Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:17 - Kitaaba Woyyuu

17 Haa ta'uu ammo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

17 Haata'uu ammoo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

17 Waaqaaf amanti'iin kitimaan dhiyeessitanii fi tajaajila irratti, lubbuun tiyya'llee kitimaa dabalataa taatee yoma dhiyaatte'llee ni gammada, isin'llee qoodamtoota gammachuu kiyyaa ni taatan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:17
21 Iomraidhean Croise  

Kennaan kunillee kennaa hennaa maraa ciincaa ta'ee dhiyaatu, kennaan ciinca'aa ka Rabbiin gammachiisu kun ka hennaa duraatiif gaara Siina'aa irratti kennaa midhaanii ta'ee Rabbii dhiyaate.


Korbeessa hoola'aa ka duraa woliin kennaa waan dhuganii daadhii woyini'ii cimaa iinii tokko hulee ciinca'aa irratti jissaa'a.


Haa ta'uu ammo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe innillee Dubbii Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na biratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.


Phaawuloos ammo deebisee, «Booya'aa qalbii tiyya shukulsiisuun keessan maali'i? Ani waan Goofta'aatii fi waan maqaa Yesuusiitiif Yerusaalemitti du'u'uuf qophaayeera; hidhamuu calla'aafii miti» jedhe.


Eegasuu Obboleeyyan tiyya! Nafti keessan ka Rabbiin gammachiisuu fi ciincaa jiraataa gootanii akka dhiyeessitan, gara laafummaa Rabbiitiin isin kadhadha. Innillee tajaajila keessan ka sammuu namaatiif tolu.


sababa badhaadhummaa Rabbiin biraa naa kennameen deebi'ee isin hubachiisu'uuf jedhee bakka tokko tokkotti uggiiti'iin isinii barreesse.


Ani ammo waan lubbuu keessaniitiif gammachuu gudda'aan birrii kiyya kaffala. Ufillee yoo ta'e hin kaffala; hagaa olitti yoo isin jaaladhe, waan kanaaf jaalalli keessan hin hanqataa?


Kanaafuu duuti isaa nu irratti; jireenni isaa ammo isin keessatti hojjata.


Uduu worra gaddu taanu hennaa maraa hin gammanna. Hiyyeeyyii taanee namoota hedduu dureeyyii goona, worra womaa hin qabne fakkaannullee wonti maruu keenna.


Waan keessaniif amantiin kiyya gudda'a, sababaa keessaniif guddisee boona; guddisee jajjabaadheera; rakkoo keenna maraa keessatti ani hin gammada.


Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, waan tokkottillee hin saalfadhu. Haa ta'uu ammo yoo lubbu'uun jiraadhe yookaan yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba.


Isinillee akkasuma gammadaa'a. Na woliinillee gammadaa'a.


Tajaajila isin naaf kennuu hin dandeenne guutu'uuf jedhee hujii Kiristoosiitiif jedhee jiruu ufii uduu hin filatin du'uu gaye.


Haa ta'uu ammo maraa hin qaba; naa baay'atalle'e; kennaa keessan ciincaa urgaaya'aa fi jaalatamaa ka Rabbiin gammachiisu Afirodiixiin irraa fudhadhee gammachu'uun guuttameera.


Ani amma waan keessaniif jedhee rakkachuu kiyyaan hin gammada. Waan nafa isaa jechuun waan woldaa Kiristaanaatiif foon kiyyaan rakkachuu Kiristoosiitiin waan hanqate anillee hin guuta.


Akkasuma isin jaalata'aa Dubbii Nagayaa ka Rabbii qooduu callaa uduu hin taane, lubbuu teennallee akkasuma isinii keennuun fedhaa fi jaalala keenna; waan jaalatamtoota keenna taataniif.


Lubbuun tiyya amma akka dhibaayyu'uutitti jigu'uuf taati; hennaan deemullee gayeera.


Isinillee akkasuma akka dhagaa jiraata'aa taatanii Yesuus Kiristoosiin keessaa ciincaa Ayyaanaa ka Rabbiin gammachiisu dhiyeessu'uuf gadoota woyyuu akka taatan mana jireenna Ayyaanaa ta'u'uuf ijaaramaa'a.


Inni waan lubbuu ufii dabarsee nuu kenneeruuf, jaalalti maal akka taate kanaan beenna. Nullee waan obboleewwan teennaatiif lubbuu teenna kennuu nu barbaachisa.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan