Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:12 - Kitaaba Woyyuu

12 Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

12 Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Waadaa Haarawa

12 Yaa waaheloota! Ani yeroo isin woliin turetti yeroo maraa ajajamoota akka turttan, gonkumaa amma yeroo isin irraa fagaadhee jirutti caala'atti ajajamoota akka taataniif isin ni yaadachiisa, Kanaaf tokko tokkoon keessan fayyinna keessan muda maleessa taasisu'uuf, soda'aa fi kabajaan hisadha'aatii hojjadhaa.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:12
41 Iomraidhean Croise  

Amma akka ajaja Gooftaa kiyyaatii fi akka gorsa worra Waaqa keennaa sodaatuutitti dubaraa fi daa'imman isaan irraa dhalatanillee maraa uf biraa galchu'uuf Waaqa keenna woliin waadaa haa galluu; wonti kun akka seeraatitti haa raawwatamuu.


Ani waan si sodaadheef nafti kiyya na hollate; murtii keellee sodaadheera. Ee;


Soda'aan Rabbiin tajaajilaa'a; isaa hollachuunillee isin haa gammachiisuu.


Mindaan balchootaa jireenna argamsiifti; bu'aan hammeeyyi'ii garuu adabbii isaanitti fiddi.


Namni amshaaggu jabeessee hawwa; womaa hin argatu; worri jabaatanii hojjatan garuu dheebuu bayan.


Kanniin maraa natu uume; kun maruu kiyya; ani gara nama kaso'oo, gara nama keessi isaa cabee fi gara nama dubbii kiyya sodaatuu laala.


Isin worri dubbii isaa kabajjitan dubbii Rabbii dhagayaa'a; «Worri maqaa kiyyaaf jedhanii isin jibbanii uf irraa isin fageessan mee gammachuu keessan arginaa ‹Ulfinni Rabbii haa mudhatuu› jedhan salphinna san ufumaa irratti kufan.


Bara Yohaannisii cuuphaa irraa jalqabee haga ammaa jeennanni sami'ii hunnaan dhiibama'aarti; worri itti galu'uuf jabaatanii tattaafatan hin argatan.


Qambaraa kiyya baadhaa'a. Narraallee baradhaa'a. Ani gara laafessaa fi Kasoo waan ta'eef, lubbuu teessaniin hara baafata argatanii.


Hennaa kana eedduun balbala eegu ibsaa kadhatee gara keessaa ol fiigee hollata'aa Phaawuloosii fi Sillaasiin afo'otti kufe.


Hollata'aa maalalfatee, «Gooftaa kiyya! Akka maal godhu feeta?» jedheen. Gooftaanillee, «Amma ka'iitii gara qachatti'ii seeni; achitti waan gootu sitti himamaa» jedheen.


Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa kenna.


Kanaaf obboleeyyan tiyya jaalatamtoota! dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.


Hennaa gara keessan dhufe dadhabbi'ii fi soda'aan akkasuma holluu gudda'aan ture.


Akka ijoollee jaaladhuutitti isin gorsu'uuf malee, isin saalfachiisu'uuf kana isinii hin barreessu.


Kanaaf sodaachu'uu fi hollachu'uun attamitti akka isa simattan ajajamuu keessan maraa yaada'aa jaalalti inni isiniif qabu kana caalaa eda'ameera.


Isin Garboonni! akkuma Kiristoosii ajajamtan kabajja'aa fi soda'aan yaada qajeela'aan worra fooniin gooftaa isinii ta'anii ajajamaa'a.


Eeganaa Dubbii Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a; yoo kana ta'e, yoo dhufee isin arge yookaan isin irraa yoo fagaadhellee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessanii fi akka tokkumma'aan Dubbii Nagayaa wol geessu'uuf tattaafattaniirtan hin dhagayaa.


Kun waan Kiristoosiitiif, isinii waan kennameeruuf. Waan isaatiif akkasuma isatti amanuu callaa uduu hin taane waan isaatiif akkasuma rakkinnillee isin irra gaya.


Ka isiniin hujii mishaa jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufutti akka raawwatu kana waan hubadheeruuf.


Haa ta'uu ammo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximootewoosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.


Kanaafuu obboleeyyan tiyya! worri ani yaaduu fi jaaladhu, worri badhaasa, gammachu'uu fi kallacha kiyya taatan, Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a.


Isin namoota Filiphisiyuusii! jalqaba Dubbiin Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan.


Kanaafuu isinillee fayyinna karaa Yesuus Kiristoosiitiin argamu ulfinna bara baraa woliin akka argattan waan worra filatameetiif waan maraanuu hin jabaadha.


Eeganaa raattota hagana gayan naannaya kenna eega nuu jiraatan nullee akkasuma ba'aa maraa, cubbuu daddafee nu marsu balleessinee,


Eeganaa abdiin hara baafataa ta inni nuu kenne sanitti galu'uuf waadaan galu'uu ammallee waan banaa jiruuf isin keessaa eennullee carraa galu'uu akka hin dhabne uf haa eennuu.


Eeganaa eennullee ajajamuu didu'uun kufee akka hin hafne gara hulee hara baafanna'aa kana seenu'uuf haa jabaannuu.


Haga kun maruu raawwatameen maayii, Rabbiin akka muudama Malkasaadiqii hayyicha gadootaa jedhamee waan waamameef, worra isaa ajajaman maraaf madda fayyinna bara baraa ta'e.


Goshoota tiyya! biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa taatanii irra jiraattan keessatti hawwii foonii ta lubbuu teessaniin wol lolu irraa akka fagaattan isin kadhadha.


badhaadhumma'aa fi beekkumsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan