Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:25 - Kitaaba Woyyuu

25 Akkasuma obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Ephafrodixosiin isinii erguun giddi'i.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

25 Akkasuma Obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammoo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Afirodiixiin isinii erguun giddi'i.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

25 Akkuma kana waan ana barbaachisu maraanuu akka ana gargaaruuf ergitaniinii ka turttan obboleessi kiyya Ephaafroditusiin, gara keessan erguun barbaachisaa ta'ee argadhee jira, inni'llee ana woliin ka hiriire lolttu'uu fi waahela hujii kiyya ta'ee, hojjata'aa ka ture.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:25
19 Iomraidhean Croise  

Akkuma hennaa midhaan haama'aa bisaan barada'aa garaa namaa qabbaneessu; ergamaan amanamaan ka isa ergeefillee akkasuma; gooftota ufiillee waan gammachiisuuf.


Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha garbichi Gooftaa ufii hin caalu ergamaanillee ka isa erge hin caalu.


Akkuma ati gara adunyaa tanaa na ergite akkasuma anillee gara adunya'aa isaan ergeera.


Worra hujii Yesuus Kiristoosii na woliin hojjatan Phirisqilla'aa fi Aqila'aatti nagaya naa himaa'a.


Urbaanoonni hujii Kiristoosii na woliin hojjatuuf, Siinxaakisii jaaladhutti nagaya naa himaa'a.


Isin gamoo Rabbiiti isa woliin waan hojjannuuf.


Tiitoo obboleessa kiyya waan hin arganneef yaanni kiyya hara hin baafanne; kanaafuu nagaya isaanitti dhaamadhee gara Maqedooniya'aa ol baye.


Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.


Haa ta'uu ammo maraa hin qaba; naa baay'atalle'e; kennaa keessan ciincaa urgaaya'aa fi jaalatamaa ka Rabbiin gammachiisu Afirodiixiin irraa fudhadhee gammachu'uun guuttameera.


Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan kuuwwanillee waan Dubbii Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran.


Ephafiraa jaalatama'aa fi garbicha Rabbii ka nu woliin hojjatu irraa akkanatti barattan; innillee waan keessaniif tajaajilaa amanamaa Kiristoosiiti.


Worri jeennata Rabbii keessatti na woliin hojjatan kanniin calla'a; isaanillee na jajjabeessaniiran.


Waan amantii keessaniitiif akka isin jajjabeessuu fi akka isin gorsu, obboleessa keenna tajaajilaa Rabbii ka nu woliin Dubbii Nagayaa Kiristoosii hojjatu Ximootewoosiin gara keessan ergineerra.


Maarqoosiin na woliin hojjatu, Arisxirookoos, Deemaasii fi Luqaasillee nagaya sii dhaamaniiran.


Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantii keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan