Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:6 - Kitaaba Woyyuu

6 Inni uduu amala Rabbiitiin jiraata'aa jiru, Ulfinna Rabbumma'aa ka Rabbiin woliin isa qixxeessu akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

6 Inni adaba Rabbiitiin jiraata'aa uduu jiru, Ulfinna Rabbummaa Rabbii woliin isa qixxeessu akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

6 Inni yeroo maraa amala Waaqumma'aa ni qaba, haa ta'u malee Waaqaan woliin waan qixa isa taasisu, amala huminna Waaqa jiraata'aa, akka qabatetti hin lakkoofnneen.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:6
37 Iomraidhean Croise  

Kanaafuu Gooftaan inninuu malkata isinii kenna; kunoo durbi duudaan hin ulfoofti; ilma dhiiraa deetti; maqaa isaallee Amaanu'eel jettee itti baafti.


Hara'aa gara Yihuuda'aa bu'a; cambalaqa'aa lufa; haga mormaa gaya; Amaanu'eel! Koolli diriire lafa kee daanga'aa haga daanga'aa eega»


Daa'imni nuu dhalateera! ilmi dhiiraa nuu kennameera! baalliin lum'a isaa irra ta'a; maqaanillee, Gorsaa maalale'ee; Waaqa jabaa; Abbaa bara baraa, hayyuu nagayaa» jedhama.


Inni hennaa mooye baniin biyya Yihuuda'aa nagaya argata; baniin Israa'eliillee nagayaan jiraata; inni ‹Rabbi balchummaa keenna› jedhamee waamama.


Rabbi akkana jedha, «Ati Beeteliheemiin biyya Eefraata'aa keessatti argamtu! yoma qachoota Yihuuda'aa didiqqoo keessa taatellee akkuma armaan dura bulchaan si keessaa jalqabe baraa haga bara baraa ka banii kiyya Israa'eliin bulchu achi keessaa naa baya» jedha.


Waandhi banii maraa akkana jedha, «Yaa guraadee'e! ati tissee kiyya ka naan wolii galutti ka'i! akka hoolonni bittinnaayan tissee dhayi! anillee didiqqaa irratti harka kiyya hiixadhaa.


Wonti dubbatame sun, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilma deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u.


Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.


Yihuudonnillee, «Hujii misha'aaf si hin dhoofnu waan arraba keetiitiif; ati nama taatee waan Rabbiin uf gooteef» jedhanii deebisaniif.


Yoo godhe ammo, anallee yoo amanuu dhabaattan, Aabba akka ana keessa, anillee akka Aabbaan keessa ta'e akka beettanii fi akka qaabattan hujii isaa amanaa'a.»


‹Ani hin deema, gara keessanillee hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaniirtan. Uduu ka na jaalattan ta'ee, waan Aabba na caaluuf gara Aabbaa waan deemeef silaa hin gammaddan.


Yesuus akkana jedheen, «Ati Filiphoos! haga bara kana maraa hennaa isin woliin jiraadhe na hin beettuu? Ka na arge Aabbaan argeera; ati attamitti, ‹Aabbaan nutti mudhis› jetta?


Ammallee Abbaa kiyya! ulfinna uduu adunyaan hin uumaminiin duratti si biraa qabuun ati uf biratti na kabajji!


Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef.


Eeganaa waan Sambata diige calla'aafii miti, akkasuma Rabbi abbaa kiyya jedhee Rabbiin waan uf qixxeesseef, Yihuudonni isa ajjeesu'uuf guddisanii soqaniin.


Abboonnillee ka isaanii waan ta'aniif isaan keessaa Kiristoos fooniin dhalate; Inni waa maraa ol ta'ee, bara baraan Waaqa eebbifama'a! Amiin.


Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, seexanni waaqa adunyaa tanaa ta'e qalbii worra hin amannee jaamse.


Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beettaniirtaniif, dureessa uduu ta'u isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e.


Ka ufumatti Waaqa ta'e, ka hin bannee fi hin mudhanne, mootii bara baraatiif galanninii fi ulfinni baraa haga baraa haa ta'u! Amiin.


Dhossaan Rabbiin fakkaachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka fooniin mudhate, ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, ka biyya lafaa keessatti amaname, ka ulfinnaan ol baye.»


Abdii eebbifamaa keenna, innillee mudhata kabajjamaa Rabbii keenna gudda'aa fi qoricha keenna Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa.


Inni ka ulfinna Rabbii calanqisiisuu fi fakkeenna sirrii ka amala isaa ta'ee dubbii ufii jaba'aan maraa irkisee qabeera; haga cubbuu qulqulleesseen maayessa sami'itti gaachena ulfinna isaa mirga taa'e.


Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha.


Waan ilma ufii ammo, «Waaqa kiyya, teessoon kee haga bara baraa jiraata; qajeellummaan ulee jeennata teetiiti.


Yesuus Kiristoos kaleessa, adhaa haga bara baraa sanuma.


Kanaan maayessa akkana naan jedhe, «Raawwatameera! Ani Aalfa'aa fi oomeega'a; jalqabaa fi dhuma; ka dheebote burqaa jireennaa irraa akkanumaan kennaaf.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan