Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:8 - Kitaaba Woyyuu

8 Fakkeennaan akka namaa ta'ee uf salphise; haga fannifamee du'uutittillee hin ajajame.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

8 Fakkeennaan akka namaa ta'ee, uf salphisee, haga fannifamee, du'uutittillee hin ajajame.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

8 mataa gad qabataan ufi gad ni qabe, haga du'aa titti'llee, san'llee fannoo irratti fannifamee, haga du'uu titti, ajajamaa ni ta'e.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:8
26 Iomraidhean Croise  

Sariin na marsan, gumiin worra hammeeyyi'ii naannaya kiyya hiriiraniiran; lukaa fi harka kiyyallee woraananiiran.


Rabbiin sodaachuun ogummaa barachu'u; kasoomuun ulfinna dursiti.


Innillee isaan afo'otti jijjiirame; fuulli isaa akka adu'uu ife; uffanni isaa adii weeccaa ta'e.


Diqqoo isaan irraa siiqee kallachaan gad kufee, «Abbaa kiyya! yoo danda'ame, mijuun rakkinnaa tun na irra haa luftuu; haa ta'uu ammo akka fedha keetii malee akka fedha kiyyaa hin ta'in» jedhe.


Yesuus ammallee hennaa lammeesso'ootiif isaan irraa siiqee, «Abbaa kiyya! mijuun rakko'oo tun uduu hin dhunne na irra lufuu ka hin danda'amne yoo ta'e fedhiin tee haa taatu» jedhee faateffate.


Uduu inni faateffata'aaru bifti fuula isaa jijjiirame; uffanni isaallee calalaqee adii ta'e.


Lubbuu kiyyallee fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennullee na irraa hin fudhatu; jiraachisu'uuf baallii qaba. Akkasuma kaasu'uufillee baallii qaba. Seera kana abbaa kiyya irraa fudhadhe.»


Haa ta'uu ammo ani Aabbaan akka jaaladhu adunyaan akka beettu, akka Abbaan na ajaje akkasuma godha; ka'aa asii haa deemnuu.»


Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegee jaalala isaatiin jiraadhu, yoo ajaja kiyya eeddan jaalala kiyyaan jiraattan.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Nyaanni kiyya, fedha ka na ergee raawwachu'uu fi hojii isaa fixu'u.


Inni uf salphise; murtiin dhuga'aa hin kennamneef. Jireenni isaa lafa irraa waan fudhatameeruuf, eennutu dhala isaatitti himuu danda'a ree?»


Akkuma ajajamuu dhabuu nama tokkootiin hedduun isaanii cubbamtoota ta'an, akkasuma ammo ajajamuu nama tokkootiin hedduun isaanii qajeellota ta'an.


Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beettaniirtaniif, dureessa uduu ta'u isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e.


«Ka muka irratti fannifamu maruu ka abaarame» jedhamee waan barreeffameeruuf Kiristoos waan keennaaf abaaramaa ta'ee seera abaarsaa jalaa nu booji'e.


namni muka irratti fannifame Rabbii Waaqa afo'otti abaaramaa waan ta'eef reeffa isaa muka irra hin bulchin; garuu lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu akka hin batteessine reeffa san guyyama san awwaali.


Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.


Yesuusii mataa amantii keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf.


Cubbuu woliin wondhaansa baya'aa haga dhiinni keessan jigutti hin falmanne.


Cubbuu irraa duunee, qajeellumma'aaf akka jiraannu Kiristoos cubbuu keenna nafa ufiitiin fannoo irratti baadhate. Isin tumama madaa isaatiin fayyitaniirtan.


Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haa ta'uu ammo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammo jiraataa ta'e.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan