennameera.


«Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e Abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe.


Yesuus Aabbaan maraa harka isaatitti dabarsee akka kenne Rabbiin biraallee akkuma baye, gara Rabbiillee akka deemu beekee,


Ani ammaa achi adunyaa irra hin jiraadhu; isaan adunyaa kana irra jiraatan. Ani gara kee dhufa. Abbaa Woyyuu'u! ka naa kennite kanniin akka keenna akka tokko ta'aniif maqaa keetiin isaan eegi.


Ani hennaa isaan woliin adunyaa tana irra jiru worra naa kennite maqaa kee ka naa kenniteen eegeera; wonti kitaabni jedhe akka raawwatamuuf ilma badi'ii malee isaan keessaa eennullee hin banne.


Ammallee Abbaa kiyya! ulfinna uduu adunyaan hin uumaminiin duratti si biraa qabuun ati uf biratti na kabajji!


Rabbi wonti kana godheef Israa'eliif dhiifamsa cubbu'uu isaanii kennu'uuf dabarsee akka kennamu isa qorsaa fi mataa godhee mirga ufiititti kabajjeen.


Bara dhumaa keessa waan godhu'uuf karoorfate, waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa, karaa Kiristoosiitiin wolitti qabu'uuf.


Inni qaama isaa jechuun, mataa Woldaa Kiristaanaati. Innillee maraa afoo ta'u'uuf, worra du'an keessaa du'aa ka'u'uun hangafa.


Kanaaf akkuma maqaan Rabbi isaa kenne maqaa maleekkotaa caalu, Inni ka maleekkota caalu ta'eera.


Qajeellummaa jaalattee dhara jibbite; kanaaf Waandhi Rabbiin kee, hiriyyaa kee caalaa muudama gammachu'uutiin si muude» jedha.


Yesuusii mataa amantii keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf.


Haa ta'uu ammo Ayyaana Rabbiitiin waan nama maraatiif du'a dhandhamu'uuf Yesuusii Maleekkaa diqqoo hanqatee ture, sababaa rakkinna du'aatiin gulloo ulfinnaatii fi galataa godhatee arginaan.


Kiristoos amma gara sami'ii ol bayee mirga Aabba'aa taa'eera. Maleekkonni worri baallii qabaniif hunna qabeeyyiin martinuu baallii isaa jala jiran.


Hennaa laagaan ulfinnaa teessoo isaa irraa, «Ilmi ani jaaladhu, ka itti gammadu kana» jechi jedhu dhufe, Rabbii Abbaa irraa ulfinnaa fi galata argateera.


Worra Yihuudii hin taane irraa womaa uduu hin fudhanne maqaa Yesuusiitiif jedhanii waan bayaniiraniif.


akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,


Maleekkaan torbeesso'oo xurumbaa afuufe. Sami'itti, laagaan guddaan, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa ta Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» jedhu dhagayame.


Uffataa fi gudeeda isaa irratti barreeffama maqaa, «Mootii moototaa, Gooftaa Gooftotaa» jedhu qaba.


Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyyaa irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf.


Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame saniif hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan